Macaafa Ermiyaas Raajichaa 52:1-34 GAZB1997 - Bible AI

1Zedeqiiyaan dhalatee waggaa digdamii tokkotti mootii ta'ee, Yerusaalem keessa taa'ee waggaa kudha tokko in mo'e; maqaan haadha isaatii ?Hamutaal? jedhama; isheen intala Ermiyaas nama mandara Liibnaa turte*.

2Zedeqiiyaan kun akkuma Yehoyaaqiim Waaqayyo duratti waan hamaa in hojjete;

3kun Yerusaalemii fi Yihudaa keessatti waan ta'eef, Waaqayyo baay'ee isaanitti aaree hamma fuula isaa duraa isaan balleessutti ga'e; yommus Zedeqiiyaan mootii Baabilon irratti in ka'e*.[316]

4Kana irratti Nebukadnezaar mootiin Baabilon, Zedeqiiyaan mo'ee waggaa salgaffaatti, ji'a kurnaffaatti, ji'icha keessaa guyyaa kurnaffaatti loltoota isaa hundumaa fudhatee Yerusaalemitti in duule; mandarattii duuba buufatee dallaa ittiin ishee marsu guutummaa naannoo isheetti in ijaare*;

5Zedeqiiyaan mo'e hamma waggaa kudha tokkoffaa isaatti mandarattiin akkuma marfamtetti turte.

6Wagguma sana keessa ji'a afuraffaatti, ji'icha keessaa guyyaa salgaffaatti wanti nyaatamu mandarattii keessaa raawwatee waan dhumeef, namoonni waan afaanitti deebifatan hamma dhabanitti beelli jabaan isaanitti in bu'e.

7Dallaan mandarattiis in cabe; Zedeqiiyaan mootiin Yihudaa kana yommuu arge, loltoota isaa warra isa eegan hundumaa fudhatee, karaa isa ?Karra dallaa lamaan gidduu? jedhamu, isa iddoo dhaabaa mootichaatti dhi'oo jiru sanaa halkaniin baqatee in ba'e; utuma loltoonni Baabilon mandarattii marsanii jiranii, Zedeqiiyaan mootichi gara dachaa Yordaanos isa ?Arabaayi? jedhamutti in sokke.

8Loltoonni Baabilon garuu Zedeqiiyaa mooticha hordofanii dachaa Yerikootti isa in qaqqaban; loltuun isaa hundinuu garuu isa dhiisanii in tatamsa'an;

9erga isa qabataniis gara mandara Riiblaa isa biyya Haamaat keessaatti iddoo Nebukadnezaar mootiin Baabilon jirutti isa in geessan; mootichis achitti isatti in farade.

10Mootiin Baabilon achuma mandara Riiblaa keessatti ilmaan Zedeqiiyaa fuuluma isaa duratti akkasumas gurguddoota biyya Yihudaa hundumaa in ajjeese.

11Kana booddee immoo ija Zedeqiiyaa keessaa baasisee, funyoo sibiila borrajjiitiin hiisisee gara biyya Baabilonitti isa in erge; hamma inni du'uttis akkuma hidhametti isa in tursiise*.[317]

12Nebukadnezaar mootiin Baabilon erga mo'ee waggaa kudha salgaffaa isaatti, waggichattii ji'a shanaffaatti, ji'ichattiis guyyaa kurnaffaatti Nebuzaraadaan ajajaan loltuu warra mooticha eeganii, inni mootichaaf amanamaa ture mandara Yerusaalemitti lixee,

13mana qulqullummaa, mana mootummaa, manneen namoota gurguddoota Yerusaalem hundumaa gubee in balleesse.

14Loltoonni isa duukaa turan hundinuus dallaa Yerusaalem guutummaatti in diigan.

15Yommus Nebuzaraadaan ajajaan loltoota warra mooticha eeganii, namoota warra baay'ee hiyyeessota ta'an keessaa gar tokko, warra mandarattii keessatti hafan, warra hojii harkaa beekan, warra mootii Baabilonitti of kennanii fi namoota warra kaan hundumaa wajjin booji'ee Baabilonitti in geesse.

16Garuu saba biyyattii keessaa baay'ee hiyyeeyyii kan ta'an muraasi hafanii waynii akka dhaabaniif, qotiisas akka qotaniif dhiisee in adeeme*.[318]

17Namoonni Baabilon immoo utuboota sibiila borrajjii irraa hojjetaman, baattuuwwan geengoo qabanii fi gaanii bishaanii sibiila borrajjii irraa hojjetame mana qulqullummaa keessaa caccabsanii, sibiilicha borrajjii sana fudhatanii, gara biyya Baabilonitti in geessan.

