Macaafa Fakkeenyaa 9:1-18 GAZB1997 - Bible AI

1Ogummaan mana ishee ijaarratteetti, utuboota mana ishee torbanis sooftee tolfatteetti;

2isheen horii qaltee, daadhii waynii calaltee, maaddii ishees qopheessiteetti;

3mandaricha keessaa iddoo ol jedhaa irra dhaabatanii, akka waamaniif durboota isheedhaaf hojjetan ergiteetti*.

4Isheen, ?Warri wallaalan hundinuu as haa dhufan!? in jetti; warra qalbii hin qabneenis,

5?Kottaa buddeena koo nyaadhaa, daadhii ani calales dhugaa*!

6In jiraattuutii wallaalummaa keessan dhiisaa! Karaa hubannaa irras adeemaa!? in jetti.[35]

7Namni nama ga'isaa gorsu, of in salphisa; namni nama jal'aa ifatu, yeelloo ofitti in fida;

8nama ogeessa ifadhu, inni si jaallata, nama ga'isaa garuu hin ifatin, inni si jibba;

9nama ogeessa gorsi, inni caalaa ogeessa in ta'a; nama qajeelaa barsiisi, innis beekumsa in baay'ifata*.[36]

10Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti, isa qulqulluu sana beekuun hubannaa dha*.

11Ogummaan kun guyyoota jireenya keetii in baay'ifti, bara jireenya kees itti in dabalti*.

12Ogeessa yoo taate bu'aan isaa kanuma kee ti, ga'isaa yoo taate garuu ofiidhuma kee in miita.[37]

13Aadde gowwummaan iyyituu dha, isheen homaa tokko iyyuu hin hubattu, beekumsas hin qabdu;

14isheen mandarattii keessaa iddoo ol jedhaa irra, balbala ishee dura barcuma irra in teessi;

15warra karaa irra darbaniin, warra qajeelanii karaa isaanii irra adeemaniin,

16?Warri wallaalonni hundinuu as haa dhufan!? in jetti; warra qalbii hin qabneenis,

17?Bishaan hannaa miyaa'aa dha, buddeenni dhoksaatti nyaatamus nama in gammachiisa? in jetti*;

18garuu isaan warri du'an achi akka jiran, warri isheen waamtes iddoo lafa jalaa isa gad fagoo keessa akka jiran isaan hin beekan*.[38]

icle>