1Fakkeenyonni Solomoon kanatti aananii jiru; ilmi ogeessi abbaa isaa in gammachiisa, ilmi gowwaan garuu haadha isaa gaddisiisa*.
2Badhaadhummaan jal'inaan argame bu'aa hin qabu, qajeelinni garuu du'a nama in oolcha*.[39]
3Waaqayyo, warri qajeelonni akka beela'an hin godhu, kajeellaa warra jal'ootaa garuu lafatti in dabala*.
4Namni dhibaa'ummaadhaan hojjetu in hiyyooma, namni cimsee hojjetu garuu in sooroma;
5inni bona midhaan isaa walitti qabatu ilma hubataa dha, inni yeroo makariitti rafu garuu salphina in harkisa;
6eebbi mataa qajeelotaa irra jira, humnaan nama irratti ka'uun garuu, afaan jal'ootaa in cufa.
7Seenaan nama qajeelaa eebbaaf, maqaan nama jal'aa immoo abaarsaaf in ta'a;
8namni yaada hubataa qabu abboommii in dhaga'a, gowwaan dubbii midhaan hin qabne dubbatu garuu in kufa.
9Namni balleessaa hin qabne, sodaa malee in deddeebi'a, namni karaa isaa micciiru garuu in qabama.
10Namni ijaan hawwatu rakkina in fida, gowwaan dubbii midhaan hin qabne dubbatu garuu in kufa*.
11Afaan nama qajeelaa burqaa jireenyaa ti, humnaan nama irratti ka'uun garuu, afaan jal'ootaa in cufa.[40]
12Jibbi lola in kaasa, jaalalli garuu, irra-daddarbaan hundinuu deebi'ee akka hin mul'anne in godha*;
13ogummaan afaan nama hubannaa qabu keessaa in argamti; uleen garuu dugda nama qalbii hin qabneetiif in ta'a*.
14Ogeessonni beekumsa walitti in qabatu, dubbiin nama gowwaa inni midhaan hin qabne garuu badiisa in waama*;
15qabeenyi warra sooreyyii isaaniif mandara da'oo qabuu dha, badiisi hiyyeessotaa immoo hiyyuma isaanii ti*;
16gatiin dadhabbii qajeelotaa jireenya, bu'aan warra jal'ootaa immoo du'a;
17namni gorsa yaadatti fudhatu karaa jireenyaa irra in bu'a, namni ifata tuffatu garuu karaa irraa in kaata.
18Namni jibba isaa dhoksu, soba in dubbata; namni hama odeessu gowwaa dha.[41]
19Yommuu dubbiin baay'atu cubbuun hin hafu, namni arraba isaa eeggatu garuu hubataa dha*;
20arrabni nama qajeelaa akka meetii fo'amaa ti, yaadni nama jal'aa garuu gatii hin qabu*;
21arrabni nama qajeelaa nama baay'ee in soora, warri gowwoonni garuu qalbii dhabuu isaaniitiif in du'u*.
22Eebbi Waaqayyoo nama in badhaasa, badhaadhummaattis inni rakkina hin dabalu*;
23namni gowwaan hamaa hojjechuutti in gammada, namni hubataan garuu ogummaatti in gammada.[42]
24Nama jal'aa wanta inni sodaatutu itti dhufa, nama qajeelaaf garuu wanti inni hawwu in kennamaaf*;
25akkuma bubbeen bubbisee darbu, jal'oonni akkasuma deebi'anii hin argaman; warri qajeelonni garuu, bara baraan jabaatanii in dhaabatu*.
26Wanti dhangaggaa'aan ilkaan, aarris ija akkuma rakkisu, namni dhibaa'aan, warra isa ergatan in rakkisa.
27Waaqayyoon sodaachuun bara jireenyaa in dheeressa, barri warra jal'ootaa garuu in gabaabbata*.
28Wanti namni qajeelaan eeggatu gammachiisaa dha, abdiin nama jal'aa garuu in bada*.[43]
29Karaan Waaqayyo warra balleessaa hin qabneef da'oo ol ka'aa dha, warra hamaa godhanitti garuu badiisa*;
30namni qajeelaan bara baraan hin mittiqu, namni jal'aan garuu lafa irra hin jiraatu*;
31afaan nama qajeelaa keessaa ogummaatu ba'a, arrabni wanta jal'aa dubbatu garuu, in kutama*;
32arrabni nama qajeelaa dubbii namatti tolu in dubbata, afaan nama jal'aa garuu, wanta micciiramaa duwwaa beeka.[44]