Macaafa Ermiyaas Raajichaa 51:1-64 GAZB1997 - Bible AI
1Ammas Waaqayyo itti fufee,?Kunoo! Ani Baabilonitti,saba ishee gidduudhaawarra anaan mormanittis,bubbee isaan balleessu nan kaasa*.
2Orma isa akka namamidhaan qilleensatti kennee gingilchutti,biyyattii gingilchee balleessuitti nan erga;guyyaan badiisa ishee yommuu ga'u,karaa hundumaa isheetti in ka'u*.
3Loltuu ishee isa xiyya darbatu,akka inni iddaa isaa jabeeffatu,madaa sibiilaa isaasakka inni uffatu hin godhin!Dargaggoota isheetiif hin hilin,loltoota ishee hundumaasraawwadhuu balleessi*!
4Warri madaa cimaadhaan madaa'anii fiwarri ajjeefaman,karaa mandara Baabilonkeessa in cicciisu;
5biyyichi utuma ana isa qulqulluuisa kan Israa'el durattiyakkaan guute iyyuu,ani Waaqayyo gooftaan maccaa,Waaqayyo inni hundumaa danda'uisin warra Israa'elii fiwarra Yihudaa hin irraanfanne*.[304]
6?Egaa ka'aatiibiyya Baabilon keessaa baqadhaa,yeroon ani Waaqayyo sababii yakka isheetiifisheetti faradu waan ga'eef,ani akka hojii isheettiisheef waanan kennuuf,isin yakka isheetiif akka hin dhumnetti,tokkon tokkon keessan baqadhaatiiof oolchaa*!
9Sabni sun immoo deebisanii,?Baabilon in fayyiti utuu ta'e,silaa ishee in gargaara ture;amma garuu yakki ishee duumessa keessa darbee,bantiiwwan waaqaa bira waan ga'eef,isheen fayyuu hin dandeessu;kanaaf ishee dhiifne adduma addaan,gara biyya keenyaatti in deebina? in jedhu*.
10Yommus sabni Israa'elii fisabni Yihudaa,?Waaqayyo dhugaa waan nuuf baaseef,kottaa gara Xiyoonitti ol baanee,wanta Waaqayyo keenya godhe in himnaa!? in jedhu*.[305]
11Xiyya keessan qaradhaa,gaachana keessanis fudhadhaa!Waaqayyo, biyya Baabilon balleessuuwaan barbaaduuf,mootota Medoon itti in kaase;inni akkasitti ijaa mana qulqullummaa isaaisa diigame in ba'e*.
16yommuu inni sagalee isaa dhageessisu,bokkaan bantii waaqaa keessaa in huursa;inni daarii lafaatii duumessa ol in kaasa,bokkaa keessas bakakkaa gad in buusa;qilleensas gombisaa isaa keessaa in baasa;
17namoonni hundinuu garuubeekumsa waan hin qabneef, in gowwoomu;warri warqee baqsan hundumti isaanii,waaqayyolii tolchan sanatti in yeella'u;bifni isaan baqsanii tolchan sun,wanta sobaa fibifa hafuurri keessa hin jirree dha.
18Waaqayyoliin tolfamoonni kun,kan waa'ee hin baafnee dha, mi'a ga'oo tis;gaafa adabni isaanitti dhufuisaan in badu.
19Waaqayyo inni kan Yaaqoob garuuakka isaan kanaa miti;wanta hundumaa kan uume isa;inni dhaabata saba dhuunfaa isaatii timaqaan isaas?Waaqayyo gooftaa maccaa ti?*.[307]
20Waaqayyo, ?Yaa namoota Baabilon,isin buruusa koo fi mi'a waraanaa koo,isan ittiin saba lafa irraa caccabsuu dha;isiniin mootummootarukutee nan balleessa;
21isiniin fardeenii fi abboota fardeenii,konkolaattotaa fi warra isa oofan nan caccabsa;
22isiniin dhiiraa fi dubartii,jaarsaa fi ijoollee,dargaggootaa fi durboota nan caccabsa;
23isiniin tiksee fi karra bushaayee,qottuu fi qotiyyoo,warra biyya bulchanii figurguddoota biyyaa nan caccabsa.
24Ani wanta hamaa isa warri Baabilonii fi warri KaldootaaXiyoon irratti hojjetanmataa isaaniitti yommuun deebisu isin arguuf jirtu;ani Waaqayyo kana dubbadheera*.[308]
25?Yaa Baabilon, yaa tulluu balleessituu nana,kunoo, ani si irratti ka'eera!Ati guutummaa biyya lafaawaan balleessiteef,ani immoo harka koo si irrattiol fudhadhee,buqqisee sin konkolaachisa,tulluu ibiddaan gubames sin godha.
26Ati bara baraan ontee in hafta,si'achi dhagaan golee si keessatti hin argamu,dhagaan hundeef ta'ussi keessaa hin baafamu;ani Waaqayyo kana dubbadheera*.[309]
27?Yaa saba lafa irraa, faajjii ol kaasaatii biyya keessa dhaabaa!Saba keessatti fiinoo afuufaa!Lolaaf saba qopheessaa!Mootummaa Araaraat,mootummaa Miinii fi Ashkenaaz,Baabilon irratti walitti sassaabaa!Lola kana kan geggeessuangafa loltuu itti godhaa,fardeen akka gurmuu hawwaanisaa** baay'atangad itti dhiisaa*!
29Wanti ani Waaqayyobiyya Baabilon balleessuuf,ishee onseskan namni keessa hin jiraanne gochuuf, yaadee qopheesseeraawwatamuuf waan jiruuf,lafti sodaatee in rom'iti*.
