Macaafa Ermiyaas Raajichaa 30:1-24 GAZB1997 - Bible AI
1Dubbiin Waaqayyo biraa gara ana Ermiyaas dhufe kanatti fufee jira;
2Waaqayyo gooftaan inni kan Israa'el, ?Wanta ani amma sitti dubbadhu kana hundumaa caaffadhu*!
3Kunoo! Barri ani itti saba koo warra biyya Israa'elii fi biyya Yihudaa keessaa booji'aman deebisee fidu in dhufa; biyya isa ani abboota isaaniif dhuunfaa godhee kennetti isaan nan deebisa? jedhe; kana Waaqayyotu dubbate*.[186]
7Wayyoo! Guyyaan sunguyyaa guddaa sodaachisaa dha;kan akka isaatii ta'ee hin beeku;inni sanyii Yaaqoobiifguyyaa rakkinaa in ta'a;isaan garuu kanuma keessaa in baraaramu*.[187]
8?Ani guyyaa sanattiwaanjoo morma isaanii irraafuudhee nan cabsa,hudhaa isaas isaan irraa nan kuta;si'achi ormi garbichaisaan hin godhatu*;
9isaan ana Waaqayyo gooftaa isaaniitiifakkasumas mootii isaanii isa anisanyii Daawit keessaa isaaniif kaasuuf in hojjetu*.
10Kanaaf yaa garboota ko,yaa sanyii Yaaqoob hin sodaatinaa!Yaa saba Israa'el hin na'inaa!Ani kunoo, biyya fagoodhaaisin nan fida,sanyii keessanis iddoo isaanitti booji'amanii nan baasa;sanyiin Yaaqoob achitti deebi'aniibir'aa malee nagaatti in jiraatu;kan isaan sodaachisus hin jiru.
11Ani isinii wajjinan jira,isin nan gargaara,saba warran keessa isin tamsaasehundumaa nan balleessa,isiniin garuu qajeelummaadhaan adabeenisin deebisa malee,raawwadhee isin hin balleessu,isin adabuu immoo hin dhiisu? jedhe*.[188]
12Waaqayyo dubbii isaa itti fufee,?Isin madaa fayyuu hin dandeenyeenin madooftan,miidhama guddaadhaanis in miidhamtan*;
13namni isin gargaaru hin jiru,madaa keessanis qorichifayyisu hin jiru.
15Anoo sababii yakka keessan isa guddaaf,cubbuu keessan isa baay'eefis jedheenisin adabe,isin maaliif madaa keessanisa qorichi fayyisuu hin dandeenyeef iyyitu?
17Diinonni keessan,?Isin Xiyoon ishee gatamte,ishee namni dhimma ishee hin qabnee dha?yoo isiniin jedhan iyyuu,ani immoo madaa keessan nan fayyisa,gogaa haaraas isa irratti nan biqilcha;kana ana Waaqayyotu dubbate*.[189]
18?Kunoo! Ani saba koowarra sanyii Yaaqoob keessaa booji'aman nan deebisa,iddoo isaan jiraatanittisoo'a isaanitti nan argisiisa;mandarattiin deebiteeiddoo ishee duriitti in ijaaramti,manni mootummaasiddoo isaa duriittideebi'ee in ijaarama*.
19Sagaleen faarfannaa galataa fisagaleen gammachuuachi keessaa in dhaga'ama;ani isaan nan baay'isa malee,isaan hin xinneessu*;ulfina isaaniif nan kenna malee,isaan hin salphisu*;
20ijoolleen isaaniiakkuma abboota isaanii duriiakka ta'an,tokkummaan waldaa isaanii fuula koo durattijabaatee akka dhaabatu nan godha;nama isaan cunqursuhundumaas nan adaba*.
21Namni isaan geggeessuisaanuma keessaa in dhalata,kan isaan bulchusisaanuma gidduudhaa in ba'aaf;inni gara kootti akka dhi'aatu nan godha,innis gara koo in dhufa;kanaa achi eenyutu ija jabaateegara kootti dhi'aachuu danda'a ree*?
22Egaa isaan saba koo in ta'u,anis Waaqayyo isaanii nan ta'a? jedhe;kana Waaqayyotu dubbate*.[190]
23Kunoo! Bubbeen dheekkamsa Waaqayyooinni sodaachisaanmataa warra jal'ootaa irratti in bubbisa;
24bubbeen dheekkamsa Waaqayyoo kunwanta inni yaadeutuu fiixaan hin baasin,utuu hin raawwatinis hin deebi'u;kun immoo yeroo raawwatamuttihubachuuf jirtu*.[191]