1Yaa ilmaan ko, gorsa abbootaa dhaga'aa, akka hubattanitti yaadaan duukaa bu'aatii dhaggeeffadhaa!
2Ani barsiisa gaarii isiniif nan kenna, isin seera koo hin dhiisinaa!
3Ani mana abbaa kootti mucaa qananii'aa, haadha kootiifis ilma tokkicha yommuun ture,
4abbaan koo kanatti fufee kan jiru na barsiise; ?Waanan sitti dubbadhu cimsii yaadatti qabadhu, in jiraattaatii abboommota koo eegi*!
5Ogummaa argadhu, hubataas ta'i! Dubbii afaan kootii hin irraanfatin, irraas hin jal'atin!
6Ogummaan si golgitii ishee hin dhiisin, si eegdiitii ishee jaalladhu!
7Ogummaan hundumaa irra in caaltiitii ishee argadhu! Wanta qabdu hundumaanis, hubannaa bitadhu*!
8Ol ishee fuudhi, isheenis ol si qabdi, ofitti ishee qabi, isheenis ulfina siif in kenniti;
9isheen daraaraa battee dha'ame mataa kee irra in keessi, gonfoo miidhagaas siif in kenniti? jedhe.[19]
10Dhaga'i yaa ilma ko, dubbii koo fudhadhu! Barri jireenya kees in baay'ata*.
11Ani karaa ogummaa si barsiiseera, daandii qajeelaa irras si geggeesseera.
12Yommuu adeemtu karaan sitti hin dhiphatu, yommuu fiigdus hin gufattu;
13gorsa siif kennamtetti jabaadhu, gad ishee hin dhiisin! Isheen jireenya kee waan taateef, ba'eessa godhii eeggadhu!
14Daandii namoota jal'ootaa irra hin bu'in, karaa namoota hamootaa irras hin deddeebi'in*!
15Irraa fagaadhu! Isa irras hin adeemin, irraa gori karaa kee irra adeemi!
16Isaan hamma hamaa godhanitti hin rafan, hamma nama gufachiisanitti hirribni ija isaaniitti hin dhufu*;
17buddeena jal'inaa in nyaatu, daadhii humnaan nama irratti ka'uudhaan argamus in dhugu.[20]
18Daandiin qajeelotaa akka ifa barii ganamaa, isa yeroo biiftuun baatee ol adeemtu, ittumaa ifaa ol adeemuu ti.
19Daandiin jal'ootaa garuu akka dukkana limixii ti, jal'oonni wanta isaan gufachiisu hin beekan*.[21]
20Yaa ilma ko, dubbii koo dhaga'i, gurra kees gara wanta ani jedhuutti qabi!
21Isaan ija kee duraa hin dhabamin, yaadatti isaan qabadhu!
22Isaan nama isaan argateef jireenya, guutummaa dhagna isaatiifis fayyina*;
23wanti jireenyaaf barbaachisu yaada garaa keessaa waan ba'uuf, yaada kee ba'eessa godhii eeggadhu!
24Jal'ina dubbachuu afaan keettii, dubbii micciiramaas arraba keettii fageessi!
25Iji kee kallattiidhaan qajeelchee haa ilaalu, wanta ija kee dura jiru duwwaa ilaali*!
26Irra adeemuudhaaf akka ta'utti, daandii kee wal qixxeeffadhu! Yommus adeemsi kee hundinuu siif in qajeela*;
27gara mirgaatti yookiis bitaatti hin gorin, miilla kee wanta hamaattii deebisi*![22]