1Namni namaa wajjin walii hin galle, fedha ofii isaatii duukaa bu'uu barbaada; ogummaa guutuudhaanis in morma.
2Namni gowwaan yaada garaa isaa mul'isuu barbaada malee, hubannaatti hin gammadu.
3Jal'inni yommuu dhufu tuffatamuun in dhufa, salphina duukaas yeelloon in dhufa.
4Dubbiin afaan namaa akka bishaan gad fagoo ti, burqaan ogummaas akka bishaan yaa'uu ti;
5nama jal'aadhaaf looguun, yookiis nama balleessaa hin qabne firdii dhugaa dhowwachuun gaarii miti*.[92]
6Haasaan nama gowwaa lola isatti kaasa, dubbiin afaan isaas rukutamuu isatti in fida;
7gowwaa arraba isaatu isa balleessa, wanta afaan isaa dubbateenis in qabama.
8Dubbiin nama nama hamatuu akka buddeena miyaa'aa ti, innis gara mar'umaaniitti gad in bu'a*.
9Namni hojii isaatti dhibaa'u, obboleessa isa nama balleessuu ti*.[93]
10Maqaan Waaqayyoo gimbii jabaa dha, namni qajeelaan gara isaatti baqatee in oola*.
11Qabeenyi warra sooreyyii isaaniif mandara da'oo qabuu dha, akka dallaa dhedheeroottis isa in lakkaa'u*;
12badiisi utuu hin dhufin namni garaa isaatti of gurguddisa, ulfina dura garuu gad of deebisuutu dhufa*.
13Namni dubbii utuu hin dhaggeeffatin deebii kennu, gowwuma isaa fi yeelloo isaa mul'isa.
14Yaadni namaa yeroo dhukkubaatti nama in hirkisa, yaadni yoo cabe garuu, eenyutu isa fayyisuu danda'a ree?[94]
15Garaan nama hubataa beekumsa in argata, gurri nama ogeessaas beekumsa in barbaada;
16gabbarsuun nama isa kennuuf karaa in bana, fuula gurguddootaa durattis isa in dhi'eessa*.
17Namni kan biraa dhufee hamma isaan mormutti, inni dura dhufee dubbii isaa yaa'iitti dhi'eeffatu, waan dhugaa qabu fakkaata;
18buufanni mukaa dubbii namaaf in fixa, humna-qabootas gargar in eega*.
19Obboleessa gufatu deebisuun, mandara marsaa qabu caalaa namatti in jabaata, wal loluunis akka danqaraa sibiilaa isa ittiin karra dallaa dhagaa cufanii ti.[95]
20Namni ija wanti gaariin inni afaan isaa keessaa ba'u godhatuun in quufa, dubbii arrabni isaa dubbatuunis dharraa in ba'a*.
21Duunii fi jireenyi aboo arrabaa jala jiru; warri isa jaallatan ija isaa in nyaatu*.
22Namni haadha manaa isaaf taatu argatu, wanta gaarii in argata, Waaqayyo biraas ayyaana in argata*;
23rakkataan arraba laafaadhaan rakkina isaa himata, sooressi garuu sagalee jabaadhaan deebii in kennaaf;
24fira fakkaatanii kan nama balleessan jiru, firri obboleessa caalaa namatti aanus immoo jira*.[96]