3Yaa Waaqayyo! Ati dhugaabarbaadda mitii ree?Yommuu ati isaan rukutte,isaanitti hin dhaga'amne;yommuu ati isaan caccabsite,isaan adaba hin fudhanne;isaan dhagaa caalaamata-jabeeyyii in ta'an,deebi'uus in didan*.
4Ani garuu, isaan dhugumaannamoota warra karaa Waaqayyoo hin beekne,warra akka seerrata Waaqayyo isaaniitti hin jiraanne waan ta'aniif,isaan, ?Dadhabootaa fi gowwoota? jedhee nan yaade.
5Amma immoo warra gurguddoota biradhaqee isaanitti nan dubbadhe,isaan dhugumaankaraa Waaqayyo isaanii fi seerrata isaa beeku;haa ta'u iyyuu malee,hundumti isaanii aboogooftichaa jalaa ba'anii,hidhaas in kutatan*.
6Yakki isaanii waan baay'ateef,Waaqayyo irraa gara galuun isaaniislakkoobsa waan hin qabneef,leenconni caakkaa keessaaba'anii isaan in qabatu,yeeyyiiwwan lafa onaa keessaaba'anii isaan in balleessu,qeerransoonnis namoota mandaroota isaaniikeessaa ba'an riphanii in eegattu;warri achi keessaa ba'uu yaalan hundinuu in ciramu*.[37]
7Waaqayyo, ?Ijoolleen keessan ana dhiisaniimaqaa waaqayyolii warraWaaqayyo dhugaa hin ta'iniinkakachaa waan turaniif,ani attamittanyakka isaanii isaaniif dhiisa ree?Ani nyaachisee yommuun isaan quubse,isaan immoo ejjuudhaafmana gaalamootaattiwalitti in qabaman*.
8Akkuma korommiin fardeeniiwarri sooramanii gabbatan himimsanisaan akkasumaniitii namaatti in himimsu.
9Ani kanaaf isaanitti hin faraduu ree?Ani saba wanta akkasii hojjetu irrattiijaa hin baafadhuu ree*?
10Gara dhaabaa muka wayniisaba kootiitti ol ba'aatii,muka waynichi irra yaa'u diigaa!Garuu raawwattanii hin balleessinaa;dameewwan isaa kan koowaan hin ta'iniif, irraa ciraa*!
11Sabni Israa'elii fi sabni Yihudaaraawwatanii anaaf hin amanamne;ani Waaqayyo kana dubbadheera? jedhe.[38]
12Isaan Waaqayyo irratti soba dubbatanii,?Inni homaa nu hin godhu,wanti hamaanis nutti hin dhufu,billaa yookiis beela hin arginu;
14Kanaaf Waaqayyo gooftaan maccaa,?Isaan wanta akkasiiwaan dubbataniif,ani immoo dubbii koo isa afaan kee keessa jiruakka ibiddaa, saba kanasakka qoraanii nan godha,ibiddichis isaan in fixa*.
15Yaa saba Israa'el!Kunoo! Ani biyya fagootiisaba lafa irraa sitti nan fida,inni saba jabaa fi saba bara durii ti,saba ati afaan isaa hin beeknee fiwanta inni dubbatu hin hubannee dha*.
17Isaan midhaan maasii kee keessa jiruuf,isa ati gombisaatti galfatte nyaatanii in fixu;ilmaan kee fi intaloota kee in fixu;saawwan kee fi bushaayee kee,ija muka waynii kee fiija muka harbuu keenyaatanii in fixu;mandaroota kee warra kellaa dhagaa qaban,warra ati amanattee turtediiganii in balleessu*.[39]
18?Ani Waaqayyoguyyaa sanatti iyyuu raawwadheesaba koo hin balleessu*.
19Sabni koo, ?Waaqayyo gooftaan keenya wanta akkasii kana hundumaa maaliif nu irratti hojjete?? jedhanii yommuu si gaafatan, ati immoo, Waaqayyo, ?Akkuma isin ana dhiiftanii biyya keessan keessatti waaqayyolii ormaatiif hojjechaa turtan, amma immoo biyya keessan kan hin ta'in keessatti ormaaf in hojjettu? isiniin jedha? jedhi*![40]
21Isaaniin,?Isin saba waa hin hubannee fi gowwaa nana dhaga'aa!Isin ija qabdu,garuu hin argitan;gurras qabdu, garuu hin dhageessan*.
22Isin ana hin sodaattanii ree?Ana durattis hin rom'itanii ree?Daarii galaanaa akka ta'uufcirracha kan kaa'e ana;galaanichi bara baraandaarii kana irra hin darbu;dha'aan isaa yoo itti bu'e iyyuuisa gara galchuu hin danda'u;galaanichi yoo huursesisa cabsuu hin danda'u? jedhaa*!
23Sabni kun garuu saba mata-jabeessaa fisaba garaan isaa hamaa waan ta'eef,ana irraa gara galee in sokke*.
27Akkuma gutoon simbirrootawarra qabamaniin guutu,akkasuma manneen isaaniihaxxummaadhaan in guuta;kana irraa kan ka'esisaan sooromanii nama guddaa ta'an.
28Isaan gabbatanii in cululuqan;wanta hamaa hojjechuun isaaniidaarii hin qabu;dhimma warra abbaa fi haadha hin qabneeilaalanii hin faradaniif,warra hiyyeessotaafisfirdii qajeelaa hin kennan*.
29Ani Waaqayyo wanta akkasii kanaaf,isaan hin adabuu ree?Ani saba akkasii kanattiijaa hin baafadhuu ree*?[42]
30?Biyyicha keessatti wanta guddaanama sodaachisuu fiwanta dhagna nama suukessututa'aa jira*.
31Raajonni sobanii raajii in dubbatu,luboonnis wantaisaanitti tolu duwwaain barsiisu;sabni koo wanta akkasii kana jaallata,egaa dhumni yommuu dhufumaal gootu ree?? jedhe*.[43]