3isheen ilmoolee ishee keessaaisa tokko in guddifte,innis leenca saafela ta'ee,adamsee qabachuu in bare,namas in nyaate;
4sabni lafa irraa waa'ee isaa in dhaga'an;inni boolla isaanii keessatti in qabame,isaanis hidhanii biyya Gibxiittiisa geessan*.[80]
5?Isheenis eegdeeabdii akka hin qabneyommuu argite,ilmoolee ishee keessaa tokko fuutee guddifattee,leenca saafela isa goote;
6innis leencotaa wajjinasii fi achi in adeeme,leenca saafelas in ta'e;adamsee qabachuu in bare,namas in nyaate.
7Inni manneetii mootummaa isaanii[81] in caccabse,mandaroota isaaniis in onse;biyyichii fi warri biyyicha keessajiran hundinuu,sagalee aadnaa isaa dhaga'anii in golgolaa'an.
8Sabni lafa irraa karaa jiruisa irratti in ka'an,kiyyoo isaanii isa duratti in diriirsan,innis boolla isaanii keessatti in qabame;
9isaanis isa hidhanii godoo sibiilaakeessa kaa'anii,mootii Baabilonitti isa geessan;sagaleen isaa tulloota Israa'el irrattideebi'ee akka hin dhaga'amnettis,iddoo inni itti hidhamee eegamu keessa isa buusan*.[82]
12Garuu isheen aariidhaan buqqifamtee,lafatti in darbatamte;qilleensi ba'a-biiftuu inni gubaanija ishee in gogse,dameen ishee warri jajjaboonni in coollagan,ibiddis isaan in fixe;
13ammas isheen lafa onaa keessa,lafa gogaa bishaan hin qabne keessa in dhaabamti;
14ibiddis damee ishee keessaa ba'ee,ija ishee in fixe;dameen jabaan ulee mootummaa ta'usishee irratti hin hafne? jedhi!Kun boo'icha, wawwaannaas in ta'e.[83]