1 Nyaata nyaachuudhaaf nama biyya bulchuu wajjin yommuu teessu, wanta si dura jiru hubadhuu ilaali!
2 Nama nyaataaf sassatu yoo taate, of dhowwi!
3 Nyaatichi waan si gowwoomsuuf, miyaan isaa si hin kajeelchisin!
4 Sooromuuf jettee of hin dadhabsiisin, of qabuu kee argisiisuufis ogummaa qabaadhu*!
5 Soorumni akka wanta baallee qabuutti, akka joobiraattis qilleensa keessa balali'ee, hamma liphsuu ijaatti ija namaa duraa in sokka.[126]
6 Maaddii hinaaftuu irraa hin nyaatin! Miyaan nyaatichaas si hin kajeelchisin!
7 Inni akka nama isa yeroo hundumaa gatii nyaatichi baasu garaa isaa keessatti yaaduu ti, inni afaaniin, ?Hadaraa nyaadhu, dhugi!? sin jedha, garaan isaa garuu si bira hin jiru.
8 Wanta nyaatte in didigda, dubbii kee isa miyaa'aas in balleessita.
9 Gowwaan ogummaa dubbii keetii sababii tuffatuuf, ati isatti hin dubbatin!
10 Dhagaa daarii bara durii dhaabate, iddoo isaatii hin butin, maasii ijoollee abbaan irra hin jirreettis daarii hin darbin!
11 Inni isaan furu aango-qabeessa, waa'ee isaaniitiifis sitti in falma*.[127]
12 Gorsicha garaa keetti, dubbii beekumsaas gurra keetti galfadhu!
13 Mararfattee mucaa adabuu hin dhiisin, karaabaadhaan yoo rukutte inni hin du'u;
14 karaabaadhaan isa yoo rukutte, lubbuu isaa iddoo lafa jalaa dhaquu in oolchita*.[128]
15 Yaa ilma ko, ati ogeessa yoo taate, garaan koo immoo in gammada.
16 Afaan kee dubbii qajeelaa yommuu dubbatu, keessi namummaa kootii in gammada.
17 Yeroo hundumaa garaan kee sodaa Waaqayyoof haa hinaafu malee, cubbamootatti hin hinaafin*!
18 Dhugumaan ati gara fuula duraatti abdii in godhatta; abdiin kees hin citu*.[129]
19 Yaa ilma ko dhaga'i! Ogeessa ta'i, yaada kees daandii qajeelaa irratti eegi!
20 Hidhata warra daadhii waynii gar-malee dhuganii fi foon gar-malee nyaatanii hin ta'in!
21 Machooftuu ta'uunii fi albaadhessa ta'uun nama in hiyyoomsa, raftuu ta'uunis moofaa namatti in uffisa*.[130]
22 Abbaa kee isa si dhalche dhaga'i, yommuu haati kee dulloomtus ishee hin tuffatin*!
23 Dhugaa fi ogummaa, barsiisaa fi hubannaa, argadhu malee hin gurgurin*!
24 Abbaan nama qajeelaa guddaa in gammada, inni ilma ogeessa dhalches isatti in gammada.
25 Abbaan kee fi haati kee haa gammadan, isheen si deesse haa gammaddu*![131]
26 Yaa ilma ko, dubbii koo yaadatti qabadhu, iji kees akka ani itti jiraadhu haa ilaalu!
27 Dubartii ejjituun boolla gad fagoo dha, dubartiin gaalamoonni boolla bishaanii isa dhiphaa dha.
28 Isheen akka saamtuu riphxee in ciifti, namoonni baay'een akka hin amanamne in gooti*.[132]
29 Eenyutu ?Wayyoo! Wayyoo!? jedha? Eenyutu gadda? Eenyutu nama qoccola? Eenyutu nama komata? Eenyutu sababii malee madaa'a? Eenyutti iji diddiimata?
30 Warra daadhii waynii gar-malee dhugan, warra yeroo hundumaa daadhii waynii isa makaa qabu barbaaduuf adeemanii dha;
31 daadhiin waynii yommuu diimatu, bifni isaas shurrubbee keessaa yommuu calaqqisu, yommuu inni miyaa'aa gad lixu si hin gomjaasisin!
32 Innoo erga isa dhuganii booddee akka bofaa nama in idda, akka hadhaa mar'ataas nama in miidha.
33 Yommus gara dubartii gaalamootaa in ilaalta, afaan kees dubbii micciiramaa in dubbata.
34 Akka nama galaana walakkaa ciisuu, akka nama bantii markabaa irra rafuus in taata.
35 Ati, ?Isaan ana dha'an, garuu na hin dhukkubne, ana rukutan garuu anatti hin dhaga'amne, yooman dammaqee dhugaatii kan biraa argadha?? in jetta*.[133]
Bible Society of Ethiopia