Macaafa Fakkeenyaa 29:1-27 GAZB1997 - Bible AI

1Nama sababii balleessaa isaatiif utuma ifatamuu, didee mataa jabaatu, badiisi deebii hin qabne dingata isa irra in ga'a*;

2qajeelonni yommuu baay'atan namoonni in gammadu, warri jal'oonni yommuu biyya bulchan garuu, namoonni in gaddu*.[171]

3Namni ogummaa argachuu jaallatu, abbaa isaa in gammachiisa; namni hidhata ejjituu ta'e garuu, akkasumaan horii isaa bittimsa*.

4Mootiin firdii dhugaa kennu biyya isaa in jabeessa, gabbarsuudhaaf kan sassatu garuu biyya isaa in balleessa;

5namni sobee afaaniin namatti kuulu, miilla ofii isaatiitti dabboo in tartara;

6namni hamaan irra-daddarbaa isaatiin in xaxama, namni qajeelaan garuu in faarfata, in gammadas.[172]

7Namni qajeelaan hiyyeessaaf in dhimma, namni jal'aan garuu, wanta akkasii kanaaf dhimma hin qabu.

8Warri ga'isoonni mandaratti goolii in kaasu, warri ogeessonni garuu dheekkamsa in qabbaneessu.

9Namni ogeessi nama gowwaa wajjin gara yaa'ii yoo dhaqe, inni gowwaan takka in dheekkama, takka immoo in kolfa malee, boqonnaa hin qabu.

10Namoonni dhiiga namaa dhangalaasuu suusa'an, nama mudaa hin qabne in jibbu, nama yaada qajeelaas ajjeesuu in barbaadu.

11Namni gowwaan, yaada aarii garaa isaatii hundumaa in dubbata, namni ogeessi garuu in obsa, of qabaas in dubbata*.[173]

12Namni biyya bulchu oduu sobaa yoo dhaggeeffate, hojjetoonni isaa hundinuu jal'oota in ta'u;

13Waaqayyo lachuu isaaniif iyyuu agartuu waan kenneef, hiyyeessii fi inni hiyyeessa cunqursu waluma qixxee dha*.

14Mootiin hiyyeessaaf firdii dhugaa yoo kenne, mootummaan isaa bara baraan jabaatee in dhaabata*;

15ijoollee adabanii karaa irra buusuun gaarii dha, mucaan gad-dhiisiitti guddatu garuu, haadha isaa yeellaasisa*;

16yommuu jal'oonni baay'atan, irra-daddarbaan in baay'ata; qajeelonni garuu kufaatii jal'ootaa in argu.

17Ilma kee adabii karaa irra isa buusi! Inni immoo aara si galfachiisa, garaas si in ciibsa*.[174]

18Mul'anni hin jiru yoo ta'e, sabni gad-dhiisii in ta'a; namni seericha eegu garuu hammam haa gammadu!

19Hojjetaan waan afaaniin itti himan duwwaadhaan, qajeelee karaa irra hin bu'u; yoo hubate iyyuu nama jalaa hin qabu*.[175]

20Nama dubbii ariifatu irra, nama gowwaatu abdii qaba*;

21namni garbicha isaa mucummaa isaatii jalqabee qanansiisu, dhuma irratti tuffatamuu ofitti in fida.

22Namni dheekkamaan lola in kaasa; namni aaraanis irra-daddarbaa in baay'isa*.

23Of gurguddisuun, gad deebii namatti fida, kan gad of deebisu garuu, ulfina in argata*.

24Namni hidhata hattuu ta'e of in jibba, kakatee dhugaa akka ba'uuf in gaafatama, dhugaa dubbachuudhaaf garuu ija hin jabaatu*.[176]

25Nama sodaachuun kiyyootti nama galcha, Waaqayyoon amanachuun garuu fayyina*;

26namoonni baay'een, bulchaa biyyaatti of mul'isuu in barbaadu, firdii dhugaan garuu Waaqayyo biraa namaaf kennama.

27Namni qajeelaan nama jal'aa in ciigga'a, namni jal'aanis nama yaada qajeelaa in ciigga'a.[177]

ticle>