Macaafa Fakkeenyaa 8:1-36 GAZB1997 - Bible AI

1Ogummaan in waamti mitii ree? Hubannaan sagalee ishee in dhageessifti mitii ree?

2Isheen iddoo ol ka'aa gubbaa bukkee karaa irra, daandii keessa in dhaabatti;

3karra balbala ittiin mandarichatti lixan bukkeedhaa, sagalee ishee ol fudhattee iyyitee*,

4?Yaa namootaa, ani isin nan waama, sagalee koos ilmaan namaa nan dhageessisa;

5isin warri wallaalonni of eeggannaa, isin warri gowwoonni hubannaa argadhaa!

6Ani wanta ta'u dubbachuufan jedha, mee dhaggeeffadhaa! Waan qajeelaas dubbachuudhaaf afaan koo nan saaqqadha;

7afaan koo dubbii dhugaa in dubbata, arrabni koos jal'ina dubbachuu in ciigga'a;

8dubbiin afaan kootii hundinuu qajeelaa dha, isaan keessa jal'aan yookiis micciiramaan hin jiru.

9Nama isa hubataadhaaf hundumti isaanii mul'atoo dha, isa beekumsa qabuufis qajeeloo dha;

10qooda meetii gorsa koo fudhadhaa, warqee caalaas beekumsa fo'adhaa!

11Ogummaan elellaan diimaa irra in caalti, wanti ba'eessi ati hawwitu hundinuus isheedhaan hin qixxaatu*.[33]

12?Ani ogummaan, of eeggannaadhaa wajjin, walitti in taana; beekuma ani ittiin dubbii gargar baasus nan argadha.

13Waaqayyoon sodaachuun wanta hamaa jibbuu dha, ani of bokoksuu fi of gurguddisuu, karaa hamaadhaaf arraba dubbii micciiru nan jibba.

14Gorsii fi firdii gargar baasuun kan koo ti, ani hubannaa dha, humnas anatu qaba.

15Mootonni anaan mo'u, gurguddoonni biyyaas anaan seera qajeelaa baasu;

16abboonni biyyaa, gurguddoonni biyyaa, warri firdii qajeelaa kennanis hundinuu anaan biyya bulchu.

17Ani warra na jaallatan nan jaalladha, warri na barbaaddatanis na argatu.

18Soorumaa fi ulfina, qabeenya hin darbinee fi qajeelummaa anatu kenna.

19Bu'aan ana irraa argamu warqee irra, warqee qullaa'aa irra iyyuu in wayya, barakanni ani kennus meetii qullaa'aa irra fo'amaa dha;

20ani karaa qajeelummaa irra, daandii dhugaa irras nan adeema;

21warra na jaallataniif qabeenya nan kenna, gombisaa isaaniis nan guuta.

22Waaqayyo jalqaba hojii isaatiitti, hojii isaa isa bara durii sana hundumaa dura na uume;

23Ani jalqaba bara durii duriitti, utuu biyyi lafaa hin uumaminan aboo irra kaa'ame;

24callabboo duran dhaladhe, yommus burqituun bishaan guddaan keessaa yaa'u iyyuu hin turre;

25tulloonni, gaaronnis utuu hin uumaminan dhaladhe.

26Waaqayyo, lafa wanta isa irra jiruu wajjin, biyya lafaa isa bal'aa kana keessaa gar tokko illee utuu hin tolchin na uume.

27Yommuu inni bantiiwwan waaqaa iddoo iddoo isaanii kaa'ee, waaqas callabboo irra diriirse, ani achin ture;

28yommuu inni waaqa keessa duumessoota kaa'ee, burqituuwwan callabbootti yommuu tolche,

29bishaanonni abboommii isaa irra akka hin darbinetti, yommuu inni galaanatti daarii godhe, yommuu inni hundeewwan lafaatti milikkita godhes,

30ani yommus ijaartuu isa gaarii sana biran ture, yeroo hundumaa fuula isaa duratti gammadaa, har'aa bor isa nan gammachiisan ture.

31Guutummaa biyya lafaa isa kan isaatiitti nan gammada, nama hundumaattis nan gammadan ture*.[34]

32?Egaa yaa ilmaan ko, mee na dhaga'aa, warri karaa koo irra bu'an haa gammadan!

33Ogeessota ta'aa, gorsa koo dhaga'aa malee hin tuffatinaa!

34Namni na dhaga'u, guyyuma guyyaatti karra kellaa koo dammaqee kan eegu, michichila balbala kootti hirkatee kan eeggatus haa gammadu!

35Namni ana argatu jireenya argachuu isaa ti, Waaqayyo biraas ayyaana in argata.

36Namni na yakku garuu ofii isaa in miidha, namni na jibbu hundinuu immoo du'a in jaallata? in jetti.

icle>