Macaafa Fakkeenyaa 30:1-33 GAZB1997 - Bible AI

1Jechi kanatti fufee jiru, jecha Aguur ilma Yaaqee isa nama biyya Maasaa ti; namni kun Itii'elitti, Itii'elii fi Ukaalitti dubbateera;

2inni, ?Ani nama hundumaa irra gowwaa dha, hubannaa namni qabus hin qabu;

3ogummaa tokko illee hin barre, waa'ee isa qulqullaa'aa raawwadhee homaa hin beeku*;

4eenyutu gara bantii waaqaa dhaqee deebi'ee immoo dhufe? Eenyutu qilleensa aboottee isaa keessatti walitti qabe? Eenyutus bishaanitti uffata maree ittise? Eenyutu daarii lafaa hundumaa jabeessee dhaabe? Eenyu maqaan isaa, eenyu maqaan ilma isaas? Beekta yoo taate anatti himi*![178]

5?Dubbiin Waaqayyoo hundinuu dhugaa ta'uun isaa amansiiseera, inni warra isatti kooluu galan hundumaaf gaachana*.

6Inni akka si hin ifannetti, akka si hin sobsiifnettis, dubbii isaatti waa hin dabalin!? jedhe*.[179]

7Yaa Waaqayyo, ani waan laman si kadhadha, hamman jirutti isaan ana hin dhowwatin!

8Dubbii waa'ee hin baafnee fi dubbii sobaa anattii fageessi, soora har'aa-borii anaaf kenni malee, na hin badhaasin, na hin deegsinis!

9Ani quufee akkan si hin wallaalletti, ?Waaqayyo eenyu inni?? akka ani hin jennetti, yookiis immoo hiyyoomee, hatee maqaa Waaqayyo kootii akka ani hin salphifne anaaf godhi*![180]

10Hojjetaan akka si hin abaarretti, ati immoo rakkinatti akka hin galletti, gooftaa isaatti isa hin hamatin!

11Abbaa isaanii kan abaaran, haadha isaaniis kan hin jajanne jiru;

12xurii isaaniittii utuma hin qullaa'in, qullaa'oo kan of se'an jiru*;

13warri waan guddaatti of ilaalan, nyaara isaaniitiinis of tuuluu isaanii kan mul'isan jiru;

14warri hiyyeessa nyaatanii lafa irraa balleessuudhaaf, warra wanta barbaachisaa dhabanis namoota gidduudhaa badduu baasuudhaaf ilkaan isaanii akka billaa qaramaa, ha'oon isaaniis akka haaduu kan ta'e jiru*.[181]

15Dhulaandhulli intaloota ?Warra kenni! Kenni!? jedhanii iyyan lama qabdi; ?Quufe? kan hin jenne wanta sadiitu jira, inni afuraffaan immoo ?Na ga'a? jechuu hin beeku;

16isaanis, iddoo lafa jalaa, gadameessa dhala hin godhatin hafe, lafa gogaa jiidha of keessaa hin qabneef ibidda, ?In ga'a? jedhee hin beeknee dha*.[182]

17Nama abbaa isaatti ga'isuuf abboommii haadha isaa tuffatu, qurruun gammoojii ija isaa isa keessaa haa baasu, foggis isa haa nyaatu*!

18Wanti ana dinqan sadiitu jira, isa afuraffaa immoo hubachuu iyyuu hin danda'u;

19isaanis, karaa joobirri qilleensa keessa balali'u, karaa bofni kattaa irra adeemu, karaa markabni galaana irra adeemuu fi karaa dargaggeessaa fi dargaggeettiin wal jaallatanii dha.[183]

20Dubartii ejjituun, akka ishee nyaattee afaan ishee haxaa'attee, ?Ani homaa hin balleessine? jettuu ti; karaan dubartii ejjituu kan akkasii ti.

21Wanta sadiitu lafa sochoosa, isa afuraffaa immoo danda'ee iyyuu hin baatu.

22Isaanis, garbicha mootii ta'e, gowwaa quufe,

23haftuu abbaa manaa argattee fi xomboree iddoo giiftii isheetii fudhattee dha*.[184]

24Uumamni bifaan xixinnoo ta'anii, baay'ee immoo ogeeyyii ta'an afurtu lafa irra jira;

25mixiin uumama dadhabduu dha, garuu nyaata ishee bona walitti in qabatti*;

26osoleenis uumama humna hin qabnee dha, garuu kattaa keessatti in galti;

27hawaannisi mootii hin qabu, garuu wal gurmeessee in adeema.

28Loccuun bar'uudhaan looti, garuu keenyan mana moototaa irratti iyyuu in argamti.[185]

29Wanti adeemsa tolu sadiitu jira, inni afuraffaan immoo simboo ulfina isaatiif ta'u qaba;

30leenci bineensota hundumaa keessaa jabaa dha, wanta hundumaa irraas hin deebi'u;

31kormaa indaanqoo fi korbeessii reettii of bokoksee asii fi achi naanna'uu fi mootii macca isaa of naannessee adeemuu dha.

32Gowwoomtee, yoo ol ol of qabde, yookiis garaa kee keessatti hamaa yoo yaadde, afaan kee qabadhu!

33Aannan raasuun dhadhaa baasa, jabeessanii furrii baafachuun nama dhiigsa; tuttuqanii nama aarsuun lola in kaasa.

ticle>