Macaafa Ermiyaas Raajichaa 31:1-40 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyo dubbii isaa itti fufee, ?Ani yeroo sanatti gosa Israa'el hundumaaf Waaqayyo isaanii nan ta'a, isaanis saba koo in ta'u*.

2Sabni warri billaa jalaa ba'an, lafa onaa keessatti faara tolaadhaan in ilaalamu; ani dhufee Israa'eliif boqonnaa nan kenna? jedha.

3Ammas Waaqayyo fagootti anatti mul'atee, saba kanaan, ?Ani jaalala bara baraatiin si jaalladheera; kanaafan gaarummaa kootiin ofitti si dhi'eesse*;

4ani deebisee sin ijaara, atis jabaattee in dhaabatta; yommus yaa durbee Israa'el, dibbee kee fudhattee, kaatee gammachuudhaan in sirbita.

5Ati deebitee gaarota Samaariyaa irra dhaabaa waynii in dhaabbatta, ija isaattis atumti in gammadda.

6Barri itti eegdonni gaarota Efreem gubbaa dhaabatanii sagalee isaanii ol fudhatanii, ?Ka'aa, gara Xiyoonitti, iddoo Waaqayyo keenya jirutti ol in baanaa!? jedhan in dhufa*.[192]

7?Sababii Yaaqoobiif gammadaa faarfadhaa! Gurguddoota saba lafa irraa gidduuttis sagalee keessan ol fuudhaa, galata keessanis dhageessisaatii, ?Yaa Waaqayyo, hambaa saba kee Israa'el fayyisi!? jedhaa!

8Ani kunoo! Biyya gara bitaatii isaan nan fida, qarqara lafaatiis walitti isaan nan qaba; jaamonni, naaftoonni, warri dadhabbii qabanii fi warri da'uu jala ga'an hundinuu waldaa guddaa ta'anii*,

9isa durii yaadatanii boo'aa as in deebi'u; ani garuu isaan jajjabeessee, qarqara burqituu bishaanii irra isaan nan geggeessa; isaan karaa qajeelaa irra in adeemu malee, hin gufatan; ani Israa'eliif abbaa dha, Efreem immoo akka ilma koo isa angafaa ti*.[193]

10?Yaa saba lafa irraa dubbii koo dhaga'aa! Saba warra biyya galaana gidduu keessa jiran, warra fagoottis, ?Inni Israa'elin gargar tamsaase, amma immoo walitti isaan in qaba; tikseen horii isaa akka eegu, innis akkasuma isaan in eega? jedhaatii himaa*!

11Sanyii Yaaqoob ani nan fura, harka warra isaan caalanii keessaas isaan nan baasa*.

12Isaan dhufanii tulluu Xiyoon isa ol ka'aa irratti sagalee guddaadhaan in faarfatu, arjummaa Waaqayyoottis in gammadu; midhaan, daadhii waynii, dhadhaa ejersaa, ilmoolee bushaayee fi saawwanitti in gammadu; isaan akka iddoo dhaabaa isa bishaan keessa yaa'uu in ta'u, si'achi deebi'anii yaaddoo hin qabaatan*.

13Yommus durboonni isaanii gammadanii in sirbu, dargaggoonni isaanii fi jaarsoliin isaanii in gammadu; ani Waaqayyo boo'icha isaanii gammachuutti nan diddiira, qooda gaddanis isaan nan jajjabeessa, isaan nan gammachiisas;

14ani warra luboota cooma nan nyaachisa, saba koos gaarummaa kootiin nan quufsa? jedhe.[194]

15Waaqayyo itti fufee, ?Sagaleen Raamaatti dhaga'ame, sagalee boo'ichaa fi wawwaannaa guddaa ture; Raahel ijoollee isheetiif in boosse; ijoolleen ishee waan hin jirreef jajjabaachuus in didde*.

16Ati garuu dadhabbiin kee gatii siif argate, ijoolleen kee biyya diinaatii deebi'anii waan dhufaniif boo'icha kee dhiisi, imimmaan kees hin dhangalaasin!

17Ati si'achi abdii qabda, ijoolleen kee gara biyya isaaniitti in deebi'u; kana ana Waaqayyotu dubbate*.[195]

18?Dhuguma boo'ichi namoota Efreem na bira ga'eera; isaan, ?Ati akka nama dibicha didaa leejjisutti nu adabdeetta, nuyis adabamneerra; egaa ati Waaqayyo gooftaa keenya waan taateef, nu deebisi, nuyis in deebina*;

19nuyi si irraa gara gallee turre, erga ati nu adabde garuu yaada garaa keenyaa geddarannee, gadda irraa kan ka'es qoma keenya in rurrukutanne; balleessaa bara dargagummaa keenyaa hojjenneef in yeellaane, in salphannes? jechuu isaanii dhaga'eera.

20Efreem ilma koo isa jaallatamaa dhaa? Inni mucaa ana gammachiisuu dhaa? Deddeebisee yoon isa irratti dubbadhe iyyuu, ani isa yaadachuu hin dhiisu; kanaaf garaan koo isaaf in gadda, isaafis nan oo'a; ani Waaqayyo kana dubbadheera*.

