Macaafa Fakkeenyaa 15:1-33 GAZB1997 - Bible AI

1Deebiin laafaan dheekkamsa in qabbaneessa; dubbiin jabaan garuu dheekkamsa in kaasa.

2Arrabni ogeessaa beekumsa jajee in dhageessisa, afaan gowwootaa garuu gowwummaa gad in jijjigsa.

3Iji Waaqayyoo iddoo hundumaa jira, isa hamaa fi isa gaarii in arga*.[69]

4Arrabni dubbii nama suphu dubbatu muka jireenyaa ti; arrabni dubbii mimicciiru garuu yaada namaa cabsa.

5Gowwaan gorsa abbaa isaa tuffata, namni ifata dhaga'u garuu hubataa dha*;

6mana nama qajeelaa keessa badhaadhummaa guddaatu jira, bu'aa namni jal'aan argatu keessa garuu rakkinatu jira.

7Afaan ogeessotaa beekumsa facaasa, yaadni gowwootaa garuu iddoo tokko hin dhaabatu.[70]

8Waaqayyo aarsaa warra jal'ootaa in ciigga'a, kadhanni qajeelotaa garuu isatti in tola;

9Waaqayyo karaa jireenya jal'ootaa in ciigga'a, warra qajeelina duukaa bu'an garuu in jaallata*.

10Nama karicha irraa goretti adabatu hammaata, namni ifata jibbus in du'a.

11Iddoon lafa jalaa fi iddoon badiisaa fuula Waaqayyoo duratti mul'ataa dha erga ta'ee, keessi garaa namaa immoo isaan caalaa hammam mul'ataa haa ta'u ree*?[71]

12Namni ga'isaan ifatamuu hin jaallatu, nama ogeessas gorsa hin gaafatu*;

13nama garaan isaa gammade fuulatu ifa, namni garaan isaa gadda qabu garuu yaadni isaa cabaa dha*;

14garaan nama dubbii gargar baafatuu beekumsa barbaada, afaan nama gowwaa garuu gowwuma soorata.[72]

15Hiyyeessaaf guyyaan hundinuu hamaa dha, garaa gammachuu qabuuf garuu, guyyaan hundinuu cidha;

16qabeenya guddaa waca qabu irra, qabeenya muraasa Waaqayyoon sodaachuudhaan itti jiraatan wayya*.

17Lafa jibbi jiruu, cooma sangaa nyaachuu irra, lafa jaalalli jiruu, raafuu nyaachuu wayya*.

18Namni dheekkamaan lola kaasa, namni dheekkamsatti suuta jedhu garuu qoccolloo in qabbaneessa*.

19Karaan dhibooftuu qoraattiidhaan cufamaa dha, karaan nama yaada qajeelaa qabuu garuu, gufuu hin qabu.[73]

20Ilmi ogeessi abbaa isaa in gammachiisa, namni gowwaan garuu haadha isaa in tuffata*;

21nama qalbii hin qabne gowwumatu gammachiisa, namni hubataan garuu karaa jireenya isaatii in qajeelfata;

22mareen hin jiru yoo ta'e, wanti yaadame fiixaan hin ba'u; warri gorsa kennan yoo baay'atan garuu, fiixaan in ba'a;

23namni deebii ta'u namaaf kennuu isaatti ofii isaatii in gammada, dubbiin yeroo isaatti dubbatamu maal maal ba'eessa*![74]

24Karaan nama ogeessaa, iddoo lafa jalaatti akka inni gad hin buuneef, gara jireenyaatti ol isa in geessa.

25Waaqayyo mana warra of gurguddisanii in jigsa, daarii haadha hiyyeessaa garuu in eega*.

26Waaqayyo yaada jal'ootaa in ciigga'a, dubbiin warra qajeelotaa garuu isatti in tola.[75]

27Namni bu'aa dalgaaf sassatu maatii isaatti rakkina in fida, namni gabbarsuu fudhachuu hin jaallanne garuu, in jiraata.

28Namni qajeelaan deebii kennuu isaa dura irratti in yaada, afaan nama jal'aa garuu dubbii hamaa gad in jijjigsa*.

29Waaqayyo, nama jal'aattii fagoo dha, kadhata nama qajeelaa garuu in dhaga'a*.[76]

30Fuulli ifaan nama gammachiisa, oduun gaariin lafee namaa in cimsa*.

31Namni gurri isaa ifata jireenyaa dhaga'u, ogeessota gidduu in jiraata.

32Namni gorsa tuffatu, ofii isaa in tuffata; namni ifata dhaga'u garuu qalbii in godhata.

33Waaqayyoon sodaachuun barsiisa ogummaa ti, ulfina dura gad of deebisuutu jira*.[77]

ticle>