1Namni jal'aan utuu namni isa hin ari'in baqata, namni qajeelaan garuu akkuma leenca saafelaa ija in jabaata*.
2Biyya Waaqayyo irratti kaatu bulchitoota isheetu baay'ata, nama hubataadhaa fi beekaa yoo qabaatte garuu, mootummaan ishee jabaatee in dhaabata.
3Hiyyeessi hiyyeessa cunqursu, akka bokkaa midhaan balleessuu ti.[164]
4Warri seera dhiisan nama jal'aa jaju, warri seera eegan garuu isaan in mormu.
5Namoonni hamoonni firdii dhugaa hin hubatan, warri Waaqayyoon barbaaddatan garuu, wanta hundumaa in hubatu;
6sooressa jireenyi isaa micciiramaa irra, hiyyeessa balleessaa hin qabne wayya*;
7namni seera eegu ilma hubataa dha, inni hidhata albaadheessaa ta'uu garuu abbaa isaa in salphisa.[165]
8Namni hiiqiidhaan, gar malee dhala fudhachuudhaanis badhaadhummaa baay'ifatu, nama isa hiyyeessaaf oo'uuf walitti in qaba*;
9nama seeraaf hin abboomamne, kadhanni isaa iyyuu ciigga'amaa dha*.
10Namni nama yaada qajeelaa qabu hamaa irra buusu, boolluma qotetti in kufa; namni balleessaa hin qabne garuu, wanta gaarii ta'e in dhaala*;
11namni sooressi ogeessa of se'a, hiyyeessi hubataan garuu qoree isa bira in ga'a.[166]
12Namni qajeelaan yommuu biyya fudhatu, hundumatu gammada; namni jal'aan yommuu ka'u garuu, namoonni in dhokatu*.
13Namni irra-daddarbaa isaa dhokfatu, hin hiiqu; namni irra-daddarbaa isaa himatu, kan dhiisus garuu araara in argata*.
14Namni yeroo hundumaa Waaqayyoon sodaatu eebbifamaa dha, namni mataa jabaatu garuu rakkina keessa in bu'a;
15bulchaan biyyaa inni jal'aan, warra gargaarsa hin qabne irratti akka leenca aaduu, akka amaaketa beela'ee waan butu barbaaduu tis.[167]
16Bulchaan biyyaa, inni dubbii gargar baasee hubachuun itti hir'atu, warra harka isaa keessa jiran in miidha; namni bu'aa karaa malee argamu jibbu garuu, bara dheeraa gammadaa in jiraata.
17Namni nama ajjeesee barbaadamu, hamma du'a isaatiitti jooraa haa ta'u! Namni tokko illee isa hin gargaarin*!
18Namni qajeelinatti jiraatu in oola; namni karaan jireenya isaa micciirame garuu battalatti in kufa.
19Namni lafa isaa qotatu buddeena in quufa, namni wanta waa'ee hin baafne duukaa bu'u garuu, in hiyyooma*.[168]
20Namni amanamaan baay'ee eebbifama, namni soorummaaf sassatu garuu, utuu hin adabamin hin hafu*;
21firdii jal'isuun gaarii miti, kana keessaa immoo, namni buddeena cabaa tokkoof balleessaa hojjeta*.
22Namni weenna'u, sooromuuf in sassata, hiyyumni akka isatti dhufus hin beeku*.
23Nama sobee afaaniin namatti kuulu irra, nama balleessaa namaa namatti mul'isee nama ifatutu, gara booddeetti caalaa jaallatama.
24Namni abbaa isaa yookiis haadha isaa saamee, ?Kun balleessaa miti? jedhu, hidhata nama isa nama balleessuu ti*.[169]
25Namni sassataan yaadaan gargar ba'uu in kaasa, namni Waaqayyoon amanatu garuu itti tolee in jiraata;
26namni yaada oofii isaa amanatu gowwaa dha, ogummaadhaan kan deddeebi'u garuu in oola.
27Nama hiyyeessaaf kennuutti homtuu hin hir'atu, namni achi ilaale hiyyeessa bira darbu garuu, guddaa in abaarama*.
28Jal'oonni yommuu biyya fudhatan, namoonni of in dhoksu; yommuu jal'oonni sun badan garuu, qajeelonni in baay'atu*.[170]