1Fakkeenyonni Solomoon ilma Daawit, mootii Israa'el kanatti aananii jiru*.
2Isaanis namoonni ittiin ogummaa fi barsiisa akka argataniif, dubbii beekumsa of keessaa qabus akka hubataniif in gargaaru;
3akkasumas qalbifachuudhaan, qajeelummaa fi wanta seeraan eegame, wanta dhugaa ta'es akka argataniif,
4wallaalonni mala, ijoollonnis beekumsaa fi dubbii gargar baasu akka qabaataniif kennaman.
5Namni ogeessi in dhaggeeffata, barumsas in dabalata, namni dubbii gargar baasuu beekus mala in argata.
6Dubbii fakkeenyaan dubbatamu, haasaa sookaa, wanta ogeeyyiin dubbataniif hibboo in hubata.
7Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti, gowwoonni garuu ogummaa fi barsiisa in tuffatu*.[1]
8Yaa ilma ko, gorsa abbaa keetii dhaga'i, barsiisa haadha keetiis hin tuffatin*.
9Isaan mataa keetiif akka daraaraa battee dha'amee ti, morma keetiifis mi'a miidhaginaa ati dirattuu dha.
10Yaa ilma ko, cubbamoonni yoo si wallaalchisuuf jedhan, tole hin jedhiniif*;
11isaan, ?Nuu wajjin kottu, dhiiga namaa dhangalaasuudhaaf dhaqnee riphnee eegganna; nama balleessaa hin qabnes sababiidhuma tokko malee, miidhuudhaaf karaatti in eegganna;
12akka iddoo lafa jalaatti, akka warra fayyaatti boolla gad fagoo keessa buufamaniittis guutummaatti isaan in liqimsina.
13Nuyi wanta gati-jabeessa hundumaa in arganna, manneen keenyas wanta saamneen in guuttanna;
14hirmaata keenya walitti in dabalanna, korojoon keenyas tokko haa ta'u!? yoo siin jedhan,
15yaa ilma ko, isaanii wajjin hin adeemin, karaa isaanii irras hin bu'in!
16Miilli isaanii hamaatti in fiiga, isaan dhiiga dhangalaasuudhaaf in ariifatu.
17Warra baalleedhaan ka'an qabuudhaaf, erga isaan arganii kiyyoo diriirsuun waa'ee hin baasu.
18Namoonni kun riphanii eeggachuun isaanii, dhiiguma ofii isaanii dhangalaasuutti in geessa; kan biraa karaatti eeggachuun isaaniis jireenya ofii isaanii in balleessa.
19Jireenyi nama bu'aa jal'inaa buufatuu kana in fakkaata; qabeenyi akkasiis lubbuu namichaa in balleessa.[2]
20Ogummaan bakkee keessaa guddiftee in iyyiti, walga'ii karaa keessaas sagalee ishee in dhageessifti;
21mataa lafa namoonni itti wal ga'anii irraa, sagalee ishee ol fudhattee in iyyiti; karra kellaa mandaraatiis in dubbatti*.[3]
22Isheen, ?Isin wallaalota nana, hamma yoomiitti wallaalummaa jaallattu? Isin ga'iftoota nana, hamma yoomiitti ga'isuutti gammaddu? Isin warri gowwoonnis hamma yoomiitti beekumsa jibbitu?
23Gorsa koo dhaggeeffadhaa! Kunoo, ani hafuura koo isiniif nan dhangalaasa, dubbii koos akka beektan nan godha;
24ani isin waamnaan erga diddanii, harka koo bal'ifnaanis gara koo kan dhufu erga dhibee*,
25isin gorsa koo hundumaa tuffattanii, iffata koos erga hin barbaannee,
26ani immoo badiisa keessanitti nan kolfa, naasuun yommuu isin qabatus isinittan ga'isa*.
27Naasuun akka bubbeetti yommuu isinitti dhufu, badiifni akka qilleensa jabaatti yommuu isinitti bubbisu, rakkinnii fi muddamni yommuu isin irra gara galu,
28isin na waammattu, ani garuu deebii isiniif hin kennu; dhimmitaniis na barbaaddu, ana hin argattan*.
29Isin beekumsa in jibbitan, sodaa Waaqayyoos hin fo'anne;
30isin gorsa koo hin barbaanne, iffata koo hundumaas in tuffattan;
31kanaaf isin ija hojii keessanii in nyaattu, wanta akeeka baafattaniinis in wichirooftu*.
32Wallaalota karaa irraa goruutu ajjeesa, gowwootas ?Giddii hin qabu? jechuutu balleessa.
33Namni anaaf dhaga'u garuu nagaatti in jiraata, wanta hamaa hin sodaatu, hin bir'atus? in jetti.[4]