Macaafa Ermiyaas Raajichaa 49:1-39 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyo waa'ee biyya Amooniif kanatti fufee kan jiru in dubbate; inni, ?Israa'el ilmaan isa dhaalan hin qabuu ree? Maaliif Miilkom mootiin Amoon biyya Gaadi irraa fudhatee, saba isaa achi keessa teessifate ree*?

2Kanaaf guyyaan ani itti Raabaa mandara Amoon keessatti sagalee iyya lolaa dhageessisu in dhufa; mandarattiin diigamtee akka tuullaa kosii in taati, gandeen naannoo ishee jiranis ibiddaan in gubamu; yommus Israa'el warra dur isa irraa fudhatan irraa dhaala isaa in deebifata; ani Waaqayyo kana dubbadheera*.[283]

3?Mandarri Aayi waan diigamteef, isin warri Heshboon boo'aa wawwaadhaa! Miilkom Waaqayyo tolfamaan luboota isaa fi gurguddoota isaa hundumaa wajjin waan booji'amuuf, yaa warra Raabaa keessa jiraattanii iyyaa, uffata gaddaa uffadhaatii kellaa keessa asii fi achi adeemaatii boo'aa!

4Yaa warra amanamummaa hin qabnee! Isin maaliif dachaa keessan warra midhaan baasaniin of jajju? Isin badhaadhummaa keessan amanattanii, ?Eenyutu nu tuquu danda'a?? in jettu*.

5Ani Waaqayyo gooftaan maccaa, kunoo, karaa hundumaan naasuu isinitti nan fida; isin hundumti keessan wal faana in baqattu; namni warra baqatan walitti qabus tokko illee hin jiru;

6garuu bara booddeetti warra Amoon keessaa booji'aman deebisee nan fida? jedhe; kana Waaqayyotu dubbate*.[284]

7Waaqayyo gooftaan maccaa waa'ee biyya Edoomiif kanatti fufee kan jiru in dubbate; inni, ?Ogummaan Temaan keessaa in dhibee ree? Gorsi warra hubatoo harkaa in badee ree? Beekumsi isaaniis kan waa'ee hin baafne ta'ee ree?

8Sanyii Esaawuu yeroon adabutti badiisa waanan isaanitti fiduuf, isin yaa warra Dedaan keessa jiraattanii baqadhaa! Gara booddeetti deebi'aatii bowwaa gad fagoo keessa dhokadhaa*!

9Warri ija waynii ciran gara kee yommuu dhufan, muka waynii irratti coraa in hambisu mitii ree? Hattuunis halkan yommuu dhuftu, hamma dandeessu fudhatee adeemti mitii ree?

10Ani garuu sanyii Esaawuu qullaatti nan hambisa, akka isaan dhokachuu hin dandeenyetti, bakkeetti isaan nan baasa; sanyiin isaa, obboloonni isaa fi olloonni isaa hundinuu hin hafan; isaanis deebi'anii hin argaman.

11Ijoollota kee warra abbaan irra hin jirre na biratti dhiisi! Ani isaan nan jiraachisa; dubartoonni kee warri haadha hiyyeessaa ta'an ana in amanatu? jedhe.[285]

12Waaqayyo ammas itti fufee, ?Kunoo! Warri xoofoo dheekkamsa koo keessaa dhuguun isaaniif hin malle iyyuu in dhugu erga ta'e, isin immoo attamitti utuu isa keessaa hin dhugin haftu ree? Isin utuu hin adabamin hin haftan; isin xoofoo dheekkamsa koo kana keessaa in dhugdu*.

13Bozraan akka diigamtu, wanta namni ilaalee sodaatu, iddoo namni itti ga'isuu fi iddoo abaarsaa akka taatu, mandaroonni ishees hundinuu bara baraan diigamanii akka hafan, ani maqaa kootiin kakadheera; ani Waaqayyo kana dubbadheera? jedhe*.[286]

14Ergamaan tokko gara saba biyya lafaa irra jiran hundumaatti ergamee, ?Kottaa walitti qabamaatii Edoomitti duuluudhaaf qophaa'aa, ishee loluudhaafis ka'aa!? jechuuf akka jiru ani Waaqayyo irraa dhaga'eera.

15Ammas Waaqayyo, ?Kunoo! Saba lafa irraa keessaa ati akka xinnaattu, namoota gidduuttis akka tuffatamtu nan godha;

16ati yaa isa holqa dhagaa keessa jiraattuu, yaa isa gaara gubbaa teessuu, isa ati warra kaan sodaachiftuu fi isa ati of tuultutu si gowwoomse; mann'ee kee akka joobiraa iddoo ol ka'aa irratti yoo ijaarratte iyyuu, ani immoo achi irraa gad sin buusa.

17?Edoom wanta ilaaluun isaa nama sodaachisu in taati, namni karaa darbu ishee yommuu argu in dinqisiifata; sababii dha'ichi guddaan isheetti dhufeefis itti ga'isee bira in darba*.

18Akkuma Sodoomii fi Gomoraan, mandaroonni olloota isaanii turanis barbadeeffaman, akkasuma namni Edoom keessatti hin hafu, namni tokko illees ishee keessa hin jiraatu*.

