Macaafa Fakkeenyaa 11:1-31 GAZB1997 - Bible AI

1Miijanni sobaa Waaqayyo duratti jibbamaa dha, dhagaan safaraa inni guutuun garuu isatti in tola*;

2yommuu of gurguddisuun dhufu, salphinni in dhufa; yommuu gad of deebisan ogummaatu dhufa*;

3balleessaa dhabuun warra qajeelotaa isaanuma in geggeessa; micciiramummaan warra hin amanamnee garuu, isaanuma in balleessa.

4Guyyaa dheekkamsaatti soorumni homaa waa'ee hin baasu, qajeelummaan garuu du'a nama oolcha*;

5qajeelummaan warra mudaa hin qabnee, isaanumaaf karaa qajeelcha, jal'oonni garuu jal'inuma isaaniitiin in kufu;

6qajeelummaan warra gara-qajeelotaa isaanuma oolcha, warri hin amanamne garuu, kajeellaa hamaadhaan in qabamu.[45]

7Abdiin nama jal'aa yommuu inni du'u in bada, soorumni inni amanatus waan tokkotti illee hin galu*;

8namni qajeelaan rakkina jalaa in ba'a, namni jal'aan garuu, iddoo isaa rakkinatti in gala*;

9namni Waaqayyo malee jiraatu, dubbii afaan isaatiitiin nama balleessa; namni qajeelaan garuu, beekumsaan isa duraa in ba'a*.[46]

10Warra qajeelotatti yommuu tolu, mandarri in gammaddi; namni jal'aan yommuu badu, mandarattiin gammaduu ishee in mul'ifti;

11eebba gara-qajeelotaatiin mandarri in guddatti, dubbii afaan jal'ootaatiin garuu, gara in gaggalfamti*.

12Namni nama tuffatu qalbii hin qabu, namni hubataan garuu calluma jedha;

13namni hama deddeebisu dhoksaa mul'isa, namni amanamaan garuu dhoksaa eega*;

14geggeessaan yoo itti hir'ate sabni in kufa, gorsituun baay'achuun garuu, biyya nagaatti jiraachisa.[47]

15Namni nama ormaaf wabii darbu in rakkata, namni wabii namaaf darbuu jibbu garuu, nagaatti in jiraata*.

16Dubartii gaariin ulfina in argatti, warri humnaan nama irratti ka'an garuu in sooromu;

17namni gara-laafessi ofiidhuma isaatiif bu'aa argata, namni gara-jabeessi garuu ofuma isaa miidha;

18namni jal'aan beenyaa sobaa argata; qajeelummaa kan facaasu garuu gatii isa dhugaa in argata;

19qajeelummaan gara jireenyaatti, wanta hamaa duukaa bu'uun garuu gara du'aatti nama in geessa.[48]

20Waaqayyo namoota yaada micciiramaa qaban in jibba, warra jireenyi isaanii mudaa hin qabnetti garuu, in gammada.

21Warri jal'oonni utuma harka wal qabatanii iyyuu, utuu hin adabamin hin hafan, sanyiin warra qajeelotaa garuu duraa in ba'a.

22Dubartiin miidhagduun dubbii alalfattee haasa'uu hin beekne, akka amartii warqee funyaan boyyeetti jiruu ti;

23hawwiin nama qajeelaa waanuma gaarii duwwaa dha, abdiin jal'ootaa garuu, dheekkamsaan in deebi'a*.[49]

24Horii isaa kan asii fi achi bittimsu jira, kana keessaa immoo ittuma dabalamaafii in adeema; safara malee kan doqnoomu jira, kana keessaa immoo in hiyyooma;

25namni arjaan in lalisa; namni dheebuu nama baasus dheebuu in baafama*.

26Nama midhaan harka keessa qabatu namoonni in abaaru, mataa nama midhaan gurguruu irratti garuu eebbatu dhufa.[50]

27Namni wanta gaarii dhimmee barbaadu, faara tolaa in argata; nama wanta hamaa barbaadutti garuu hamaatu dhufa.

28Namni sooruma isaa amanatu in kufa, namni qajeelaan garuu, akka muka jiidhaatti in lalisa*;

29namni maatii isaa rakkisu harka duwwaa in hafa; gowwaan nama ogeessaaf hojjetaa in ta'a;

30iji hojii nama qajeelaa muka jireenyaa ti, namni ogeessi malaan lubbuu namaa in deebifata.

31Warrumti qajeelonni iyyuu lafa irratti gatii isaanii kan argatan erga ta'ee, kan warra jal'ootaa fi kan warra cubbamootaa immoo hammam kana irra haa hammaatu ree*?[51]

ticle>