Macaafa Ermiyaas Raajichaa 48:1-47 GAZB1997 - Bible AI
1Waaqayyo gooftaan maccaa,Waaqayyo inni kan Israa'elwaa'ee biyya Mo'aabkanatti fufe kan jiru in dubbate;inni, ?Mandarri Neboowaan diigamtuuf,isheedhaaf wayyoo!Mandarri Kiriiyat-Aayim in qabamti,in yeellaasifamtis;isheen iddoo itti baqatan turte in caccabdi,namoonni ishee keessa jiraatanis in yeellaasifamu.
2Mo'aab si'achi deebitee hin jajamtu,ishee kuffisuudhaaf Heshboonittiisheetti in koratu,?Kottaa ishee in balleessinaa!? in jedhu;warri mandara Maadmeenkeessa jiraatanbillaadhaan in ari'atamu, in dhumus*.[274]
3?Sagaleen iyyaa Horonaayimii in dhaga'ama,saamichii fi badiisi guddaanachitti in argama;
4biyyi Mo'aab in baddi,ijoolleen ishees in iyyu;
5boo'aa gara Luhiititti ol in ba'u,gara Horonaayimitti gad in bu'u,iyyi isaanwaa'ee badiisa isaaniif iyyanis in dhaga'ama;
7Ati hojii kee fi badhaadhummaa kee in amanatte,kanaafis in booji'amta;Kemosh Waaqayyoon keeinni tolfamaan in booji'ama;luboonni isaa fi hojjetoonni isaahundinuu in booji'amu*.
8Balleessiin?? mandarootahundumaatti in dhufa,mandarri isa jalaa ooluudanda'us hin jiru;inni dachaa lafaa in onsa,gubbee lafaas in balleessa;kana ana Waaqayyotu dubbate.
11Waaqayyo,?Mo'aab jalqabumaa jalqabdee,hamma ammaatti gabiitti jiraachaa turte;akka daadhii waynii isaqodaa tokko keessaa qodaa kan biraattiutuu hin dabarfaminakkuma calalameetti jiru,akkasuma namoonni ishee hin booji'amne,miyaan ishee, urgaan ishees hin geddaramne*.
12Garuu barri ani Waaqayyonamoota isheetti ergu in dhufa;isaan akka nama daadhii wayniigaanii keessaa gara galchee,gaanicha immoo caccabsutti,Mo'aabin duwwaatti hambisaniiishee immoo in caccabsu.
29Ani waa'ee of tuulummaa Mo'aabii fiwaa'ee ol of qabuu ishee,waa'ee of gurguddisuu ishee fiwaa'ee of bokoksuu ishee,waa'ee of jajuu ishee fiwaa'ee of himuu ishee dhaga'eera.
30Of tuulummaan ishee soba akka ta'eani beeka,isheen sobdee afaaniinof jajjee in dubbatti,of jajuun ishee kun homaawaa'ee hin baasu? jedhe.
31Ani sababii kanaafMo'aabiif nan wawwaadha,saba Mo'aab hundumaaf nan boo'a,namoota Qiir-Heresiifisbaay'ee nan gadda.
32Yaa muka waynii Siibmaa,Yaazeriif isan boo'u caalaasiif nan boo'a;damoonni kee hamma daarii galaanaa,hamma galaana Yaazer bira ga'anittisdagaaganii turan;garuu diinonni dhufaniiija muka kee isa dura bilchaatee fiija waynii kee in balleessu.
33Biyya Mo'aab isa midhaan baasu keessaa,gammachuu fi ililleen in bada;sababii namnigammachuudhaan isa cuunfu hin jirreef,daadhiin wayniiiddoo itti cuunfankeessaa in dhibama;sagaleen achi keessaa yoo dhaga'ame iyyuu,sagalee gaddaa ti malee,sagalee gammachuu miti*.[279]
34Waaqayyo, ?Sagaleen iyya isaanii Heshboon keessaahamma El'aalee fi hamma Yaahazitti,hamma Zo'aaritti, hamma Horonaayimitti,hamma Eglaat Shelshiiyaattis in dhaga'ama,bishaanonni Niimriimis in gogu.
35Ani si'achi Mo'aab keessatti,iddoowwan sagadaa ol ka'oo irrattinamni kennaa dhi'eessu,waaqayyolii tolfamoodhaafisnamni ixaana aarsuakka hin argamne nan godha;ani Waaqayyo kana dubbadheera.
36Sababii badhaadhummaan biyyi Mo'aabii finamoonni Qiir-Heres walitti qabatanhundinuu badeef,garaa koo keessatti nan boo'a;akka nama ulullee gaddaa afuufuttisisaaniif nan gadda*.
38Ani akka nama qodaa supheeisa waa'ee hin baafne caccabsuttiMo'aabin waanan caccabseef,biyya Mo'aab kana keessaa bantii manaa isa diriiraa fikaraa guddaa hundumaa irratti,boo'icha duwwaatu dhaga'ama*.
39Yommus isaan,?Mo'aab attamitti caccabde?? jedhanii haa boo'an!Isheen yeellaatee gara booddeetti in deebite,warra naannoo ishee jiranhundumaa birattisnama kolfaa fi nama waa'ee isaa dhaga'uunnama sodaachisu in taate;ani Waaqayyo kana dubbadheera? jedhe.[280]
40Ammas Waaqayyodubbii kanatti fufee jiru in dubbate;inni, ?Kunoo!Inni akka joobiraa balali'uqoochoo isaa diriirsee ariitiidhaanMo'aab irratti gad in bu'a*.
41Mandaroonni in qabamu,iddoon itti baqatanis in fudhatamu;yommus loltoonniwarra Mo'aab sodaatanii,akka dubartii ciniinsifattuu in ta'u*;
42Mo'aab ana Waaqayyo irrattiwaan ol of qabdeef in baddi,saba ta'uun ishees in hafa*.