Macaafa Ermiyaas Raajichaa 39:1-18 GAZB1997 - Bible AI

1Zedeqiiyaan mootii Yihudaa erga ta'ee waggaa salgaffaa isaatti, waggichattiis ji'a kurnaffaatti Nebukadnezaar mootiin Baabilon loltuu isaa hundumaa wajjin Yerusaalemitti duulee ishee in marse;

2Zedeqiiyaan erga mo'ee waggaa kudha tokkoffaa isaatti, waggichattii ji'a afuraffaatti, ji'ichattiis guyyaa salgaffaatti warri mandarattii marsanii turan kellaa ishee in cabsan*.

3Mandarri Yerusaalem yeroo qabamtetti gurguddoonni mootii Baabilon hundinuu ol itti lixanii karra isa gidduu keessa in buufatan; isaanis warra kanatti fufanii jiranii dha; Nergaal-Shaarezer, Samgaar-Nebuu, Saar-Sekiim isa angafa warra hojjetoota mana mootii, Nergaal-Shaarezer angafa hojjetootaa fi angafoota hojjetoota mootii Baabilon turan*.[238]

4Zedeqiiyaan mootiin Yihudaa, loltuun isaa hundinuus kana yommuu argan, halkaniin baqatanii karaa iddoo dhaabaa mootichaa karra isa masaraa lamaan gidduu jiru keessaan mandarattii keessaa ba'anii gara dachaa Yordaanositti gad in bu'an;

5loltuun warra Baabilon garuu isaan ari'anii dachaa Yerikootti Zedeqiiyaa in qaqqaban; erga isa qabataniis biyya Haamaat keessaa ?Riiblaa? iddoo jedhamutti, Nebukadnezaar mootii Baabilonitti isa in geessan; mootichis achitti isatti in farade.

6Mootiin Baabilon Riiblaa kanatti ilmaan Zedeqiiyaa utuma Zedeqiiyaan ilaaluu in ajjeesise; akkasumas immoo gurguddoota biyya Yihudaa hundumaa in ficisiise.

7Zedeqiiyaa ija keessaa baasisee funyoo sibiilaatiin hiisisee gara biyya Baabilonitti akka isa geessan in godhe*.[239]

8Achumaan immoo warri Baabilon mana Zedeqiiyaa mootichaa fi manneen namoota warra kaaniitti ibidda naqanii in guban, dallaa Yerusaalemis in diigan;

9Nebuzaraadaan abboomaan loltuu Nebukadnezaar mootichaa namoota warra mandarattii keessatti hafan, namoota warra isatti harka kennanii fi namoota warra kaan walitti qabee gara biyya Baabilonitti in geesse.

10Nebuzaraadaan abboomaan loltuu mootichaa garuu namoota hiyyeessota waan tokko iyyuu hin qabne biyya Yihudaa keessatti hambisee iddoo dhaabaa waynii fi maasii isaaniif in kenne*.[240]

11Kana booddee Nebukadnezaar mootiin Baabilon waa'ee ana Ermiyaasiif ajaja kanatti fufee jiru Nebuzaraadaan abboomaa loltuu isaatti in dabarse,

12?Namicha kana of biratti fuudhii, ba'eessa godhii isa gargaari wanta inni fedhu godhiif malee, isa hin miidhin!? jedhe.

13Ergasii Nebuzaraadaan abboomaan loltuu mootichaa, Nebushaasbaan dura-butuun hojjetoota mana mootii, Nergaal-Shaarezer mootummicha keessatti hojii guddaa inni qabuu fi namoonni mootii Baabilon warri aboo qaban hundinuu waliif galanii,

14nama erganii kellaa mana mootummaa keessaa ana in baasisan; erga ani isaan bira dhufee booddee, Gedaaliyaa ilma Ahiiqaam Shaafaanitti ana in kennan; inni immoo gara mana isaatti ana in erge; anis akkasittan saba koo gidduu jiraadhe*.[241]

15Ani Ermiyaas kellaa mana mootummaa keessatti eegamaa yommuun ture dubbiin Waaqayyoo gara koo in dhufe*;

16inni, ?Gara Ebeed-Melek nama sanyii Kuush dhaqii Waaqayyo gooftaan maccaa, Waaqayyo inni kan Israa'el, ?Kunoo! Jireenya utuu hin ta'in badiisa isan mandarattii kana irratti fiduuf dubbadhe amma fidee ishee nan balleessa; yommus ati wanti kun utuu raawwatamuu ija keetiin in argita.

17Gaafas ani sin oolcha malee, harka warra ati sodaattuutti dabarsee si hin kennu;

18ati ana waan amanatteef billaadhaan akka ati hin duunetti dhugumaan ani sin oolcha, atis jalaa in baata? jedha? jedhe; kana Waaqayyotu dubbate*.[242]

ter>