Macaafa Ermiyaas Raajichaa 47:1-7 GAZB1997 - Bible AI

1Mootiin Gibxii biyya Gaazaa utuu hin rukutin fuula dura dubbiin Waaqayyoo inni waa'ee warra Filisxeemotaaf gara ana Ermiyaas dhufe kanatti fufee jira*;

2Waaqayyo, ?Kunoo! Bishaan biyya gara-bitaatii ol in ka'a guutees manii irra in danbali'a; inni lafa hundumaa fi wanta isa irra jiru hundumaa irra in yaa'a, mandarootaa fi warra achi keessa jiraatan hundumaa irra in lola'a; yommus namoonni in iyyu, sabni biyya sanaa hundinuus in wawwaatu*.

3Isaan sagalee kottee fardeenii, raafamuu konkolaataa irraa kan ka'e sagalee geengoo isaatii in dhaga'u; sodaatanii harki isaanii waan bushaa'eef, abboonni ijoollee isaanii gargaaruu, mil'ataniis isaan ilaaluu hin dandeenye.

4Guyyaan ani Waaqayyo warra Filisxeemotaa hundumaa itti balleessu dhufeera; namni isaan keessaa hafe Xiirosii fi Sidoonin gargaaru tokko illee hin jiru; ani ofuma kootii warra biyya Filiisxiyaa keessaa hafan, warra dur Kaftor biyya bishaan gidduu keessaa dhufan nan balleessa*.

5Yommus namoonni Gaazaa gaddanii mataa in haaddatu, mandarri Ashqalon immoo in diigamti; isin yaa warra dachaawwan isaanii keessatti haftanii, hamma yoomiitti gadditanii dhagna keessan sukkuumtanii madeessitu ree*?[272]

6?Isin yommus, ?Maaloo yaa billaa Waaqayyoo, ati yoom gab jettaa? Mann'ee keetti deebi'ii calluma jedhii taa'i!? in jettu*;

7Ani Waaqayyo, billaan koo mandara Ashqalonii fi biyya bishaan gidduu akka rukutuuf ergan abboomee attamitti gab jechuu danda'a ree?? jedhe.[273]

er>