1Waggaa soddommaffaatti, ji'a afuraffaatti, ji'icha keessaa guyyaa shanaffaatti, laga Kebaar bukkee warra booji'aman gidduu utuun jiruu, bantiin waaqaa banamee, ani Hisqi'el mul'ata Waaqayyoo nan arge*.
2Ji'icha keessaa guyyaa shanaffaatti, kana jechuunis Yehoyaakiin mootichi erga booji'amee waggaa shanaffaa isaatti*,
3dubbiin Waaqayyoo laga Kebaar bukkeetti biyya Baabilonitti gara koo gara Hisqi'el lubichaa ilma Buzii in dhufe; achittis harki Waaqayyoo ana irra ture.
4Kunoo, ani bubbee gara bitaatii dhufu, duumessa ulfaataa, ibidda boba'u, ifa naannoo isaatti ifus nan arge; gidduun ibiddichaas akka sibiila borrajjii in calaqqisa ture;
5ibiddicha gidduus wanta lubbuu qabu kan fakkaatu afurtu ture, bifni isaanii immoo bifa namaa in fakkaata*;
6garuu tokkon tokkon isaanii fuula afurii fi qoochoo afur qabu;
7miilli isaaniis qajeelaa dha, faanni miilla isaaniis akka kottee jabbii ti, akka sibiila borrajjii isa qulleeffamees in calaqqisa ture.
8Qoochoowwan isaanii jalaa karaa afuriin harka harka namaa fakkaatu qabu turan; wanti lubbuu qaban kun arfanis fuula, qoochoos qabu;
9qoochoowwan isaaniis wal in qaqqabu turan; isaanis adduma addaan gara fuula duraatti qajeelanii adeeman malee, gar tokkotti iyyuu hin jal'anne.
10Fuulli isaanii akka kanatti fufee jiru fakkaata; fuula isaanii duraan hundumti isaanii fuula namaa fakkaatu; arfanuun isaanii gara mirgaa isaaniitiin fuula fuula leencaa fakkaatu qabu; arfanuun isaanii gara bitaatiin fuula fuula qotiyyoo fakkaatu qabu; arfanuun isaanii gara dugda duubaatiin fuula fuula joobiraa fakkaatu qabu*.
11Fuulli isaanii akkana ture, qoochoowwan isaanii ol ka'anii jiru, tokkon tokkon isaanii qoochoo lama lama qabu; qoochoon isa tokkoo karaa lachuu qoochoo isa kaanii in qaqqaba; qoochoon lama dhagna isaa golbooba ture*;
12isaanis adduma addaan gara fuula duraatti qajeelanii adeeman; yommuu adeemanis utuu hin gara galin garuma hafuurri itti adeemutti in adeemu turan;
13fakkeenyi isaanii wanta lubbuu qaban in fakkaata, bifni isaaniis akka barbadaa ibiddaa yookiis akka guca boba'uu isa asii fi achi sosocho'uu ture; ibiddi sunis ifaa dha, isa keessaas bakakaan in ba'e*;
14wanti lubbuu qaban sunis akka ifa bakakaa asii fi achi in fiigan.
15Ani wanta lubbuu qaban sana yommuun ilaale, geengoo tokko lafatti wanta lubbuu qabanii fi fuula afur qaban arfan sana bukkeetti nan arge;
16bifni geengoowwan sanaa fi akki isaan itti hojjetaman akka kana in fakkaata; bifni isaanii akka dhagaa gati-jabeessa isa ?Krisoliixos? jedhamuu in calaqqisa ture; arfanuun isaaniis wal fakkaatu turan, akka waan wal keessa lixanii jiraniittis hojjetaman;
17yommuu adeemanis gara wanti lubbuu qaban sun arfan itti gara galan hundumaatti adeemu malee, of irra gara hin galan turan;
18baattuun geengoowwan sanaas ol jedhaa dhaa fi sodaachisaa dha, naannoon baattuu sana arfanuus ija ofittii qabu*.
19Yommuu wanti lubbuu qaban sun adeeman, geengoowwan sunis isaan bukkee in adeeman; yommuu wanti lubbuu qaban sun lafaa ka'an, geengoowwan sunis lafaa in ka'an.
20Isaanis garuma hafuurri itti adeemutti adeeman; hafuurri wanta lubbuu qaban sanaa geengoowwan sana keessa waan jiruuf, geengoowwan sun isaanuma duukaa ka'anii adeeman;
21hafuurri wanta lubbuu qaban sanaa geengoowwan sana keessa waan jiruuf, isaan sun yommuu adeeman, isaan kunis in adeemu; isaan sun yommuu lafaa ka'an, isaan kunis isaanii wajjin lafaa in ka'u*.
22Mataa wanta lubbuu qabanii sana gara irraas bantiin akka waciitii bifni isaa cabbii nama sodaachisu fakkaatu rarra'ee jira*;
23qoochoowwan isaanii bantii akka waciitii sana jalaan gara walii walii isaaniitti diriirfamanii jiru; tokkon tokkon isaaniis qoochoo dhagna isaanii ittiin golboobbatan lama lama qabu;
24ani yommuu isaan adeeman, sagaleen qoochoowwan isaanii akka galaana huursuu, akka sagalee Waaqayyo isa hundumaa danda'uu, akka sagalee adeemsa warra loltuus kan fakkaatu nan dhaga'e; yeroo cal jedhanii dhaabatan immoo qoochoowwan isaanii gad deebifatanii in dhaabatu*.
25Isaanis qoochoowwan isaanii akkuma gad qabanii jiranitti bantii akka waciitii isa isaan gara irraa jiru keessaa sagaleen tokko in dhufe.
26Bantii akka waciitii isa isaan gara irraa jiru keessas wanti akka teessoo Safiiros irraa hojjetame fakkaatu tokko ture; wanta akka teessoo sana gara irraadhaanis bifni bifa namaa fakkaatu tokko ture*;
27isa mudhii isaa fakkaatu sanaa jalqabee gara oliitti wanti akka sibiila borrajjii calaqqisu, bifni isaas bifa ibiddaa fakkaatu, isatti naanna'ee jira ture; isa mudhii isaa fakkaatu sanaa jalqabee gara gaddiitti immoo ibidda kan fakkaatuu fi ifni calaqqisaan isatti naanna'ee akka jiru nan arge*;
28inni naannoo isaatii calaqqisus akka sabbanni Waaqayyoo yeroo bokkaan roobu duumessa keessatti mul'atuutti in mul'ata ture.