21Yaa namoota Israa'el warra akka durbaa, karaa milikkiteeffadhaa, wanta karaa argisiisu dhaabadhaa! Karaa irra baatanis yaadaan qabaa, gara mandaroota keessaniitti deebi'aa!

22Yaa intaloota hin amanamnee, isin hamma yoomiitti asii fi achi joortu? Ani Waaqayyo wanta haaraa lafa irratti nan uuma; innis isa dubartiin dhiiratti marsituu dha? jedhe*.[196]

23Waaqayyo gooftaan maccaa, Waaqayyo inni kan Israa'el, ?Ani biyya isaan itti booji'amanii deebisee yommuun isaan fidu, namoonni biyya Yihudaa fi mandaroota ishee keessaa, ?Yaa iddoo qajeelummaan jiraatuu, yaa tulluu qulqullummaa, Waaqayyo si haa eebbisu!? in jedhu*;

24Yommus namoonni biyya Yihudaa fi mandaroota ishee keessa, warri qottuunii fi warri horii horsiisan hundinuu walii wajjin in jiraatu;

25ani warra dheebotan nan obaasa, warra beela'anis nan quufsa? jedhe.

26Kana irratti ani hirriba baay'ee anatti miyaa'ee ture keessaa dammaqee asii fi achi nan ilaale.[197]

27Ammas Waaqayyo itti fufee, ?Kunoo! Barri ani itti biyya Israa'elii fi biyya Yihudaa, namaa fi horiidhaan guutu in dhufa;

28akkuman akka isaan miidhaman, akka isaan buqqifaman, akka isaan diigamanii fi akka isaan badanii barbadeeffaman godhe, akkasuma amma immoo akka isaan ijaaramanii fi akka isaan dhaabaman nan godha*.[198]

29?Baras namoonni isa, ?Abboonni ija waynii dhangaggaa'aa waan nyaataniif, ijoollee isaanii ilkaan hadoode? jedhan sana in dhiisu*;

30?Garuu namni ija waynii dhangaggaa'aa nyaate hundinuu, ilkaanumti ofii isaatii in hadooda; namni yakke hundinuu yakkuma ofii isaatiitiif in du'a*.

31Kunoo! Barri ani itti namoota biyya Israa'eliif, biyya Yihudaafis kakuu haaraa galu in dhufa*;

32innis sanyii kakuu isa ani abboota isaanii gargaaree biyya Gibxii yommuun baase isaaniif dhaabnaan, utuma ani gooftaa isaanii ta'ee jiruu, isaan immoo kakuu koo cabsan sanaa miti; ani Waaqayyo kana dubbadheera*.

33Kakuun inni ani bara sana Israa'eliif galuuf jiru kanatti fufee jira; ani seera koo yaada isaanii keessa nan kaa'a, garaa isaanii keessattis nan caafa; ani Waaqayyo isaanii nan ta'a, isaanis saba koo in ta'u*;

34ani yakka isaanii isaaniif nan dhiisa, cubbuu isaaniis deebi'ee isaanitti hin lakkaa'u; isaan hundumti isaanii xinnaadhaa hamma isa guddaatti ana waan beekaniif, si'achi namni tokko illee nama biyya isaatiitiin yookiis obboleessa isaatiin, ?Waaqayyoon bari!? jedhee, gorsuu hin barbaachisu? jedhe*.[199]

35Inni biiftuun guyyaa akka ibsituuf, jiinii fi urjoonni immoo halkan akka ibsaniif abboome; inni galaana raasee dha'aan isaa akka huursu godhe, maqaan isaa Waaqayyo gooftaa maccaa ti*;

36inni, ?Seerri jabaatee dhaabate kun fuula koo duraa yoo bade duwwaa, sanyiin Israa'el bara baraan saba ta'uu dhiisee fuula koo duraa in bada; kana ana Waaqayyotu dubbate*.

37Akkuma bantiin waaqaa safaramee beekamuu, hundeen lafaas gad qoramee bira ga'amuu hin dandeenye, akkasuma anis guutummaa sanyii Israa'el balleessaa isaan hojjetan hundumaaf jedhee, tuffadhee gatuu hin danda'u? jedhe; kana Waaqayyotu dubbate*.[200]

38Waaqayyo, ?Kunoo! Yeroon itti mandarri Yerusaalem masaraa Hanaani'elii jalqabee hamma karra isa ?Karra golee? jedhamuutti ulfina kootiif deebi'ee ijaaramu in dhufa*;

39daariin isaas karra goleetii ka'ee hamma gaara Gaarebitti in adeema, achii ka'ee immoo gara Go'aatitti in marfata.

40Dachaan reeffi itti awwaalamuu fi daaraan itti gatamu, lafti gidduu sana jiru hundinuus hamma laga Qedroonitti, karaa ba'a-biiftuu immoo hamma karra fardeeniitti kan jiru hundinuu ana Waaqayyoof kan qulqullaa'e in ta'a; mandarattiin hamma bara baraatti hin buqaatu, hin diigamtus? jedhe*.[201]

ter>