3Waaqayyo, ?Isaan soba dubbachuudhaaf,akka iddaa dhifameettiarraba isaanii qopheessanii in taa'u;isaan lafa kana irrattihammina irratti hammina dabalu malee,dhugaatti hin jabaatan,ana beekuus hin barbaadan*.[64]
4?Namni hundinuufira isaattii of haa eeggatu,obboleessa ofii isaatiis hin amanatin!Obbolleessi obboleessa isaa in gowwoomsa,ollaanis asii fi achi adeemeeollaa isaa in hamata*.
5Ollaan ollaa isaa in gowwoomsa,dhugaa kan dubbatus hin jiru;isaan arraba isaaniitiin soba dubbachuu,micciiramummaadhaanis hojjechuuamala in godhatan;karaa isaanii kana irraasdeebi'uu in dadhaban*.
7Kanaaf Waaqayyo gooftaan maccaa,?Kunoo! Ani akka namasibiila baqsee qoruutti,saba koo qoree nan ilaala;kanaa'achi maal isaan godhu ree?
8Afaan isaaniitiin gowwoomsaa in dubbatu;arraba isaaniitiin akka xiyyaattiwaraananii nama in ajjeesu;afaan isaaniitiin ollaa isaaniitti nagaa dubbatu,garaa isaanii keessatti garuu isa in gaaddu*.
9Ani saba akkasii kanawanta akkasiitiif hin adabuu ree?Saba akkasii irrattisijaa hin baafadhuu ree?? jedhe*.[66]
10Tulloonnii fi iddoon horiin dheedu onanii,namnis isaan keessawaan hin adeemneef,sagaleen horii achi keessaawaan hin dhaga'amneef,allaattonnii fi bineensonni hundinuubaqatanii waan sokkaniif,ani isaaniif gadodee nan boo'a, nan wawwaadhas*.
11Waaqayyo, ?Yerusaalemin tuullaa kosii,iddoo waangonni keessa jiraatanis nan godha;mandaroota Yihudaa immoo iddoo duwwaakan namni keessa hin jiraanne nan godha? jedhe*.[67]
12Namni ogeessi wanta kana hubachuu danda'u eenyu? Biyyi kun akka badu, onee lafa duwwaa ta'ee, namni tokko illee isa keessatti akka hin argamne Waaqayyo eenyutti dubbate*?
19Sagaleen boo'ichaa, ?Nuyi in badne,yeelloo guddaas in uffanne;nuyi biyya keenya dhiifnee in baane,manneen keenyas in diigaman? jedhu,Xiyoon keessaa in dhaga'ama? jedhe.