1Namni gorsa jaallatu, beekumsa argachuu jaallata, namni ifata jibbu garuu gowwaa dha*;
2namni gaariin Waaqayyo biraa ayyaana in argata, warra wanta hamaa malanitti garuu, Waaqayyo in farada;
3namni jal'inaan jabaatee hin dhaabatu, hiddi nama qajeelaa garuu raawwatee hin socho'u*.[52]
4Haati manaa dandeessuun abbaa manaa isheetiif gonfoo dha, isheen yeellaasiftuun garuu, akka dhukkuba lafee bososiisuu ti*;
5yaadni qajeelotaa wanta Waaqayyo duratti qajeelaa ta'ee fudhatamee dha, gorsi jal'ootaa garuu gowwoomsaa dha.
6Dubbiin jal'ootaa utuu hin beekamin dhiiga in dhangalaasisa; dubbiin warra qajeelotaa garuu, dhiiga dhangala'uu in oolcha*;
7jal'oonni in figgimfamu, deebi'aniis hin argaman; manni qajeelotaa garuu jabaatee in dhaabata*.[53]
8Namni akkuma ogummaa isaatiitti in jajama, namni yaada jal'aa garuu in tuffatama;
9nama isa utuu buddeena nyaatu hin qabaatin nama guddaa of fakkeessuu mannaa, nama isa tuffatamee hojjetaa ta'ee jiraatu wayya.
10Namni qajeelaan jireenya horii isaatiif in yaada, inni warri jal'ootaa, ?Gara-laafina? jedhan iyyuu gara-jabina*;
11namni lafa isaa qotatu buddeena quufa, namni wanta waa'ee hin baafne duukaa bu'u garuu, qalbii hin qabu*.[54]
12Namni jal'aan bu'aa warra hamootaa in kajeela, hiddi warra qajeelotaa garuu yaa'ee wal in hora;
13namni jal'aan irra-daddarbaa afaan isaa keessaa ba'uun kiyyootti in gala, namni qajeelaan garuu rakkina jalaa in ba'a;
14namni wanta afaan isaa keessaa ba'uun wanta gaarii in quufa, wanta harka isaatiin hojjetes isumatu fudhatee gala*.
15Nama gowwaatti karaan ofii isaatii qajeelaa in fakkaata, namni ogeessi garuu gorsa in dhaga'a;
16aariin nama gowwaa dafee irraa in beekama, namni hubataan garuu salphina in dhoksa.[55]
17Namni dubbii dhugaa dubbatu qajeelummaa mul'isa, namni sobaan dhugaa ba'u garuu in gowwoomsa.
18Dubbiin gar-malee dubbatamu akka billaa nama waraana, arrabni ogeessaa garuu in fayyisa*;
19afaan dhugaa dubbatu bara baraan jabaatee in dhaabata, arrabni soba dubbatu garuu, yeroo gabaabaadhaaf in jiraata;
20garaa warra wanta hamaa malanii keessa gowwoomsaatu jira, warri wanta nagaa nama gorsan garuu in gammadu.
21Nama qajeelaatti rakkinni hin dhufu, nama jal'aatti garuu rakkinni in baay'ata.[56]
22Waaqayyo namoota soba dubbatan in ciigga'a, namoota amanamootti garuu in gammada;
23namni hubataan beekaa ta'uu isaa in dhoksa, warri gowwoonni garuu gowwummaa isaanii in beeksisu.
24Namni harki isaa ba'eessa godhee hojjetu in mo'a, namni harki isaa dhibaa'u garuu, garbicha namaa in ta'a;
25yaaddoon garaa namaa keessa yoo jiraate, gad nama qaba; dubbii gaariin garuu nama gammachiisa*.[57]
26Namni qajeelaan wanta gaarii namaaf in barbaada, namni jal'aan garuu karaa irraa nama kaachisa;
27namni dhibaa'aan jabaatee wanta adamsu duukaa hin bu'u, namni dhimmee hojjetu garuu, wanta gati-jabeessa in argata;
28karaa qajeelummaa irra jireenyatu jira, dhuguma, inni karaa ba'eessa ta'ee hojjetamee dha, duunis isa irra hin jiru.