1Badhaadhummaa guddaa irra, maqaa gaarii wayya; meetii yookiis warqee irra, faara tolaadhaan ilaalamuu wayya*.
2Isaan lachuus Waaqayyotu uume waan ta'eef, sooressii fi hiyyeessi wal qixxee dha*;
3namni hubataan wanta hamaa in arga, jalaas in dhokata, namni wallaalaan garuu itti in adeema, in adabamas*.[118]
4gad of deebisuu fi Waaqayyoon sodaachuun, qabeenya, ulfinaa fi jireenya namaaf in kenna*.
5Qoraattiinii fi kiyyoon karaa nama jal'aa keessa jiru, namni ofii isaa eeggatu garuu isaan irraa in gora.
6Akka itti jiraachuun ta'u mucaa barsiisi! Innis yommuu dulloomu iyyuu irraa hin kaatu.
7Sooressi hiyyeessa in bulcha, inni liqeeffatus abbaa liqiitiif hojjetaa dha*.[119]
8Namni firdii jal'isu, rakkina in haammata; uleen dheekkamsa isaatiis in caba*.
9Sababii buddeena isaa irraa isa dhabaadhaan ga'uuf, namni arjaan eebbifamaa in ta'a*.
10Qoccolloon akka hafutti, nama ga'isaa ofittii fageessi! Yommus lollii fi salphinni in dhaabata*.
11Namni yaadni garaa isaatii akka qullaa'u jaallatu, haasaan isaas gurra namaatti kan tolu, fira mootii in ta'a*.[120]
12Iji Waaqayyoo beekumsa in eega, dubbii warra hin amanamnee garuu gara in galcha.
13Namni dhibaa'aan, ?Leenci ala jira, yookiis karaa gubbaatti nan du'a ta'a? in jedha*.
14Afaan dubartii ejjituu akka boolla gad fagoo ti, namni Waaqayyo itti dheekkamu achi keessatti in kufa*.
15Wallaalumni yaada mucaatti qabamee jira, uleen adabaa garuu wallaaluma oofee isattii in fageessa*.
16Namni sooressaaf kennaa kennuuf, inni qabeenya isaatti dabalachuuf hiyyeessa cunqursu in hiyyooma.[121]
17Gurra kee as qabi! Dubbii ogeessi dubbatu dhaggeeffadhu! Yaada kees gara barsiisa kootti deebisi!
18Yaadatti yoo qabatte, waa'ee isaanii dubbachuun si harkaa hin badu yoo ta'e si gammachiisa.
19Ati iyyuu Waaqayyoon akka amanattuuf, ani har'a sin barsiisa.
20Ani jecha fo'amaa, beekumsaa fi gorsa ba'eessa of keessaa isan qabu siif hin caafnee ree?
21Warra si erganiif deebii amanamaa akka deebiftuuf, dubbii dhugaa sana ani si hin barsiifnee ree?
22Hiyyeessa sababii inni hiyyoomeef hin saamin, lafa yaa'iitti warra rakkatoo hin cunqursin!
23Waaqayyo isaaniif in ilaala, nama isaan saamu Waaqayyo immoo isa in saama*.[122]
24Nama dheekkamaatti hin firoomin, nama dafee aaruttis hin hidhatin*!
25Isa irraa bartee, kiyyoo keessa akka of hin buufnetti of eeggadhu![123]
26Hidhata nama waliigaltee jabeessuudhaaf harka namaa rukutuu, yookiis hidhata nama namaaf wabii darbuu hin ta'in*!
27Sababiin isaa immoo ati waan baaftu yoo dhabde, afanni kee cinaacha kee jalaa in fudhatama.[124]
28Dhagaa daarii isa abboonni kee dhaaban, iddoodhaa hin butin*![125]
29Nama hojii isaatti harka tolu kana argitaa? Inni moototaaf in ergama, nama hin malleedhaaf garuu hin ergamu.