1Ani Ermiyaas, Yehoyaaqiim ilmi Yosiyaas biyya Yihudaa irratti mo'ee waggaa afuraffaa isaatti, Baaruk ilma Neriiyaatti nan dubbadhe; Baaruk kun isa waanan afaaniin isatti hime wanta akka macaafa maramutti caafee dha*;
2wanti ani itti dubbadhes isa Waaqayyo gooftaan inni kan Israa'el, waa'ee isaatiif dubbatee ture;
3yaa Baaruk, ?Ati, ?Anaaf wayyoo! Waaqayyo rakkinatti rakkina waan anatti dabaleef ani aaduu irraa kan ka'e dadhabeera, boqonnaas hin qabu? jetta.
4?Waaqayyo garuu, ?Wantan ijaare nan diiga, wantan dhaabes nan buqqisa; kan akkasii biyya lafaa hundumaa irratti nan hojjedha*.
5Kunoo, ani nama hundumaatti badiisa nan fida, ati immoo ofii keetii isa jalaa baatee wanta guddaa argachuu feetaa ree? Lakkii! Wanta guddaa akkasii hin fedhin! Iddoo dhaqxu hundumaatti garuu miliqxee lubbuu kee akka oolfattu nan godha? jedhe; kana Waaqayyotu dubbate? nan jedhe*.