Macaafa Ermiyaas Raajichaa 42:1-22 GAZB1997 - Bible AI

1Yommus angafoonni loltootaa hundinuu, Yohaannaan ilmi Qaarehaa fi Ya'azaaniyaa ilmi Hoshaa'iyaa namoonni hundinuu isa xinnaadhaa hamma isa guddaatti ana Ermiyaas bira in dhufan*.

2Isaan, ?Wanta nuyi si kadhannu nuuf dhaga'i! Maaloo, nuyi warra hafne kana hundumaaf Waaqayyo gooftaa keenya nuuf kadhadhu! Nuyi dur baay'ee kan turre, akkuma ati argitu kana amma immoo muraasa duwwaatu hafnee jirra*;

3nuyi eessa akka dhaqnu, maalis akka goonu akka nutti mul'isuuf Waaqayyoon gooftaa keenya nuuf kadhadhu!? naan jedhan.[250]

4Ani immoo isaaniif deebisee, ?Haa ta'u! Akkuma isin ana gaafattan kanatti Waaqayyoon gooftaa keenya isiniif nan kadhadha, wanta inni anatti himu hundumaas waan tokko illee keessaa utuu hin hambisin isinitti nan hima? nan jedhe.

5Isaanis anaaf deebisanii, ?Wanta ati Waaqayyo gooftaa keenya biraa dhageessee nutti himtu gochuu yoo dhiifne Waaqayyo dhuga-baatuu amanamaa nutti haa ta'u!

6Waan Waaqayyo gooftaan keenya inni nuyi amma itti si ergannu kun nu abboomu gaariis ta'u, hamaas ta'u in goona; sagalee Waaqayyo gooftaa keenyaaf yoo abboomamne gaarii nuuf in ta'a? jedhan.

7Guyyaa kudhan booddee dubbiin Waaqayyoo gara koo in dhufe;

8kana irrattan, Yohaannaan ilma Qaarehaa fi angafoota loltuu warra isaa wajjin turan hundumaa, namoota warra kaan hundumaa xinnaadhaa hamma guddaatti walitti waame;

9anis isaaniin, ?Waaqayyo gooftaan inni kan Israa'el, inni isin akkan isiniif kadhadhuuf itti na ergattan,

10?Isin biyya kana keessa yoo jiraattan ani isin nan dhaaba malee, isin hin buqqisu; isin nan ijaara malee, isin hin diigu; badiisa isinitti waanan fideef ani gaddeera*.

11Mootii Baabilon isa amma sodaattan kana si'achi hin sodaatinaa! Ani isinii wajjin waanan jiruuf, isin gargaarees harka isaa keessaa waanan isin baasuuf, isa hin sodaatinaa*!

12Mootiin Baabilon isiniif oo'ee biyya keessanitti akka isin deebisuuf ani isinitti nan araarama; ani Waaqayyo kana dubbadheera? jedhe.[251]

13?Isin garuu, ?Nuyi biyya kana keessa hin jiraannu? jettanii sagalee Waaqayyo gooftaa keessaniif abboomamuu yoo diddan*,

14akkasumas immoo, ?Lakkii, nuyi gara biyya Gibxii iddoo lolli hin jirre, iddoo itti sagalee fiinoo lolaa hin dhageenye, iddoo itti buddeena dhabnee hin beelofne dhaqnee jiraanna? yoo jettan*,

15isin warri biyya Yihudaa keessatti haftan dubbii Waaqayyoo dhaga'aa! Waaqayyo gooftaan maccaa, Waaqayyo inni kan Israa'el, ?Isin dhugumaan biyya Gibxiitti gad buutanii achi taa'uuf murtoo yoo gootan,

16biyya Gibxiitti billaan inni isin baqattan isinitti in dhufa, beelli inni isin sodaattanis isin duukaa in bu'a, achittis in dhumtu.

17Warri biyya Gibxiitti gad bu'anii achi jiraachuuf murtoo godhan hundinuu billaadhaan, beelaan, dha'ichaanis in dhumu; isaan keessaa namni tokko illee badiisa ani isaanitti fidu jalaa ba'uu yookiis irraa hafuu kan danda'u hin jiru? jedhe*.

18Waaqayyo gooftaan maccaa, Waaqayyo inni kan Israa'el, ?Dheekkamsi koo fi aariin koo warra mandara Yerusaalem keessa jiraatan irratti akkuma bobba'e, isin biyya Gibxiitti yoo gad buutan akkasuma isin irrattis in boba'a; isin nama abaarsaa, wanta namni ilaalee sodaatu, nama kolfaa fi nama ga'oo in taatu; deebitaniis biyya kana arguu hin dandeessan? jedha? nan jedhe*.[252]

19Isin yaa warra biyya Yihudaa keessatti haftanii! Waaqayyo, ?Biyya Gibxiitti gad hin bu'inaa!? akka jedhe, egaa ani isinitti himeeraatii hubadhaa!

20Isin, ?Waaqayyoon gooftaa keenya nuuf kadhadhu, nus wanta inni sitti himu hundumaa in goona? jettanii, gara Waaqayyo gooftaa keenyaatti yommuu ana ergattan karaa irraa kaattaniittu.

21Ani wanta inni anatti hime hundumaa har'a isinitti himeera; isin garuu abboommii Waaqayyo gooftaan keenya karaa koo isin abboome keessaa tokko illee hin goone*;

22kanaaf isin amma iddoo dhaqxanii taa'uu barbaaddan kanatti billaadhaan, beelaan, dha'ichaanis akka dhumtan beekaa![253]

ter>