1Yaadni mootii harka Waaqayyoo keessa jira, inni akka bishaaniitti gara jaallateetti isa in deebisa.
2Namatti karaan ofii isaa hundinuu qajeelaa in fakkaata, Waaqayyo garuu yaada isaa in miijana*.
3Wanta qajeelaa fi wanta dhugaa hojjechuun, aarsaa caalaatti Waaqayyo biratti fudhatamaa dha*.
4Waan guddaatti of ilaaluun, of bokoksuun, wanti jal'oonni hojjetan hundinuus cubbuu dha.[111]
5Yaadni warra dhimmee hojjetuu bu'aa qaba, wanti ariitiidhaan hojjetamu hundinuu hiyyeessa nama godha.
6Qabeenyi dubbii sobaatiin walitti qabame, akkuma hurrii tokkichumaan lafa inni bu'e dhabanii ti, akka kiyyoo nama ajjeesuu tis;
7warri jal'oonni wanta qajeelaa hojjechuu waan didaniif, humnaan nama irratti ka'uun isaanii isaanuma in balleessa.
8Karaan nama balleessaa qabuu jajal'aa dha, hojiin nama balleessaa hin qabne garuu qajeelaa dha.
9Haadha manaa qocoltuu wajjin mana tokko keessa taa'uu irra, golee bantii manaa irra taa'uu wayya*.[112]
10Namni jal'aan wanta hamaa hawwa, namaafis garaa hin laafu.
11Yommuu namni ga'isaan adabamu, inni wallaalaan ogummaa in argata; namni ogeessi yommuu karaan isatti argisiifamu, beekumsa in argata*.
12Waaqayyo inni qajeelaan, wanta mana jal'ootaa keessatti hojjetamaa jiru yaadaan in qaba, warra jal'oota gad gara in galcha, isaan in balleessas.
13Nama, hiyyeessa rakkate gargaaruudhaaf iyyuuf, inni dhaga'uu didu, yommuu inni ofii rakkatee gargaarsaaf iyyus immoo hin dhaga'amuuf;
14kennaan dhoksaadhaan kennan dheekkamsa gab godha, gabbarsuun dhoksaadhaan harka keessa kaa'anis aarii in qabbaneessa*.[113]
15Wanti dhugaan yommuu hojjetamu, warra qajeelota in gammachiisa, warra jal'oota garuu in naasisa.
16Namni karaa hubannaa irraa jal'atu, walga'ii warra du'anii keessa in bu'a.
17Namni qananii jaallatu in deega, namni daadhii waynii fi dhadhaa ejersaa jaallatu raawwatee hin sooromu*.
18Namni jal'aan wanta hamaa nama qajeelaadhaaf qopheessetti in darba, namni hin amanamnes wanta hamaa nama amanamaadhaaf qopheessetti in gala*.
19Dubartii qocoltuu fi aartuu wajjin jiraachuu irra, lafa onaa keessa jiraachuu wayya*.[114]
20Mana ogeessaa keessa qabeenyii fi urgooftuun dibataa fo'amoon guutuu dha; gowwaan garuu wanta qabu hundumaa nyaatee in fixa;
21namni qajeelummaa fi gaarummaa duukaa bu'u, jireenyaa fi qajeelummaa, ulfinas in argata;
22namni ogeessi mandara warra humna-qabootaa in qabata, da'oo isaan amanatanis in diiga;
23namni afaan isaa fi arraba isaa eeggatu, rakkinatti akka hin galleef of in eega*.
24Namni waan guddaatti of ilaaluudhaan of jajee of bokoksuun amala ta'eef, ?Nama ga'isaa? in jedhama.[115]
25Namni dhibaa'aan sababii hojii hojjechuu dhiisuuf, kajeellaadhaan in du'a*.
26Inni ittuu caalchisee argachuuf guyyaa guutuu in kajeela, namni qajeelaan immoo harka keessa utuu hin qabatin in kennaaf.
27Aarsaan namni jal'aan dhi'eessu, Waaqayyo duratti jibbamaa erga ta'ee, aarsaan namni yaada hamaatiin dhi'eessu immoo caalaatti hammam ciigga'amaa haa ta'u ree*!
28Namni sobaan dhugaa ba'u in bada, dubbiin namni irratti yaadee dubbatu garuu, in fudhatama*.
29Namni jal'aan ija-jabinaan in falma, garuu namni yaada qajeelaa qabu karaa isaatti jabaatee in dhaabata.[116]
30Ogummaan yookiis hubannaan yookiis mareen, Waaqayyoon mormee dhaabachuu danda'u hin jiru*.
31Fardi guyyaa lolaatiif qophaa'aa dha, mo'icha kan namaa kennu garuu Waaqayyoo dha*.[117]