Macaafa Hisqi'el Raajichaa 15:1-8 GAZB1997 - Bible AI

1Dubbiin Waaqayyoo ammas gara koo dhufee,

2?Yaa mucaa namaa! Mukti waynii muka kan biraa irra, dameen isaas damee mukkeetii caakkaa keessa jiran irra attamitti caala*?

3Mukti wanta waa'ee baasu ittiin hojjetan isa irraa argamee beekaa ree? Namni qodaa itti fannifachuudhaaf isa irraa hokkoo tolfatee beekaa ree?

4Inni kunoo, akka qoraaniitti ibiddatti in naqama; ibiddi fiixee isaa lamaan fixee gidduu isaa immoo erga laballabee, waanuma tokkoof iyyuu waa'ee in baasaa ree*?

5Kunoo! Utuma fayyaatti jiruu iyyuu homaafuu erga waa'ee hin baafnee, erga ibiddi gubee laballabee immoo wanti waa'ee baasu isa irraa hojjetamuu danda'aa ree?? jedhe.[55]

6Kanaafis Waaqayyo gooftaan, ?Akkuma ani muka waynii mukkeetii caakkaa keessa jiran gidduudhaa ibiddatti naqee gube, warra Yerusaalem jiraatanis akkasuma nan godha;

7anis isaaniin mormuudhaaf fuula koo gara isaaniitti nan deebisa, ibidda jalaa yoo ba'anis ibiddumatu isaan fixa; yommuu ani isaaniin mormuudhaaf fuula koo gara isaaniitti deebisu, ani Waaqayyo akkan ta'e isin in beektu*.

8Sababii isaan anaaf amanamuu didaniif ani biyyicha nan onsa? jedhe; Waaqayyo gooftaan kana dubbateera.[56]

er>