7Akkuma burqaan bishaaniibishaan qabbanaa'aa yaasu,akkasuma isheen hammina isheeof keessaa in yaafti;humnaan nama irratti ka'uunii finama cunqursuun,yeroo hundaa ishee keessatti in dhaga'ama;inni isaan nama reebanii madeessan,yeroo hundaa fuula koo dura jira.
8Yaa Yerusaalem! Ani akkansi irraa gara hin galletti,biyya kees balleesseenamni akka keessa hin jiraanneakkan hin goonetti,gorsa koo dhaga'i!? in jedhe.
9Ammas Waaqayyo gooftaan maccaa,?Akkuma qarmiinija waynii funaanamu,akkasuma saba Israa'el keessaawarri hafanraawwatanii in funaanamu;akkuma nama ija wayniidamee isaa irraa ciruutti,harka kee gara isaatti hiixadhu!?jedhee anatti in dubbate*.
10Yommus ani immoo deebisee,?Eenyutti dubbadhee,eenyuunis gorsu ree?Eenyutu wanta ani jedhu dhaga'a?Kunoo! Isaan mata-jabeeyyiiwaan ta'aniif,dubbii kee dhaga'uu in didan.Kunoo! Isaan dubbii keeakka ga'ootti waan ilaalaniif,isa dhaga'uutti hin gammadan*.
11Kanaaf yaa Waaqayyo,dheekkamsi kee ana keessa in guute;ani isa of keessatti ittisuuhin danda'u? nan jedhe;yommus Waaqayyo deebisee,?Ijoollota karaa irra jiran irratti,wal ga'ii dargaggootaa irrattisdheekkamsa koo dhangalaasi!Abbaan manaa fi haati manaa,warri dulloomanii lafa guuran in booji'amu.
12Ani harka koo warrabiyya kana jiraatan irrattiwaanan ol fudhadhuuf,manneen isaanii, maasiin isaanii fi dubartoonni isaaniisaba kan biraatiif in kennamu*.[45]
13?Isaan isa guddaadhaa hamma isa xinnaatti,hundumti isaanii bu'aa dalgaaduukaa in bu'u.Raajonnii fi luboonni iyyuunamoota in gowwoomsu;
14cabni saba kootiiakka waan salphaatti fayyu,?Nagaa dha!? ?Nagaa dha!? in jedhu;nagaan garuu hin jiru.
15Wanta ciiggaasiisaa akkasiiwaan hojjetaniif,yeella'uun isaan irra ture,isaan garuu hin yeellaane,yeelloon maal akka ta'es hin beekne;kanaaf isaaniswarra kufanii wajjin in kufu,ani isaan adabuu yommuun dhufu,isaan kufaatii guddaa in kufu?jedhee anatti dubbateera*.[46]
16Ammas Waaqayyo isin saba isaatti dubbatee,?Gara karaatti as ba'aatii ilaalaa!?Daandiin inni durii,karaan inni ba'eessi sunamma eessa jira?? jedhaatii gaafadhaa!Boqonnaa akka argattanittikaricha irra adeemaa!? jedhe;isin garuu, ?Lakkii nuyiisa irra adeemuuhin barbaannu? in jettan*.
17Waaqayyo immoo, ?Ani eegdotaisiniif kenneen,?Yommuu isaan fiinoo afuufan dhaga'aa!? isiniin jedhe;isin garuu,?Lakkii nuyi dhaga'uu hin barbaannu? in jettan*.
18Kanaaf isin yaa saba lafa irraa dhaga'aa!Isinis warri asittiwalitti qabamtan,wanta saba kootti dhufuufjiru qalbifadhaa!
19Yaa lafaa dhaga'i!Sabni koo sagalee koo waan hin dhaga'iniif,abboommii koos waan tuffataniif,kunoo, ani isaan irratti badiisa nan fida,innis ija hojii isaanii ti*.
20Ixaanni biyya Sheebaatii dhufuu fimukti urgooftuu biyya fagoodhaa dhufumaal anaaf godha?Qalmi keessan inni gubamuana hin gammachiisu!Aarsaan keessanis anatti hin tolu*.
21Kanaaf kunoo! Ani saba kanadura gufuu nan kaa'a,abbaanii fi ilmiisa gufatanii in kufu,olloonnii fi firoonniwalumaa wajjin in dhumu? jedhe.[47]
22Waaqayyo, ?Kunoo!Sabni tokko biyya gara bitaatii in dhufa,sabni guddaan tokkosbiyya fagootii in ka'a*.
23Yaa mandara Xiyoon!Isaan gara-jabootaa fiwarra oo'a hin qabnee dha,iddaadhaa fi eeboo ol fudhataniiru,sagaleen isaanii akka galaana huursuu ti;isaan si loluudhaaf qophaa'aniifardeen yaabbatanii in dhufu? jedhe*.[48]
24Warri Yerusaalem keessa jiraatan immoo,?Nuyi waa'ee kanaa yommuu dhageenyeharka keenya in dachaafanne,naasuunis nu qabate,akka dubartii ciniinsifattuus in taane*.
25Diinonni keenya billaa hidhataniikaraa hundumaa waan nu sodaachisaniif,nuyi alatti gad ba'uuyookiis karaa irra adeemuu hin dandeenye? jedhan*.
26Yaa saba ko,diinni nu balleessuudhaaf dingatawaan dhufuuf,uffata gaddaa uffadhuutiidaaraa keessa gangaladhu!Akka nama ilma tokkichaafwawwaatee gadde boo'uuttis boo'i*![49]
27Waaqayyo, ?Akka nama sibiila qoruuttiati saba koo qortee akka ilaaltuuf,jireenya isaaniis qorteeakka hubattu si godheera.