18Akkasumas caabii itti daaraa naqan, fal'aana ittiin daaraa hamaaran, qabduu ittiin fo'aa ibsaa kutan, waciitii ittiin dhiiga facaasan, qodaa ixaanaa fi qodaa sibiila borrajjii irraa tolfame mana qulqullummaa keessaa ittiin hojjetan hundumaa fudhatanii in adeeman.

19Ajajaan loltoota warra mooticha eeganiis, mi'a warqee fi meetii irraa hojjetaman caabii, baattuu irratti ibidda bobeessan, waciitii ittiin dhiiga facaasan, xuwwee, baattuu ibsaa, qodaa ixaanaa fi wanta ittiin kennaa dhugaatii dhi'eessan hundumaa fudhatee in adeeme*.

20Miijanni utuboota lamaanii, gaanii bishaanii, fakkeenya qotiyyoota sibiila borrajjii irraa hojjetaman kudha lamaan gaanii kana jala jiranii, warri Solomoon mootichi mana qulqullummaatiif hojjechiise hammana kan hin jedhamnee dha*.[319]

21Utuboonni lamaan tokkon tokkon isaanii dhundhuma kudha saddeet dheeratu; furdinni tokkon tokkon isaanii dhundhuma kudha lama ture; keessi isaanii qaawwaa ta'ee yabbinni dhagna isaanii qabaa tokko ture;

22tokkon tokkon utubichaa irratti guutuun sibiila borrajjii irraa hojjetamee dhundhuma shan dheerata; naannoo guutuu utubichaatti miidhaginaaf sibiila borrajjii irraa wal keessa galfamee kan tolfameef akka ija rumaaniitti kan hojjetametu ture; utubaan inni lammaffaanis rumaanii isaa wajjin akkuma isa kanaatti miidhagfamee hojjetame.

23Gara tokkon rumaanii sagaltamii ja'atu isaan irratti hojjetame; rumaaniin naannoo isaaniitti wal keessa galfamanii hojjetaman walitti qabaan isaanii dhibba tokko turan*.[320]

24Akkasumas ajajaan loltoota warra mooticha eeganii, hojjetoota mana qulqullummaa keessaa, Seraayaa angafa lubootaa, Sefaaniyaa itti aanaa angafa lubootaa fi karra eegdota sadan booji'ee biyya Baabilonitti fudhatee in gale*;

25mandarattii keessatti warra hafan keessaa angafa loltootaa tokkoo fi gorsitoota mana mootummaa torban keessaa akkasumas caafaa ajajaa loltootaa, isa itti gaafatamaa namoota duulaaf caafamanii tureef saba biyya sanaa keessaa mandarattii keessatti kan argaman namoota jaatama fudhatee in sokke.

26Nebuzaraadaan ajajaan loltoota warra mooticha eeganii isaan kana hundumaa qabee gara mandara Riiblaa iddoo mootiin Baabilon jirutti in geesse;

27mootiin Baabilon immoo biyya Haamaat mandaruma Riiblaa sana keessatti isaan in ficisiise; akkasitti namoonni Yihudaa biyya isaaniittii gargar in ba'an*.[321]

28Lakkoobsi namoota warra Nebukadnezaar mootiin Baabilon booji'ee biyyaa baase kanatti fufee jira; inni erga mo'ee waggaa torbaffaa isaatti, saba Yihudaa keessaa nama kuma sadii fi digdamii sadii in booji'e*;

29waggaa kudha saddeettaffaa isaatti nama dhibba saddeetii fi soddomii lama Yerusaalem keessaa in booji'e*.

30Nebukadnezaar mo'ee, waggaa digdamii sadaffaa isaatti immoo Nebuzaraadaan ajajaan loltoota warra mooticha eeganii nama dhibba torbaa fi afurtamii shan booji'ee biyyaa in baase; walitti qabaan lakkoobsa namoota booji'amanii biyyaa ba'anii kuma afurii fi dhibba ja'a ture*.[322]

31Yehoyaakiin mootiin Yihudaa booji'amee waggaa soddomii torbaffaatti Ewiil-Marodaak biyya Baabilon irratti mootii ta'e; baruma sana keessa ji'a kudha lammaffaatti, ji'ichattiis gaafa guyyaa digdamii shanaffaatti, Ewiil-Marodaak mana hidhaa keessaa Yehoyaakiinin in baasise;

32yaada qajeelaadhaan isaa wajjin haasa'ee, mootota warra isaa wajjin biyya Baabilon keessa turan caalaatti barcuma ulfinaa in kenneef.

33Yeroo sanaa jalqabee Yehoyaakiin uffata isaa isa yeroo mana hidhaa keessa ture uffatu in geddarate; hamma dhuma jireenya isaatiitti guyyaa hundumaa maaddii mootichaa irraa akka inni nyaatus in godhameef.

34Kana malees hamma dhuma jireenya isaatiitti guyyaa guyyaatti wanti isa barbaachisu akka kennamuuf mootiin Baabilon in abboome*.[323]

ter>