1Waa'ee Yihudoota warra biyya Gibxii keessa mandara Miigdol, Taahafenee, Nofii fi Phaaxros keessa jiraatan hundumaaf dubbiin kanatti fufee jiru gara ana Ermiyaas in dhufe*.
2Waaqayyo gooftaan maccaa, Waaqayyo inni kan Israa'el, ?Isin badiisa guddaa ani Yerusaalemitti, mandaroota Yihudaa hundumaattis fide argitaniittu. Kunoo, isaan amma diigamanii onaniiru;
3kunis sababii isaan wanta hamaa hojjetaniif isaanitti dhufe; isaan ana aarsuudhaaf jedhanii waaqayyolii warra isin, abboonni keessan yookiis isaanumti iyyuu ofii isaaniitii hin beekneef ixaana in aarsu, in sagaduufis*.
4Kanuma keessaa immoo ani si'a baay'ee raajota warra hojjetoota koo ta'an isaanitti ergee, ?Wanta ciiggaasisaa isa ani jibbu kana hin godhinaa!? jedheen ture*;
5isaan garuu dubbii isaanitti himame sana dhaga'anii hin abboomamne, karaa isaanii isa hamaa irraa hin deebine, waaqayyolii tolfamoodhaafis ixaana aarsuu hin dhiifne*.
6Kanaaf dheekkamsi koo inni sodaachisaan akka ibiddaa isaan irra bu'ee, mandaroota Yihudaa fi karaa mandara Yerusaalem keessa jiru hundumaa irratti boba'ee, akkuma har'a argamu kana diigamanii lafa duwwaa akka ta'an in godhe.
7?Ammas ani Waaqayyo gooftaan maccaa, Waaqayyo inni kan Israa'el, badiisa guddaa akkasii ofitti akka fidan, dhiirri, dubartiin, ijoollee fi daa'imoonni utuu hin hafin raawwatanii biyya keessaa akka dhuman maaliif akka gootan isin nan gaafadha*.
8Isin maaliif wanta harki keessan hojjeteen ana aarsuudhaaf jettanii biyya Gibxii iddoo amma jiraattan kana keessatti waaqayyolii ormaaf ixaana aarsitu? Isin kana gochuu keessaniin of in balleessitu, saba lafa irraa hundumaa birattis nama abaarsaa fi nama ga'oo in taatu;
9isin jal'ina isa abboonni keessan, mootonni keessanii fi niitonni isaanii biyya Yihudaa keessatti hojjetan, jal'ina isin ofii keessanii hojjettanii fi isa niitonni keessan biyya Yihudaa fi karaa mandara Yerusaalem keessatti hojjetan hundumaa in irraanfattanii ree*?
10Isin wanta hojjettan kanaaf hamma har'aatti iyyuu hin gaabbine, anas hin sodaanne; karaa keessan irraa deebitanii abboommii koo fi seerrata koo isan isiniif, abboota keessaniifis kenne hin eegne.
11?Kanaafis kunoo! Ani Waaqayyo gooftaan maccaa, Waaqayyo inni kan Israa'el, badiisa isinitti fiduuf isinitti gara galeera, guutummaa biyya Yihudaas raawwadhee nan balleessa*.
12Yihudoota warra baraaramanii biyya Yihudaatti erga hafanii booddee gara biyya Gibxiitti gad bu'anii achi taa'uudhaaf murtoo godhan nan fixa; isaan hundinuu billaadhaan, beelaanis biyya Gibxiitti in dhumu; guddaa fi xinnaan hundinuu billaadhaan yookiis beelaan in du'a; isaan nama abaarsaa, wanta namni ilaalee sodaatu, nama kolfaa fi nama ga'oo in ta'u*.
13Akkuma ani Yerusaalemin adabee ture, akkasuma warra amma biyya Gibxii keessa jiraatan billaadhaan, beelaan, dha'ichaanis nan adaba.
14Warra biyya Yihudaa keessaa hafanii gara biyya Gibxiitti baqatanii achi taa'an keessaa tokko illee kan hafu yookiis kan jalaa ba'u hin jiru; isaan keessaas warri biyya Yihudaatti deebi'anii achi jiraachuu hawwan illee biyyattiitti deebi'uu hin danda'an; isaan keessaa nama muraasa duwwaatu baqatee achitti deebi'a? jedhe*.
