Macaafa Fakkeenyaa 19:1-29 GAZB1997 - Bible AI

1Sooressa gowwaa dubbii micciiramaa dubbatu irra, hiyyeessa dubbii hin balleessine wayya*.

2Beekumsa utuu hin qabaatin hawwa duwwaa qabaachuun gaarii miti, namni miilli isaa jarjaru karaa irraa kaata.[97]

3Gowwummaan namaa jireenyuma isaa in balleessa, inni garuu garaa isaatti Waaqayyoon in komata.

4Badhaadhummaan nama baay'ee fira namaaf godha, hiyyumni garuu fira irraa gargar nama kuta*;

5namni sobaan dhugaa ba'u, utuu hin adabamin hin hafu, soba kan dubbatus adaba jalaa hin ba'u*.[98]

6Namoonni baay'een nama guddaatti firoomuu in barbaadu, nama waa namaaf kennuufis hundumatu fira.

7Nama hiyyeessa obboloonni isaa iyyuu in jibbu erga ta'ee, firoonni isaa immoo hammam caalchisanii isattii haa fagaatan ree! Hammam dubbatee isaan deebifachuu yoo barbaade iyyuu, isaan hin argaman*;

8namni qalbii qabu ofii isaa jaallata, nama hubannaa of keessaa qabuuf immoo wanti inni hojjetu in tolaaf.

9Namni sobaan dhugaa ba'u, utuu hin adabamin hin hafu; soba kan dubbatus in bada*.[99]

10Qannootti jiraachuun nama gowwaaf hin ta'u, garbootaafis gurguddoota bulchuun hin qajeelu.

11Hubataa ta'uun dheekkamsaaf suuta nama jechisiisa, balleessaa irra namaaf darbuunis ulfina isaa ti*.

12Dheekkamsi mootii akka aadnaa leencaa ti, faara-tolinni isaa garuu akka fixeensa marga irraa ti*;

13ilmi gowwaan abbaa isaatti badiisa fida, haati manaa qoccoltuun akka mana yeroo hundumaa dhimm'isuu ti*.[100]

14Manaa fi badhaadhummaa abboota irraa in dhaalu, haati manaa hubattuun garuu kennaa Waaqayyoo ti*.

15Dhibaa'ummaan hirriba ulfaataa namatti fida, hojii malee taa'uunis beela irra nama buusa*;

16namni abboommii eegu jireenya isaa in eeggata, namni karaa Waaqayyoo tuffatu garuu in du'a*.

17Namni hiyyeessaaf garaa laafuu akka waan Waaqayyoof liqeessuu ti; Waaqayyos gatii isaa isaaf in deebisa*;

18deebisuudhaaf utuu abdiin jiruu, ijoollee kee adabi! Gad dhiiftee akka isaan du'an hin godhin*!

19Namni aaraan adaba ofitti fida, rakkina keessaa isa baasuu yoo yaalte, akka inni itti caalu in goota*.[101]

20Gara booddeetti ogeessa akka taatutti, gorsa dhaga'i, barsiisas fudhadhu!

21Yaada namaa keessa akeeka baay'eetu jira, garuu wanta Waaqayyo yaadee qopheessetu jabaatee dhaabata*.

22Amanamummaan namaa bu'aa qaba, sobduu ta'uu irra hiyyuma wayya.

23Waaqayyoon sodaachuun jireenyatti nama geessa, namni sodaa Waaqayyootiin guutame yaaddoo malee in boqota, wanti hamaanis isatti hin bu'u*;

24namni dhibaa'aan harka isaa waciitii keessa in kaa'a, garuu gara afaan isaatiitti iyyuu danda'ee hin deebifatu*.[102]

25Nama ga'isu yoo rukutte, namni wallaalaan of eeggataa in ta'a; nama hubataa ifadhu, innis beekumsa in argata*.

26Namni abbaa isaa irratti hamaa hojjetu haadha isaas mana isaatii kan ari'u, ilma nama yeellaasisuuf arrabsiisuu dha*.

27Yaa ilma ko, gorsa dubbii beekumsaa irraa si kaachisu dhaggeeffachuu dhiisi*!

28Dhuga-baatuun waa'ee hin baafne firdii dhugaatti in ga'isa; afaan nama jal'aa immoo irra-daddarbaa in liqimsa.

29Warra ga'iftuuf firdiin, dugda warra gowwootaafis uleen qophaa'aa dha*.[103]

ticle>