1Yaa ilma ko, dubbii ogummaa kootii dhaggeeffadhu, gurra kees gara wanta ani hubannaadhaan dubbadhutti qabi!
2Yommus dubbii gargar baasuu in dandeessa, dubbiin afaan kees beekumsaan in ta'a;
3hidhiin dubartii ejjituu damma coccophsa, haasaan afaan isheetii akkuma dhadhaa ti, namas hin quuqu;
4dhuma irratti garuu akka hadhooftuu, akka billaa gara lamaan qaramees in taati.
5Miilli ishee gara du'aatti gad in bu'a, ejjennaan ishees gara iddoo lafa jalaatti in geessa;
6ati waa'ee karaa jireenyaa akka hin yaadnetti, daandiin ishee gegeddaramaa dha; ati garuu isa hin beektu*.[23]
7Egaa yaa ilmaan ko, mee na dhaga'aa! Wantan afaan kootiin dubbadhu irraa hin jal'atinaa!
8Karaa kee ishee irraa fageessi, balbala mana isheetti iyyuu hin dhi'aatin!
9Yoo kana eeggachuu dhabaatte, ulfina kee namoota biraatiif, bara jireenya kees nama gara-jabeessaaf kennuu kee ti;
10qabeenya kee ormatu nyaata, dadhabbiin kees mana alagaa in sooromsa;
11dhuma bara jireenya keetti, foon kee fi dhagni kee yommuu gad dhumu in aadda.
12Ati, ?Ani attamittan gorsa jibbe, garaan koos attamitti adabamuu tuffate!
13Ani barsiisota kootiif hin abboomamne, gurra koos gara warra na gorsaniitti hin qabne;
14guutummaa walga'ii waldaa keessatti, hamma xinnoofan waan hamaa hundumaa keessa lixee oole? in jetta.
15Boolla bishaanii kee keessaa bishaan boollaa, ija bishaanii kee keessaas bishaan yaa'u akka dhugdu, [haadha manaa kee ishee jaalala siif burqisiiftutti gammadi!]
16Burqituun kee bakkee keessa, bishaan lagaa kees karaa keessa haa tamsa'anii ree?
17Isaan si duwwaadhaaf malee, orma warra sii wajjin jiraniif hin ta'in!
18Burqaan kee eebbifamaa haa ta'u, haadha manaa qeerummaa keetii wajjin gammadi*!
19Isheen jaallatamtuu akka borofaa, simbo-qabeettii akka kurupheettis, harmi ishee yeroo hundumaa si haa gammachiisu, jaalalli ishees laphee si haa coru*!
20Yaa ilma ko, maaliif dubartiin ormaa laphee si corti? Maaliifis haadha manaa namaa ammatta?
21Karaan namaa guutummaatti Waaqayyo dura jira, inni daandii nama hundumaa in ilaala.
22Namni jal'aan hojii hamaa hojjetetti in gala, funyoo cubbuu isaatiinis in qabama;
23inni gorsa waan dhabeef in du'a, guddinni gowwummaa isaatiis karaa irraa isa in kaachisa.[24]