30Loltoonni Baabilon loluu dhiisanii,masaraa isaanii keessacalluma jedhanii in taa'an;humni isaan in bu'e,akka dubartiis in ta'an;manneen isaaniitti ibiddi in naqame,cufaan karra masaraa isheetiis in caccabe*.
33Waaqayyo gooftaan maccaa,Waaqayyo inni kan Israa'elammas itti fufee,?Mandarri Baabilon akka oobdiimidhaan keessatti siribsiifamuu in taati;yeroon namoonni ishee gad ciramaniikeessatti dhidhiitaman dafee in dhufa;
34warri Xiyoon keessa jiraatan,?Nebukadnezaar mootiin Baabilonakka jawwee nu liqimsee,caccabsee nu nyaate,coomaan keenya garaa isaa in guutate;ergasii debasee nu tufee,akka qodaa duwwaatti lafa nu buuse.
36Kanaaf kunoo! Ani sin gargaara,siif ijaa nan ba'a;galaana ishee fi burqaa bishaanii ishee nan gogsa;ani Waaqayyo kana dubbadheera*.
37Mandarri Baabilondiigamtee in tuulamti,iddoo waangonni itti galan,iddoo namni ilaalee sodaatu, iddoo ga'oo,kan namni keessa jiraachuuhin dandeenyes in taati*.
38Warri Baabilon hundumti isaaniiakka leencaa in aadu,akka ilmoo leencaas in gururi'u;
39isaan nyaata dhabanii yommuu gubatan,akka isaan gammadanitti,ani cidha isaaniif nan qopheessa,isaan nan macheessas;kana irraa kan ka'eshirriba bara baraa in rafu,deebi'aniis hin ka'an;ani Waaqayyo kana dubbadheera*.
40Akka ilmoolee hoolaa,korbeeyyii hoolaa fi korbeeyyii reettiigara qalmaatti geeffamaniittiisaan gad deebi'aniiakka oofaman nan godha.[311]
41?Baabilon isheen ?Sheshaak? jedhamtuattamitti kufte!Isheen guutummaan biyya lafaaittiin of jajusattamitti qabamte!Attamittis saba lafa irraa gidduuttiwanta namni ilaalee sodaatu taate*!
42Galaanni Baabilon irra in ba'a,dha'aan galaanichaa inni huursusishee irra in dhangala'a.
43Mandaroonni Baabilonwarri kaanis in diigamu;biyyi Baabilon gogeelafa duwwaa in ta'a;namni achi keessa hin jiraatu, keessas hin darbu.
44?Beel? Waaqayyo tolfamaaisa kan Baabilon nan adaba,isa inni fudhates nan deebisiisa;si'achi sabni gara isaatti hin yaa'u,dallaan Baabiloninni dhagaadhaan ijaarames in jiga*.[312]
46Barana oduu tokko in dhageessu,bara eger immoooduu biraa in dhageessu;egaa jal'inni biyya irratti hojjetamuu isaa,warri biyya bulchanishumnaan wal irratti ka'uu isaanii,oduu yommuu dhageessan hin na'inaa,hin sodaatinaas!
47Kanaafis kunoo! Barri ani ittiwaaqayyolii tolfamoo Baabilon adabu in dhufa;guutummaan biyyattii in yeellaasifamti,warri dhuman hundinuusachi keessa in cicciisu*;
48diinni biyya gara bitaatii dhufeeBaabiloniin yommuu rukutu,waaqniif laftiwanti isaan keessa jiraatanhundinuus in ililchu*.
51Isin immoo, ?Warri ormaa mana qulqullummaa keessaagara iddoo isa qulqullaa'aattiwaan lixaniif,nuyi arrabsamnee, yeellaasifamnee,salphanneerras? jettan*.
52Kana irratti Waaqayyo,?Kunoo! Waaqayyolii tolfamoo isheebarri ani itti adabu in dhufa,warri madaa'an biyya ishee hundumaa keessaa in aadu*.
53Baabilon hamma waaqaattiyoo ol kaate iyyuu,masaraa ishees ol dheeressiteyoo ijaarratte iyyuu,kan ishee balleessu isheetti nan erga;ani Waaqayyo kana dubbadheera*.
54Mandara Baabilon keessaaiyyi in dhaga'ama,warra Kaldootaa keessattisbadiisi guddaan ta'eera.
55Ani Waaqayyo Baabiloninqullaatti nan hambisa,sagalee guddaa ishee keessaa dhaga'amus nan balleessa;sagaleen diinota isheetiiinni akka dha'aa bishaan guddaatti huursu,ishee keessaa in dhaga'ama.
56Ani Waaqayyo isa ijaa baafatuwaanan ta'eef,Baabiloniif akka hojii isheetti nan kenna;diinni isheetti in dhufa,loltoonni ishee warri jajjaboonni in booji'amu,iddaan isaanii hundinuus in caccaba*.
57Ani gurguddoota ishee, ogeessota ishee,warra biyya bulchan,angafoota loltuu filoltoota ishee nan macheessa;kana irraa kan ka'eshirriba bara baraa in rafu,deebi'aniis hin ka'an;ani mootichi maqaan kooWaaqayyo gooftaa maccaakan jedhamu, kana dubbadheera*.
62Yommuu dubbiftus, ?Yaa Waaqayyo ati iddoo kana akka balleessitu namni yookiis horiin achi keessa akka hin jiraanne, hamma bara baraattis onee akka inni hafu dubbatte turte? jedhi!