Macaafa Fakkeenyaa 24:1-34 GAZB1997 - Bible AI

1Namoota jal'ootatti hin hinaafin, hidhata isaanii ta'uus hin hawwin*!

2Isaan garaa isaaniitti humnaan nama irratti ka'uu in yaadu, afaan isaaniitiinis wanta hamaa in dubbatu.[134]

3Manni ogummaadhaan ijaarama, hubannaadhaanis jabeeffamee in dhaabama;

4beekumsaan kutaawwan manichaa, wanta gati-jabeessaa fi badhaadhummaa nama gammachiisu hundumaan in guuta.

5Namni ogeessi nama jabaa caalaa aangoo qaba, namni beekaanis nama humna qabu irra in caala.

6Ati geggeessaa ogummaatiin lolaaf in baata, baay'ina gorsitootaanis mo'icha in argatta*.[135]

7Nama gowwaadhaaf ogummaan baay'ee ol fagoo dha, karra kellaa walga'ii keessattis afaan isaa hin saaqqatu.

8Namni wanta hamaa gochuudhaaf malu, ?Hamtu-gootee? in jedhama.

9Akeeki gowwummaa cubbuu dha, namoonnis ga'iftuu in ciigga'u.

10Ati bara rakkinaatti yoo raafamte, humni kee muraasa.

11Warra gara du'aatti geeffaman oolchi, warra ajjeefamuuf hollachaa adeemanis deebisi*!

12Ati, ?Nuyi waa'ee kanaa hin beekne? yoo jette, inni garaa namaa qoru kana hin hubatuu ree? Inni jireenya kee eegu kana hin beeku ree? Inni namaaf akka hojii isaatti gatii isaa in kenna mitii ree?[136]

13Yaa ilma ko, dammi gaarii waan ta'eef, isa nyaadhu! Nadhiin dhaaba dammaa keessaa coccophu sitti in miyaa'a;

14akkasuma ogummaanis jireenya keef ba'eessa akka ta'u beeki! Ati isa yoo argatte guyyaa booddeetiif abdii qabda, abdiin kees hin badu*.[137]

15Akka nama jal'aa jireenya nama qajeelaa riphxee hin eeggatin, bultii isaa irrattis humnaan hin ka'in!

16Namni qajeelaan si'a torba utuma kufee iyyuu, deebi'ee in ka'a; namni jal'aan garuu, wanta hamaa keessatti in kufa*.[138]

17Yommuu diinni kee kufu, kufaatii isaatti hin gammadin; yommuu inni gufatus garaa kee keessatti hin gammadin*!

18Itti gammaduu kee Waaqayyo yoo arge hin jaallatu, dheekkamsa isaas isa irraa in deebisa.[139]

19Waa'ee namoota hamaa hojjetaniif hin aarin, warra jal'ootattis hin hinaafin*!

20Namni hamaan abdii borii hin qabu, ibsaan nama jal'aas in dhaama*.[140]

21Yaa ilma ko, Waaqayyoon sodaadhu, mootiidhaaf ulfina kenni; hidhata warra ittiin mormaniis hin ta'in*!

22Namoonni akkasii kun hamma liphsuu ijaatti in badu, badiisa isa Waaqayyo yookiis mootiin isaanitti fidu eenyutu beekuu danda'a ree?[141]

23Jechi kanatti fufee jirus immoo jecha namoota ogeessotaa ti; firdiitti nama wal caalchisuun gaarii miti.

24Nama jal'aadhaan, ?Ati qajeelaa dha? nama jedhu, namoonni in abaaru; sabni lafa irraas isa in ciigga'a.

25Garuu warra nama jal'aa ifataniif gaarii in ta'a, eebbi gaariin isaaniif in dhufa*.[142]

26Deebiin dhugaan, milikkita firooma dhugaa ti;

27maasii qopheeffattee, waan ittiin jiraattu hamma argattutti mana hin dhaabbatin!

28Akkasumaan nama irratti dhugaa hin ba'in, yookiis nama hin sossobin*!

29Ati, ?Waanuma namni ana hojjeteen isa hojjedha, gatii hojii isaatiis isaaf nan deebisa? hin jedhin*![143]

30Ani maasii nama dhibaa'aa keessa, iddoo dhaabaa waynii nama qalbii hin qabnee keessas nan adeeme;

31kunoo, qoraattiin iddoo hundumaatti in biqile, aramaan irra in gara gale, dallaan dhagaa isaas in jijjige;

32yommus ani ilaaleen wanta kana yaadaan qabee, isan arge kana irraas barumsa nan argadhe.

33Rafuudhaaf harka kee wal irra in qaxxaamursita, yeroo muraasa in mugda, yeroo xinnoo ishees in rafta;

34garuu utuma ati raftuu hiyyumni akka saamtuutti, dhabinnis akka nama mi'a lolaa hidhateetti sitti in dhufa*.[144]

ticle>