19Akkuma leenci caakkaa laga Yordaanos isa gobbuu keessaa gara bakkee marga lalisaatti ol ba'u, kunoo, anis akkasuma dingata Edoomitti ol nan ba'a, namoota ishees achi keessaa nan ari'a; isan ofii kootii fo'adhes ishee irratti nan moosisa; egaa kan akka kootii jiraa ree? Namni, ?Kana maaliif goote?? naan jedhus argamaa ree? Mootiin na dura dhaabatee na dhowwuu danda'us meerre ree?

20Kanaaf wanta ani Waaqayyo Edoomitti fiduuf yaadee jiru, akeeka ani warra Temaan keessa jiraatan irratti qopheessee jirus dhaga'aa! Ijoolleen isaanii akka ilmoolee bushaayee bineensi qabateetti humnaan in fudhatamu, kaloon isaaniis raawwatee in ona.

21Edoom yommuu kuftu sagaleen boo'icha namoota isheetii lafa in sochoosa, iyyi isaaniis hamma galaana diimaatti in dhaga'ama*.

22Kunoo! Wanti akka joobiraa baalleedhaan ka'u Bozraa irra in qubata; yommus loltoonni warra Edoom sodaatanii akka dubartii ciniinsifattuu in ta'u? jedhe*.[287]

23Waa'ee mandara Damaasqoof kan dubbatame kanatti fufee jira; Waaqayyo, ?Haamaatii fi Arphaad oduu gadhee kana yommuu dhaga'an na'anii, garaan isaanii akka bishaanii in raafame, boqonnaas in dhaban;

24Damaasqoon laaftee, sodaattee baqachuuf gara booddeetti in deebite; dhiphinnii fi muddamni waan ishee qabateef, rom'itee akka dubartii ciniinsfattuu in taate.

25Mandarri jajamtuun isheen ani itti gammadu sun, amma attamitti onti?

26Yeroo sanatti dargaggoonni ishee karaa guddaa irratti in kukuffifamu, loltoonni ishee hundinuus in dhumu; ani Waaqayyo gooftaan maccaa kana dubbadheera.

27Ani kellaa Damaasqootti ibidda nan qabsiisa, innis masaraa Ben-Hadaad mootichaa in fixa? jedhe*.[288]

28Waaqayyo waa'ee biyya Qedaarii fi waa'ee mootummoota Hazoor warra Nebukadnezaar mootiin Baabilon rukutee balleesse kan dubbate kanatti fufee jira; inni, ?Ka'aa dhaqaatii biyya Qedaaritti duulaa, warra biyya gara ba'a-biiftuu keessa jiran balleessaa!

29Dunkaanota isaanii, horii isaanii, golgaa dunkaanaa, mi'a achi keessa jiruu fi, gaalota isaanii hundumaa saamaa! Namootaan immoo, ?Karaa hundumaa wanti isin naasisu isinitti dhufeera? jedhaa!

30Yaa warra Hazoor keessa jiraattanii, dafaatii ka'aa baqadhaa! Nebukadnezaar mootiin Baabilon isinitti korateera, mala ittiin isin balleessus qopheeffateera waan ta'eef, holqa gad fagoo keessa dhokadhaa!

31Mootichi, ?Ka'aa gara saba bir'aa malee gabiitti jiraatuutti, gara mandaroota karri isaanii cufaa hin qabneetti, gara saba kopha-galeessaatti ol baanee in duulla!? jedheera.

32Ani Waaqayyo namoota warra rifeensa mataa isaanii naannessanii illee isaanii irraa fixan, iddoo hundumaatti nan tamsaasa, karaa hundumaas badiisa isaanitti nan fida; gaalota isaanii in fudhatu, saawwan isaanii warra baay'ees in saamu.

33Hazoor bara baraan ontee, iddoo waangonni keessa jiraatan in taati; namni achi keessatti hin hafu, namni tokko illees ishee keessa hin jiraatu? jedhe*.[289]

34Bara Zedeqiiyaan biyya Yihudaa irratti mo'uu jalqabetti, dubbiin Waaqayyoo inni waa'ee biyya Elaamiif gara ana Ermiyaas dhufe kanatti fufee jira;

35Waaqayyo gooftaan maccaa, ?Kunoo! Ani iddaa warra Elaam, mi'a lolaa isaanii isa isaan amanatan nan cabsa;

36ani golee lafaa arfanuu keessaa bubbee isaanitti nan erga; gara golee lafaa arfanuuttis isaan nan tamsaasa; biyyi sabni Elaam itti hin booji'amne hin argamu.

37Diinota isaanii warra lubbuu isaanii balleessuu barbaadan duratti warra Elaam nan caccabsa, dheekkamsa koo isa boba'aadhaan badiisa isaanitti nan fida; hamma isaan dhumanittis billaadhaan isaan nan ari'a; ani Waaqayyo kana dubbadheera.

38Ani Waaqayyo teessoo koo Elaam keessa nan dhaabbadha, mootii ishee fi gurguddoota ishee nan balleessa;

39bara booddeetti garuu Elaamin akka ishee duriitti nan deebisa? jedha Waaqayyo*.[290]

ter>