Macaafa Ermiyaas Raajichaa 41:1-18 GAZB1997 - Bible AI

1Wagguma sana keessa ji'a torbaffaatti sanyii warra moototaa keessaa Ishmaa'el ilmi Nataaniyaa akaakayyuun Eliishaamaa ajajjuu loltoota mootichaa inni ture namoota kudhan fudhatee Miisphaatti Gedaaliyaa bira in dhufe; isaan maaddiitti taa'anii walii wajjin nyaachuutti utuu jiranii,

2Ishmaa'el ilmi Nataaniyaa fi namoonni isaa wajjin dhaqan kurnan ka'anii billaa isaanii luqqifatanii Gedaaliyaa ilma Ahiiqaam isa mootiin Baabilon biyyicha akka bulchuuf aboo kenneef sana in ajjeesan.

3Ishmaa'el akkasuma Yihudoota warra Gedaaliyaa wajjin Miisphaa turan hundumaa, loltoota Baabilon warra achi turanis in ajjeese*.[246]

4Namni tokko illee ajjeefamuu Gedaaliyaa utuu hin beekin, borumtaa Ishmaa'el itti isa ajjeese sanatti,

5namoonni saddeettamni gadda irraa kan ka'e areeda isaanii haaddatanii, uffata isaanii tatarsaasanii, dhagna isaaniis murmuranii madeessanii, Sheekemii, Shiiloodhaa, Samaariyaadhaas kennaa midhaanii fi ixaana fudhatanii gara mana qulqullummaa in dhufan;

6Ishmaa'el ilmi Nataaniyaa Miisphaadhaa ka'ee boo'aa isaanitti in adeeme; yommuu isaan arges, ?Gara Gedaaliyaa ilma Ahiiqaam kottaa!? isaaniin jedhe.

7Jarreen sun mandarattiitti akkuma ol lixaniin garuu Ishmaa'el ilmi Nataaniyaa fi namoonni isaa wajjin turan sun isaan ajjeesanii reeffa isaanii boolla bishaanii keessatti in daddarbatan;

8warra ajjeefamanii wajjin kan turan namoonni kudhan garuu Ishmaa'eliin, ?Nuyi qamadii, garbuu, dhadhaa ejersaa fi damma maasii keessa dhokfanneerraatii maaloo hin nu ajjeesin!? jedhan; kanaaf inni warra kaanii wajjin isaan hin ajjeefne.

9Boolli bishaanii inni Ishmaa'el reeffa namoota warra billaadhaan ajjeese sanaa fi reeffa Gedaaliyaa keessa buuse sun, isa Aasaan mootiin Yihudaa, Baashaan mootii Israa'elii wajjin yommuu wal lolan qochisiisee turee dha; Ishmaa'el ilmi Nataaniyaa boollichatti reeffa naqee in guute*.[247]

10Kana booddee immoo Ishmaa'el namoota warra Miisphaatti hafan hundumaa in booji'e; isaanis intaloota mootichaa fi namoota kan biraa warra achitti hafan hundumaa warra Nebuzaraadaan abboomaan loltuu mootichaa Gedaaliyaan ilmi Ahiiqaam akka isaan bulchuuf aboo kenneefii dha; Ishmaa'el ilmi Nataaniyaa isaan kana hundumaa fudhatee gara biyya Amoonitti in ce'e*.

11Yohaannaan ilmi Qaarehaa fi angafoonni loltuu warri isaa wajjin jiran hundinuus wanta hamaa Ishmaa'el ilmi Nataaniyaa godhe kana yommuu dhaga'an*,

12loltoota isaanii hundumaa walitti qabatanii Ishmaa'el ilma Nataaniyaa loluudhaaf in ka'an; isaan isa hordofanii bishaan ciisaa isa Giibe'on bira jiru biratti isa in qaqqaban.

13Namoonni warri Ishmaa'el fudhatee adeemu hundinuu Yohaannaan ilmi Qaarehaa loltuu isaa wajjin dhufuutti akka jiru yommuu argan in gammadan;

14achumaan warri Ishmaa'el Miisphaadhaa booji'ee fudhatee adeemu hundinuu isa biraa deebi'anii gara Yohaannaan ilma Qaarehaatti in goran;

15Ishmaa'el ilmi Nataaniyaa garuu namoota saddeetii wajjin isa jalaa ba'ee gara biyya Amoonitti in baqate.[248]

16Yommus Yohaannaan ilmi Qaarehaa angafoota loltootaa warra isaa wajjin jiran hundumaa wajjin namoota warra Ishmaa'el ilmi Nataaniyaa, Gedaaliyaa ilma Ahiiqaam Miisphaatti yommuu ajjeese booji'ee ture sana hundumaa Giibe'onitti isa irraa in buufate; isaanis loltoota humna-qabeeyyii, dubartoota, ijoollotaa fi namoota warra mana mootichaa keessaa hojjetan hundumaa turan;

17jarreen kun warra Baabilon jalaa miliquudhaaf ka'anii Betlihem bukkee mana keessummaa isa Kiimhaam keessa jiru keessa in buufatan; achii ka'anii immoo gara biyya Gibxiitti gad bu'uuf in qophaa'an;

18sababii Ishmaa'el ilmi Nataaniyaa, Gedaaliyaa ilma Ahiiqaam isa mootiin Baabilon biyya akka bulchuuf aboo kenneef sana ajjeeseef, sodaatanii achii in baqatan*.[249]

ter>