1 Yaa ilma ko, namaaf wabii yoo darbite, akkasumas waliigaltee jabeessuudhaaf nama biraa wajjin yoo harka wal rukuttan,
2 wanti ati dubbatte futtaasaa sitti ta'ee, dubbiin afaan keetiis kiyyootti yoo si galche,
3 ati harka fira kee keessa yommuu buutu, gara fira kee sanaa dhaqiitii gad of deebisii, akka si irraa buusuuf isa kadhadhu, yaa ilma ko, kana gochuu keetiin of in oolchita;
4 utuu kana hin godhin hin rafin, baallee ija keetiis wal irra hin buusin!
5 Akka kuruphee harka adamsituu jalaa, akka simbirroo warra ishee qaban jalaa baatuuttis of oolchi*![25]
6 Ati namicha dhibaa'aa nana, mee dhaqii mixii ilaali, akka isheen itti jiraattu yaadaan qabi, ogeessas ta'i*!
7 Isheen geggeessituu, eegduu, mootiis hin qabdu;
8 kana keessaa immoo waan ishee barbaachisu bona in tuullatti, nyaata ishees yeroo makarii walitti in qabatti.
9 Ati dhibaa'aa nana, hamma yoomiitti ciifta? Hirriba keessaas yoom kaata?
10 Ciisuudhaaf harka kee wal irra in qaxxaamursita, yeroo muraasa in mugda, yeroo muraasa in rafta;
11 hiyyumni akka saamtuutti, dhabinnis akka nama mi'a lolaa hidhateetti sitti in dhufa*.[26]
12 Namni waa'ee hin baafne, namni jal'aan arraba isaa isa micciiramaa fudhatee, asii fi achi in adeema*;
13 ija isaatiin in hawwata, miilla isaa in raasa, quba isaatiin in argisiisa*;
14 micciiramummaan garaa isaa keessa jira, yeroo hundumaa hammina in korata, gargar ba'uu nama gidduu in facaasa;
15 kanaafis badiifni dingata isatti in dhufa; caba fayya-hin qabne in caba.[27]
16 Waaqayyo wanta ja'a in jibba, isa torbaffaa immoo in ciigga'a;
17 isaanis kanatti fufanii jiru, nama waan guddaatti of ilaalu, arraba sobu, harka dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasu,
18 garaa akeeka hamaa yaadee qopheessu, miilla waan hamaa gochuuf ariifatee fiigu,
19 nama sobaan nama irratti dhugaa ba'u, isa soba gad jijjigsu, nama gargar ba'uu obboloota gidduutti facaasuu dha*.[28]
20 Yaa ilma ko, abboommii abbaa keetii eegi, barsiisa haadha keetiis hin tuffatin*!
21 Garaa kee keessa kaa'adhu, morma keettis hidhadhu!
22 Yommuu ati adeemtu karaa si argisiisa, yommuu raftu si eega, yommuu dammaqxu si haasofsiisa.
23 Abboommiin kun ibsaa dha, barsiifni kunis ifa, ifanni adabaa karaa jireenyaa ti.
24 Inni dubartii hamtuu irraa, dubartii ejjituu ishee afaaniin namatti kuultu irraas si eega*.
25 Garaan kee miidhagummaa ishee hin hawwin, iji ishees si hin booji'in!
26 Dubartii halaleen buddeena tokkoon qacaramti, isheen abbaa manaa qabdu garuu nama qabeenya qabu in adamsiti.[29]
27 Namni dachaasaa wayyaa isaatii keessa ibidda in kaa'ataa ree? Wayyaan isaas utuu hin gubatin hafuu danda'aa ree?
28 Yookiis namni barbadaa giimii irra yoo ejjete, miilli isaa utuu hin gubatin hafuu danda'aa ree?
29 Namni haadha manaa namaa bira dhaqu akkasuma ta'a, namni ishee bira ga'es utuu hin adabamin hin hafu*.
30 Hattuun yommuu beeloftu beela ba'uudhaaf yoo hatte, namoonni ishee in tuffatu laataa?
31 Yoo qabamte garuu, wanta isheen manaa qabdu hundumaa yoo gaaga'e iyyuu, dachaa torba baasuutu isheedhaaf ta'a mitii ree?
32 Namni ejju qalbii hin qabu, namni kana godhu of in balleessa;
33 madaa'uunii fi salphachuun isa in argata, ga'oonis raawwatee isa irraa hin badu;
34 hinaaffaan abbaa manaa in aarsa, gaafa ijaa baafatus hin oo'uuf;
35 fureen tokko illee isatti hin tolu, gabbarri hammamii iyyuu isa hin gammachiisu.[30]
Bible Society of Ethiopia