1Nebuzaraadaan abboomaan loltuu mootichaa Raamaadhaa ana Ermiyaasin erga hiiksisee booddee, dubbiin Waaqayyoo gara koo in dhufe; yommus ani namoota warra mandara Yerusaalemii fi biyya Yihudaa keessaa booji'amanii funyoo sibiilaatiin hidhamanii gara biyya Baabilonitti geeffamaa jiran keessan ture;
2abboomaan loltuu mootichaa jara keessaa kophaatti na baasee, ?Waaqayyo gooftaan kee iddoo kana akka balleessu dubbatee akkuma ture,
3amma badiisa itti fideera; isa dubbate sanas fiixaan baaseera; isin isaaf abboomamuu diddanii cubbuu waan hojjettaniif, kun hundinuu isinitti dhufe.
4Amma garuu ani funyoo sibiilaa si irraa hiikee gad sin dhiisa; ati anaa wajjin gara biyya Baabilon dhaquu yoo jaallatte ani wanta sitti tolu siif nan godha. Kottu! Na duukaa dhufuu yoo dhiiftes kunoo, biyyi Yihudaa hundinuu fuula kee dura jira gara jaallattu dhaqi!? naan jedhe*.
5Ani waa'ee dubbii kanaa itti yaaduutti utuun jiruu Nebuzaraadaan, ?Gara Gedaaliyaa ilma Ahiiqaam akaakayyuu Shaafaan isa mootiin Baabilon mandara Yihudaa irratti ajajjuu godhate sanaatti deebi'ii isa bira saba kee gidduu taa'i! Yookiis gara jaallattu dhaqi!? jedhee, kennaa anaaf kennisiisee, galaas anaaf galaasisee gad na dhiise*.
6Kana irrattan ka'ee gara Miisphaatti gad bu'ee Gedaaliyaa ilma Ahiiqaam bira dhaqee, saba warra biyyatti hafan gidduu jiraadhe.
7Angafoonni loltuu fi loltoonni Yihudootaa warri harka warra Baabilon jala hin galin jiran hundinuu Gedaaliya ilmi Ahiiqaam, dhiirota, dubartootaa fi ijoollota akkasumas hiyyeessota warra biyya keessatti hafan akka bulchuuf mootiin Baabilon aboo akka kenneef in dhaga'an;
8yommus Ishmaa'el ilmi Nataaniyaa, Yohaannaanii fi Yonaataan ilmaan Qaarehaa, Seraayaa ilmi Tanhumet akkasumas ilmaan Efaayi Netofaatichaa fi Ya'azaaniyaa ilmi Ma'aakichaa namoota isaanii wajjin Gedaaliyaa bira Miisphaa in dhaqan.
9Gedaaliyaan ilmi Ahiiqaam Shaafaan warra isa bira dhaqan kanaaf kakatee, ?Biyya kana keessa jiraattanii mootii Baabilon yoo gabbarattan isiniif in tola; sababii itti warra Baabilon sodaattaniif hin qabdan*.
10Ani ofii kootii Miisphaatti hafee warri Baabilon as yommuu dhufan iddoo keessan ta'ee dhimma barbaachisaa isiniif nan raawwadha; isin garuu mandaroota warra qabattanii jiraattan keessa taa'aatii ija muka waynii fi ija muka ejersaa akkasumas ija muka garaa garaa sassaabbadhaatii qodaatti naqadhaa!? jedhe.
11Warri Yihudootaa warri biyya Mo'aabitti, biyya Amoonitti, biyya Edoomitti, akkasuma warri biyya garaa garaatti tatamsa'anii turan hundinuu mootiin Baabilon biyya Yihudaa keessatti namoota akka hambise Gedaaliyaa ilmi Ahiiqaam Shaafaan akka isaan bulchuuf aboo akka kenneef yommuu dhaga'an,
12hundumti isaanii iddoo itti tatamsa'anii turanii gara biyya Yihudaatti deebi'anii Miisphaatti Gedaaliyaa bira in dhufan; achiis ija muka waynii fi ija muka garaa garaa baay'inaan in sassaabbatan.
13Yohaannaan ilmi Qaarehaa fi geggeessitoonni loltoota Yihudootaa warri harka warra Baabilonitti of hin kennin jiran hundinuu wal ga'anii Miisphaatti Gedaaliyaa bira in dhufan.
14Isaan, ?Ba'aaliis mootiin biyya Amoon si ajjeesisuuf Ishmaa'el ilma Nataaniyaa akka sitti erge hin beektuu?? jedhanii Gedaaliyaatti in dubbatan; Gedaaliyaan ilmi Ahiiqaam garuu wanta isaan jedhan hin amanne.
15Yommus Yohaannaan ilmi Qaarehaa dhoksee, ?Namni tokko illee utuu hin beekin ani dhaqee Ishmaa'el ilma Nataaniyaa nan ajjeesa; maaliif namichi kun si ajjeesuu isaatiin Yihudoonni amma si biratti walitti qabaman hundinuu akka tamsa'an, warri biyya Yihudaa keessatti hafanis akka badan godha?? jedhee Gedaaliyaatti in dubbate.
16Gedaaliyaan ilmi Ahiiqaam garuu Yohaannaan ilma Qaarehaaf deebisee, ?Lakkii, ati wanta akkasii gochuun siif hin ta'u! Wanti ati waa'ee Ishmaa'eliif dubbatte soba? jedhe.