Macaafa Ermiyaas Raajichaa 8:1-22 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyo, ?Yeroo sanatti lafeen mootota Yihudaa, lafeen gurguddoota ishee, lafeen luboota ishee, lafeen raajota ishee fi lafeen warra Yerusaalem keessa jiraatanii awwaala keessaa in baafamu.

2Jarreen kun utuu hin du'in aduu, ji'aa fi urjoota jaallachaa, isaaniif hojjechaa, isaan duukaa bu'aa, isaan gaafachaa, isaaniifis sagadaa turan; amma garuu lafeewwan isaanii warri awwaala keessaa baafaman akka kosii maasii keessatti gatameetti aduu, ji'aa fi urjoota jalatti in gatamu malee, deebi'anii hin awwaalaman*.

3Warri qomoo hamaa kana keessaa hafan hundinuu iddoo ani itti isaan tamsaasu hundumaatti jireenya irra du'a in fo'atu; ani Waaqayyo gooftaan maccaa kana dubbadheera? jedhe.[59]

4Ammas Waaqayyo, ?Namni yoo kufe hin ka'uu ree? Yoo karaa irraa ce'es dafee karaatti hin deebi'uu ree?

5Sabni Yerusaalem kun maaliif raawwatee dugda anatti gate? Maaliif karaa sobaatti jabaate? Maaliifis deebi'uu dide*?

6Ani isaan caqasee argeera, namni wanta hamaa waan hojjeteef gaddee, ?Ani maalan balleesse laata?? jedhee yaadu hin jiru; akkuma fardi gara lollaatti fiigu, akkasuma hundumti isaanii karuma yaada isaanii irra in fiigu.

7Allaattiin hawaannisaa inni qilleensa keessa balali'u iyyuu yeroo isaa beeka; gugeen, simbirroo daaloteen, cuquliisis yeroo isaanii beeku; sabni koo garuu seera ani isaaf dhaabe hin beeku*.[60]

8?Kunoo! Warri bir'ii sobaatiin caafanii, dubbii geddaran erga jiraatanii isin attamitti, ?Nuyi ogeessota seerri Waaqayyoos nu bira jira? ofiin jettu?

9Warri ogeessonni in yeellaasifamu, na'anii waan dubbatan dhabanii afaan isaanii in qabatu; dubbii koo erga tuffatanii ogummaan isaanii kun maal isaaniif godha ree*?

10Kanaaf ani dubartoota isaanii namoota kan biraatiif, maasii isaaniis warra biyya isaan irraa fudhataniif nan kenna; isaan isa xinnaadhaa hamma isa guddaatti, hundumti isaanii bu'aa dalgaa duukaa in bu'u; raajonnii fi luboonni iyyuu namoota in gowwoomsu*.

11Cabni saba kootii akka waan salphaatti fayyu, ?Nagaa dha!? ?Nagaa dha!? in jedhu, nagaan garuu hin jiru*!

12Wanta ciiggaasisaa akkasii waan hojjetaniif, yeella'uun isaan irra ture; isaan garuu hin yeellaane, yeelloon maal akka ta'es hin beekne; kanaaf, ?Isaan warra kufanii wajjin in kufu, ani isaan adabuuf yommuun dhufu, isaan kufaatii guddaa in kufu? jedhee, ani Waaqayyo kana dubbadheera.

13Ani raawwadhee saba kana nan balleessa, isaan akka muka waynii fi muka harbuu warra ija hin qabnee, warra baalli isaanii iyyuu coollagee in ta'an; kanaaf wanti ani isaaniif kenne isaan irraa in fudhatama? jedhe*.[61]

14Yommus sabni sun deebisanii, ?Nuyi Waaqayyo gooftaa keenya duratti cubbuu waan hojjenneef, inni bishaan hadhaan keessa jiru nu obaase, badiisattis erga gad nu dhiisee, nuyi maaliif calluma jennee teenya? Kottaa walitti qabamnee, gara mandaroota masaraa dhagaa qabaniitti in baqanna*!

15Nuyi ?Nagaatu ta'a? jennee abdanne, garuu wanti gaariin hin taane; yeroo itti bayyaannanutu dhufa seene, garuu yeroo nu naasisutu dhufe*.

16Fardeen warra diinotaa biyya Daanii yommuu funyaan dha'an in dhaga'ama; yommuu isaan himimsanis guutummaan biyya keenyaa in hollatti; isaan dhufanii biyya keenyaa fi wanta ishee irra jiru, mandarattii fi warra ishee keessa jiraatan hundumaa in fixu? jedhan*.

17Waaqayyo, ?Kunoo! Ani bofa hadhaa qabu isinitti gad nan dhiisa, mar'ataanis isin in idda, namni hadhaa isaattii isin fayyisus hin jiru? jedhe*.[62]

18Sababii gaddaatiif fuulli koo bifa in bade, garaan koos in gubate*.

19Kunoo, iyyi saba kootii biyya fagoodhaa in dhaga'ama, ?Waaqayyo Xiyoon keessa hin jiruu? Mootiin ishees achi keessaa in adeemee?? in jedhu; inni immoo, ?Isaan maaliif bifa fakkeenya waaqayyolii isaaniitiin, waaqayyolii ormaa warra waa'ee hin baafne duukaa bu'uu isaaniitiinis tuttuqanii na aarsan?? in jedha.

20Namoonni, ?Yeroon makarii darbeera, ji'i bonaas dhumeera, nuyi garuu amma iyyuu rakkina keessaa hin baane? in jedhu.

21Sabni koo waan jooreef, anis jooreera, gaddee waanan godhus wallaaleera.

22Wanti dibatan Giil'aadin hin jiruu? Namni madaa wal'aanee fayyisus achii hin argamuu? Maaliif sabni koo wal'aanamee hin fayyifamne ree*?[63]

er>