Macaafa Fakkeenyaa 16:1-33 GAZB1997 - Bible AI

1Namni garaa isaatti yaade in akeeka, wanta namni deebii kennu garuu, Waaqayyotu isaaf kenna*.

2Namni akka ofii isaatii ilaalutti karaan jireenya isaa hundinuu qullaa'aa dha, Waaqayyo garuu, hafuura inni ittiin geggeeffamu sana in miijana*.[78]

3Hojii kee hundumaa Waaqayyotti kennadhu, wanti ati yaaddus fiixaan siif in ba'a*;

4Waaqayyo wanta hundumaa sababii uumeef qaba, warra jal'oota iyyuu guyyaa badiisaatiif kaa'e*.

5Waaqayyo warra garaa isaaniitti of gurguddisan hundumaa in ciigga'a, isaan utuma harka wal qabatanii iyyuu utuu hin adabamin hin hafan.

6Gaarummaa fi amanamummaadhaan isa yakkeef araarri in godhama; namni Waaqayyoon sodaachuudhaan wanta hamaa irraa in fagaata.[79]

7Waaqayyo karaa jireenya namaa yoo jaallate, diinonni isaa iyyuu isaa wajjin nagaatti akka jiraatan in godha*.

8Qabeenya baay'ee karaa jal'inaatiin argamu irra, qabeenya xinnaa karaa qajeelaatiin argamu wayya*.

9Namni garaa isaa keessatti yaada in qopheessa, Waaqayyo garuu tarkaanfii isaatti murtoo in godha*.[80]

10Afaan mootii hooda in dubbata, firdii yommuu kennus hin jal'isu*;

11madaaliin qajeelaanii fi miijanni qajeelaan kan Waaqayyoo ti, dhagaan safaraa korojoo keessaa hundinuu hojii harka isaatii ti*.

12Teessoon isaa qajeelummaadhaan jabaatee waan dhaabatuuf, jal'inni mootii biratti jibbamaa dha*.

13Mootonni nama dubbii dhugaa dubbatutti in gammadu, nama wanta qajeelaa dubbatus in jaallatu;

14dheekkamsi mootii akka ergaa du'aa ti, namni ogeessi garuu isa in qabbaneessa.

15Fuulli mootii yommuu ifu nagaa dha jechuu dha, faara-tolinni isaas akka bokkaa arfaasaa ti*.[81]

16Warqee argachuu irra ogummaa argachuun, meetii fo'achuu irra hubannaa fo'achuun maal maal gaarii dha*!

17Karaan warra yaada qajeelaa qabanii wanta hamaa irraa fagaachuu dha, namni karaa ofii isaatii eeggatu lubbuu isaa in eeggata.

18Of gurguddisuun badiisatti, of bokoksuunis kufaatiitti nama in geessa*;

19warra of gurguddisanii wajjin boojuu hirmachuu irra, karaa hafuuraa gad of deebisanii warra hiyyeessotaa wajjin jiraachuu wayya.[82]

20Nama barsiisa yaadatti qabatuuf wanti inni godhu wal in qixxaataaf; namni Waaqayyoon amanatu maal maal haa gammadu!

21Warri ogummaa qaban ?Hubatoota? jedhamu, dubbiin namatti miyaa'u beekumsa namaaf in dabala;

22hubannaan warra isa qabaniif burqaa jireenyaa ti, gowwummaan garuu warra gowwootatti adaba in fida;

23namoonni ogeeyyiin itti yaadanii in dubbatu, dubbiin afaan isaaniis nama in amansiisa;

24dubbii ba'eessi akka nadhii dammaa namatti in miyaa'a, lafee namaas in cimsa*.[83]

25Karaan qajeelaa namatti fakkaatu jira, dhumni isaa garuu karaa du'aa ti*;

26qoonqoon waan isa hin obsisiifneef, namni itti dadhabee hojii in hojjeta;

27namni waa'ee hin baafne wanta hamaa korata, dubbiin isaas akka ibidda boba'uu ti.

28Namni micciiramaan golii kaasa, namni nama hamatu firoota cimoo iyyuu gargar in baasa;

29namni humnaan nama irratti ka'u sobaan karaa irraa nama in kaachisa, karaa gaarii hin taane irras nama in buusa.

30Namni ija isaa liph liph godhu jal'ina mala, hidhii isaa kan ciniinatus wanta hamaa in yaada*.[84]

31Harriin gonfoo ulfinaa ti, barri dheeraan gatii qajeelinaa ti*;

32nama aango-qabeessa irra, nama obsa-qabeessa wayya; nama biyya bulchu irra, nama of abboomu wayya*.

33Buufanni mukaa dachaa wayyaa irra in buufama, murtoon hundinuu garuu Waaqayyo biraa ta'a*.[85]

ticle>