1Daariyos biyya Faares irratti mo'ee waggaa lammaffaatti, waggicha keessaa ji'a ja'affaatti, ji'icha keessaa guyyaa tokkoffaatti, dubbiin Waaqayyoo karaa Haagee raajichaa gara Zarubaabel ilma She'altii'el isa biyya Yihudaa bulchuu akkasumas gara Iyaasuu angafa lubootaa ilma Yozaadaaq in dhufe*;
2Waaqayyo gooftaan maccaa, ?Sabni kun, ?Yeroon manni qulqullummaa Waaqayyoof itti ijaaramu hin geenye? in jedhu? jedhe.
3Yommus dubbiin Waaqayyoo karaa Haagee raajichaa dhufee,
4?Yaa saba ko, manni qulqullummaa koo kun diigamee utuu jiruu isin ofii keessanii mana ba'eessa ta'ee ijaarame keessa taa'uun yeroo isaa tii ree?? jedhe*.
5Waaqayyo gooftaan maccaa, ?Mee, wanta isin irra ga'aa jiru ilaalaa!
6Baay'ee facaaftu, muraasa galfattu; in nyaattu, garuu beela hin baatan; in dhugdu, garuu hin quuftan; in uffattu, garuu isinitti hin ho'u; namni qacaramee hojjetus mindaa argatu korojoo tarsa'aa keessa in kaa'ata? jedha*.
7Waaqayyo gooftaan maccaa, ?Mee, kun maaliif akka isin irra ga'e ilaalaa!
8Amma gara tulluutti ol ba'aa muka fidaatii, mana qulqullummaa koo ijaaraa! Yommus ani isatti nan gammada, ittis nan galateeffama.
9Isin baay'ee galfanna jettanii abdattan; garuu muraasa galfattan; wanta isin galfattan sanas ani afuufee nan balleesse; maaliifan kana godhe? Manni qulqullummaa koo diigamee utuu jiruu isin immoo adduma addaan waa'ee mana keessaniitiif asii fi achi waan fiigdaniif kun ta'e.
10Sababii keessaniif waaqni fixeensa in dhowwata, laftis midhaan hin baasu*;
11ani lafa irratti, tulloota irratti, midhaan irratti, muka waynii irratti, muka ejersaa irratti, waanuma lafti biqilchu irratti, nama irratti, horii irratti, wanta harki keessan hojjete hundumaa irrattis gogii nan fida? jedhe*.
12Ergasii Zarubaabel ilmi She'altii'el, Iyaasuun angafni lubaa, ilmi Yozaadaaq, saba keessaa warri hafan hundinuus Waaqayyo raajicha waan ergeef, sagalee Waaqayyo gooftaa isaaniitiif, ergaa Haagee raajichi isaanitti hime sanaafis in abboomaman; jarris Waaqayyoon in sodaatan.
13Kanaaf Haageen inni Waaqayyo erge sun, ergaa kanatti fufee jiru sabatti in hime.
14Ergasii Waaqayyo hafuura Zarubaabel ilma She'altii'el isa Yihudaa bulchuu, hafuura Iyaasuu ilma Yozaadaaq isa angafa lubaa turee fi hafuura saba warra hafan hundumaa in dammaqse; yommus isaan dhufanii hojii mana qulqullummaa Waaqayyo isaanii isa kan Waaqayyo gooftaa maccaa sana hojjechuu in jalqaban.
15Kun immoo Daariyos mo'ee waggaa lammaffaa isaatti, waggicha keessaa, ji'a ja'affaatti, ji'icha keessaas guyyaa digdamii afuraffaatti ta'e.