1Ani Ermiyaas wanta Waaqayyo gooftaan isaanii jara kanatti akkan himuuf na abboome hundumaa guutummaa sabaatti himee ergan raawwadhee,
2Aazaariyaan ilmi Hoshaa'iyaa, Yohaannaan ilmi Qaarehaa akkasuma namoonni warri of tuultuun hundinuu, ?Ati in sobda! Waaqayyo gooftaan keenya, ?Gara biyya Gibxiitti gad buutanii achi hin taa'inaa!? jettee akka nutti himtuuf, gara keenyatti si hin ergine*;
3wanta kana Baaruk ilma Neriiyaatu nuyi harka warra Baabilonitti dabarfamnee kennamnee akka ajjeefamnuuf yookiis immoo booji'amnee gara biyya Baabilonitti akka geeffamnuuf jedhee nu irratti si kaasee si dubbachiise? naan jedhan*.
4Kana irratti Yohaannaan ilmi Qaarehaa fi angafoonni loltootaa hundinuu jara hundumaa wajjin walii galanii sagalee Waaqayyoof abboomamanii biyya Yihudaa keessa taa'uu in didan*;
5ergasii Yohaannaan ilmi Qaarehaa fi angafoonni loltootaa hundinuu Yihudoota biyya Yihudaa keessa jiraachuudhaaf biyya itti tatamsa'anii turanii deebi'anii dhufan keessaa warra hafan hundumaa fudhatanii in adeeman*;
6isaanis, dhiirota, dubartoota, ijoollota akkasumas intaloota mootichaa warra Nebuzaraadaan abboomaan loltuu Baabilon booji'ee Gedaaliyaa ilma Ahiiqaam akaakayyuu Shaafaanitti kenne turan; Baaruk ilmi Neriiyaa fi ani Ermiyaas isaan keessa turre.
7Isaan Waaqayyoof abboomamuu didanii gara biyya Gibxiitti gad bu'anii hamma mandara Taahafeneetti in adeeman*.
8Ergasiis dubbiin Waaqayyoo Taahafeneetti gara ana Ermiyaas dhufee,
9?Dhagaa gurguddaa isaa fuudhiitii utuu namoonni Yihudaa si ilaalanii karra mana mootii Gibxii isa mandara Taahafenee keessa jiru dura iddoo xuuphiidhaan hojjetame keessa awwaali!
10Isaaniin immoo, ?Waaqayyo gooftaan maccaa, Waaqayyo inni kan Israa'el:- Ani kunoo! Nebukadnezaar mootii Baabilon hojjetaa koo isa ta'e waamee nan fida, teessoo isaas dhagaa amma as awwaalame kana irra nan dhaaba; innis dunkaana teessoo mootummaa isaa isa irra in diriirsa.
11Mootiin Baabilon warra Gibxiitti duulee isaan in mo'a, hunduma isaaniittis in farada; warra du'a itti farade in ajjeesa, warra booji'amuu itti farade in booji'a, warra kaan immoo billaadhaan in fixa;
12inni galma waaqayyolii tolfamoo isaanii ibiddaan in guba; waaqayyolii tolfamoo isaaniis in booji'a; akkuma tikseen uffata isaa injiru akkasuma inni biyya Gibxii tokko tokkoon injiree erga qulleessee, mo'ichaan achi keessaa ba'ee in adeema.
13Inni utuboota galma biiftuuf ijaarame biyya Gibxii keessaa in caccabsa, manneen waaqayyolii tolfamoo biyyicha keessaas ibiddaan in guba? jedhi!? naan jedhe*.