15Ergasii namoonni warri niitonni isaanii waaqayyolii ormaaf ixaana akka aarsan beekan, dubartoonni warri achi turan, guutummaan waldaa fi namoonni warri biyya Gibxii mandara Phaaxros keessa jiraatan hundinuu anatti in dubbatan,
16isaan, ?Dubbii ati amma maqaa Waaqayyootiin nutti dubbatte kana nuyi dhaga'uu hin barbaannu*;
17wanta afaan keenyaan dubbanne hundumaa in goona; akkuma dur hojjechaa turre, akkuma abboonni keenyaa fi mootonni keenya, geggeessitoonni keenyas mandara Yihudaa fi karaa Yerusaalem irratti mootittii waaqaaf ixaana aarsaa, dhibaayyuus dhibaafachaa turan, nuyis akkasuma in goona; nuyi yommuu sana nyaata hamma ga'utti qabna turre, jireenya gaarii jiraachaa turre, wanti hamaanis nu irra hin geenye ture;
18mootittii waaqaaf ixaana aarsuu, dhibaayyuus dhibaafachuu erga dhiifnee garuu billaa fi beelatu nu fixe malee, wanta barbaannu hundumaa hin arganne? jedhan.
19Dubartoonnis kana irratti dabalanii, ?Yommuu nuyi mootittii waaqaaf ixaana aarsaa, dhibaayyuu dhibaafachaa, bixxillees akka fakkeenya isheetti tolchaafii turre, abboonni manaa keenya beeku turan? jedhan*.
20Yommus ani Ermiyaas dhiirotaa fi dubartoota warra deebii anaaf kennan sana hundumaan,
21?Aarsaa ixaanaa isa isin mandaroota Yihudaa fi karaa mandara Yerusaalem keessatti dhi'eessitan akkasumas isa abboonni keessan, mootonni keessan, geggeessitoonni keessanii fi namoonni biyyaa dhi'eessan sana Waaqayyo hin yaadatu isinitti fakkaataa ree? Inni matumaa hin irraanfatu*;
22Waaqayyo hojii keessan isa hamaa fi ciiggaasisaa sana irra isiniif darbuu hin dandeenye; kanaafis biyyi keessan diigamee in one; akkuma har'a argamu kanas biyya abaarsaa isa namni keessa jiraachuu hin dandeenye in ta'e*.
23Isin sagalee Waaqayyoof abboomamuu waan diddaniif, seera isaa, seerrata isaa fi dhuga-baatuu isaa duukaa bu'uu dhiiftanii ixaana aarsitanii Waaqayyo duratti cubbuu waan hojjetaniif, badiisi amma isin argitan kun isinitti dhufe? nan jedhe.
24Yommus ani itti fufee, ?Isin Yihudoonni warri biyya Gibxii keessa jiraattan dhiironnii fi dubartoonni hundinuu Waaqayyo gooftaan maccaa, Waaqayyo inni kan Israa'el kan jedhu dhaga'aa!
25Waaqayyo gooftaan maccaa, Waaqayyo inni kan Israa'el, ?Isin niitota keessanii wajjin afaan keessaniin kan wareegdan harka keessaniin hojjettanii fiixaan baaftaniittu; isin:- Nuyi mootittii waaqaaf ixaana in aarsina, dhibaayyuus in dhibaafanna isa wareegne fiixaan in baafna jettu; egaa dhaqaatii isa wareegdan fiixaan baasaa!? jedhe.
26Isin Israa'eloonni biyya Yihudaatii dhuftanii biyya Gibxii keessa jiraattan hundinuu dubbii Waaqayyoo dhaga'aa! Waaqayyo, ?Kunoo, warra biyya Yihudaatii dhufanii as biyya Gibxii keessa jiraatan kana keessaa namni tokko illee:- Dhugaa Waaqayyo isa jiraataa ti jedhe, maqaa koo akka hin dhoofne yookiis akka ittiin hin kakanneef, ani maqaa koo isa guddaadhaan kakadheera*.
27Ani kunoo, wanta hamaa isinitti nan fida malee, wanta gaarii isiniif hin godhu; isin Yihudoonni biyya Gibxii keessa jiraattan hundinuu billaadhaan, beelaanis in dhumtu*.
28Isin keessaa namoonni muraasi garuu billaa jalaa ba'anii gara biyya Yihudaatti in deebi'u; yommus Yihudoonni baraaraman hundinuu isa ani dubbadhee fi isa ofii isaaniitii dubbatan keessaa inni kam dhugaa akka ta'u in beeku*?.
29?Inni, ?Ani Waaqayyo wanta hamaa isinitti nan fida? jedhee dubbadhe dhugaa ta'uu isaa akka beektaniif, iddoo kanatti isin adabuun koo milikkita isiniif in ta'a*.
30Kunoo! ?Zedeqiiyaan mootii Yihudaa, harka Nebukadnezaar mootii Baabilon isa diina isaa ta'etti, isa lubbuu isaa balleessuu barbaadutti dabarsee akkuman kenne, akkasuma immoo Fara'oon Hofraa mootii biyya Gibxii, harka diinota isaa warra lubbuu isaa balleessuu barbaadanitti dabarsee nan kenna? jedhe? nan jedhe*.