5Ani attamittanutuu isaan sodaataniibaqatanii arga?Gootonni isaanii warri jajjaboonnimo'amanii in baqatan,gara booddee utuu hin mil'atinsodaatanii jalaa in fiigan,sodaanis karaa hundaaisaan in marse*.[266]
6?Warri baay'ee fiigan duraa ba'u,warri jajjaboonnisjalaa ba'uu hin danda'an;isaan biyya gara bitaa,qarqara laga Efraaxiisitti,gufatanii kufanii in hafu.
7Inni akka galaana Abbayyaa ol ka'u,inni akka bishaan guuteemanii irra dhangala'uslafa sochoosaa yaa'u kun eenyu?
8Gibxi akka galaana Abbayyaa ol in ka'a,akka bishaan guutee manii irra dhangala'uslafa in sochoosa;Gibxi, ?Ani ol ka'eelafa hundumaa nan uffisa,mandarootaa fi namootaisaan keessa jiraatan nan balleessa;
16isaan ammaa amma gufataniiwal irratti in kukkufu,walii walii isaaniittis,?Kottaa gara saba keenyaatti in deebinaa,gara biyya itti dhalanne in dhaqnaa,billaa diinotaa kana jalaas in baqannaa!?jedhanii in dubbatu.
22Diinonni akka nama muka muru,qottoo mirmirsaayommuu isaanitti dhufan,warri Gibxii akka bofa yaa'utti hasaasaaisaan jalaa in baqatu;
23isaan caakkaa warra Gibxii isa gobbuu,isa namni lixuu hin dandeenyemurmuranii in fixu;lakkoobsi isaanii akka hawaannisaabaay'ee waan ta'eef,namni isaan lakkaa'uu hin danda'u;kana ana Waaqayyotu dubbate.
25Waaqayyo gooftaan maccaa, Waaqayyo inni kan Israa'el, ?Kunoo! Amoon Waaqayyo tolfamaa isa mandara Tebes keessa jiru, biyya Gibxii fi mootii ishee akkasumas waaqayyolii ishee, gurguddoota ishee, warra mooticha amanatan hundumaas nan adaba*;
26Nebukadnezaar mootii Baabilonii fi loltoota isaa warra lubbuu isaanii balleessuu barbaaddanitti dabarsee isaan nan kenna; kana booddee garuu deebi'anii biyyattii keessa akka isaanii duriitti in jiraatu; kana ana Waaqayyotu dubbate*.
27Yaa garboota ko, yaa sanyii Yaaqoob hin sodaatinaa,yaa saba Israa'el hin na'inaa!Ani kunoo! Biyya fagoodhaaisin nan fida,sanyii keessanisiddoo isaan itti booji'amanii nan baasa;sanyiin Yaaqoob achitti deebi'aniibir'aa malee nagaatti in jiraatu;kan isaan sodaachisus hin jiru.
28Yaa garboota ko, yaa sanyii Yaaqoob,ani isinii wajjin waanan jiruuf, hin sodaatinaa!Saba warran keessa isin tamsaasehundumaa nan balleessa,isiniin garuu qajeelummaadhaanadabeen deebisa malee,raawwadhee isin hin balleessu;isin adabuu garuu hin dhiisu? jedhe;kana Waaqayyotu dubbate*.[271]