Macaafa Ermiyaas Raajichaa 50:1-46 GAZB1997 - Bible AI
1Dubbiin Waaqayyo waa'ee biyya Baabilonii fi waa'ee warra Kaldootaa karaa ana Ermiyaas dubbate kanatti fufe jira;
2Dubbichis, ?Faajjii ol fuudhiitiilallabii saba lafa irraatti himi!?Namni hundinuu haa dhaga'u!Baabilon in qabamti,waaqayyolii tolfamoonni ishee in yeellaasifamu,Maarduk Waaqayyo tolfamaan isaanii in caccaba,bifni fakkeenya Waaqayyo tolfamaainni ciiggaasisaanis caccabee in hurraa'a?jedhii himi malee,waan tokko illee hin dhoksin*!
3Sabni tokko biyya gara bitaatii dhufeeishee rukutee in onsa,namnii fi horiin achi keessaabaqatanii in ba'u;namni tokko illees achi keessa jiraachuu hin danda'u*.[291]
5Yommus isaan fuula isaaniigara Xiyoonitti deebisaniikaraa gara isheetti geessu iyyaafachaa,?Kottaa! Kakuu bara baraan hin irraanfatamne,Waaqayyoof in gallaa!?waliin jedhaa in adeemu*.[292]
6?Sabni koo akka hoolota tiksoonni isaaniigara tulluutti of irraa isaan oofanii,karaa wallaalchisanii, ta'anii turan;isaan tulloota irra,gaara irras asii fi achi in jooran;iddoo dur itti boqonnaa argachaa turanisin irraanfatan*.
7Warri isaan argan hundinuubineensa isaanitti in ta'an,diinonni isaanii immoo,?Sababii isaan,Waaqayyo isa tiksee isaaniiisa dhugaa ta'e,isa abboonni isaanii abdachaa turanduratti cubbuu hojjetaniif,wanti nuyi isaan irratti hojjenneballeessaa nutti hin ta'u? in jedhu.[293]
9Ani kunoo, saba baay'eewalitti gamtatee,biyya gara bitaatiiBaabilon irratti nan kaasa;isaan isheetti qophaa'aniiishee lolanii in qabatu;warra lolatti beekan waan ta'aniifis,xiyyi isaanii waa utuu hin godhinlafa hin bu'u*.
10Biyyi Baabilon in saamamti,warri ishee saaman hundinuusgaraa in ciibsatu;ani Waaqayyo kana dubbadheera.[294]
12biyyi keessan isheenakka haadhaisin deessetti ilaalamtu in yeellaasifamti;isheen biyya keessaa ishee gad deebitu,biyya onaa fi biyya gogaahomtuu keessa hin jirre in taati.
13Sababii ani Waaqayyo isheetti dheekkameefontee in hafti,namni ishee keessa hin jiraatu;warri karaa darban hundinuuBaabilon bira yommuu darban,sababii dha'icha ishee irra ga'e kanaafna'anii afaan in qabatu*.[295]
14?Isin warri iddaadhaan loltan hundinuu,Baabilonitti naanna'aatii marsaa!Isheen ana Waaqayyo duratticubbuu waan hojjetteef,xiyya keessan hin qusatinaatiiisheetti gad dhiisaa!
15Karaa hundumaa isheetti naanna'aaiyyaatii ishee wareersaa!Ani Waaqayyo ishee irrattiijaa waanan baafadhuuf,isheen harka ishee in kenniti,masaraan ishee in jiga,kellaan ishees in diigama;akkuma isheen warra kaan gootesakkasuma ishee irratti hojjedhaa,ijaas itti baafadhaa*!
30Yommus dargaggoonni isheekaraa mandara isheetii irratti kukuffifamanii in hafu,loltoonni ishee hundinuus in dhumu;ani Waaqayyo kana dubbadheera.
31Ati of tuultuu?? nana!Barri ani itti si adabuwaan ga'eef,kunoo, ani Waaqayyo gooftaan maccaa si irratti nan ka'a*!
32Isheen of tuultuun kun gufattee in kufti,namni lafaa ishee kaasu garuu hin jiru;ani mandaroota isheetti ibidda nan naqa,innis wanta naannoo ishee jiru hundumaain guba? jedha.[299]
38Caamsaan biyya ishee irratti haa dhufu,bishaan ishees haa gogsu!Biyyichi waaqayyolii tolfamoodhaanwaan guuteef,fakkeenya waaqayyolii tolfamoowarra ciiggaasisookanaan of in jaju;
39kanaaf bineensonni caakkaatti galan, guchiin, waangoon,waraabessis isheetti in galu;namni garuu dhalootaa hamma dhalootaattiachitti hin galu,bara baraanis achi keessa hin jiraatu*.
40Sodoomii fi Gomoraamandaroota naannoo isaanii jiran hundumaa wajjinakkuman diigee balleesse,akkasuma ishee kanasdiigee nan balleessa;namni tokko illee deebi'eeachitti galee keessa hin jiraatu;ani Waaqayyo kana dubbadheera*.[301]
41?Kunoo! Sabni guddaan tokkobiyya gara bitaatii ka'ee in dhufa,mootonni jajjaboonnisandaara lafaatii ka'anii in dhufu*;
42loltoonni isaanii iddaa fi eeboo in qabatu,isaan gara jabeeyyii dha,araaras hin beekan;yaa Baabilon,isaan lolaaf hidhatanii,fardaan si loluudhaaf yommuu dhufan,sagaleen isaanii akka galaanaa in huursa*;
43mootiin Baabilon akka isaan dhufan yommuu dhaga'u,harki isaa in laafa,naasuunis isa in qabata;akka dubartii ciniinsifattuus in ta'a.[302]
44?Akkuma leenci caakkaa laga Yordaanosisa gobbuu keessaagara bakkee marga lalisaattiol ba'u,kunoo, anis akkasumadingata Baabilonitti ol nan ba'a,namoota ishees achi keessaa nan ari'a;isan ofii kootii fo'adhesishee irratti nan moosisa;egaa kan akka kootii jiraa ree?Namni, ?Kana maaliif goote??naan jedhus argamaa ree?Mootiin ana dura dhaabateena dhowwuu danda'us meerre ree*?
45Kanaaf wanta ani Waaqayyobiyya Baabilon irrattifiduuf yaadee jiru,akeeka ani warra Kaldootaa irrattiqopheesse jirus dhaga'aa!Ijoolleen isaanii akka ilmoolee bushaayeebineensi qabatettihumnaan in fudhatamu,kaloon isaaniis raawwatee in ona.
46?Baabilon in qabamte? yommuu jedhanlafti in socho'a,boo'ichi biyyattiis saba lafa irraa hundumaabiratti in dhaga'ama? jedhe.[303]