1Dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,
2?Yaa mucaa namaa! Fuula kee gara Yerusaalemitti deebisiitii iddoo qulqullaa'aa irratti lallabi! Biyya Israa'el irrattis raajii dubbadhu!
3Waaqayyo, biyya Israa'eliin, ?Kunoo! Ani siin nan morma, billaa koos mann'ee isaa keessaa nan luqqifadha, isa qajeelaa, isa jal'aas si keessaa nan kuta;
4isa qajeelaa, isa jal'aas si keessaa waanan kutuuf, billaan koo gara mirgaatii hamma gara bitaatti foon kan uffate hundumaa irratti mann'ee isaa keessaa in luqqifama.
5Egaa foon kan uffate hundinuu, ani Waaqayyo billaa koo mann'ee isaa keessaa akkan luqqifadhe haa beeku! Inni si'achi mann'ee isaatti hin deebi'u? jedhe.
6?Yaa mucaa namaa! Ati hamma mudhiin si citutti aadi! Isaan durattis gadda keessa ba'ee namatti hadhaa'uun aadi!
7Yommuu isaan ?Ati maaliif aadda?? siin jedhan, ati immoo ?Oduu waanan dhaga'eefan aada, yommuu wanti kun dhufu, onneen hundinuu na'ee in baqa, harki hundinuu in bushaa'a, lubbuun hundinuu in gaggaba, jilbi hundinuus bishaan in ta'a. Kunoo, kun in dhufa, in raawwatamas? jedhiin? Waaqayyo gooftaan kana dubbateera.
8Dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,
9?Yaa mucaa namaa! Ati raajii dubbadhu!? jedhe;
10
11
12
13?Qoramni dhuguma in dhufa; ati maaliif ulicha tuffatte ree? inni fiixaan hin ba'uu ree?? jedhe Waaqayyo gooftaan.
14?Yaa mucaa namaa! Raajii dubbadhu, harkas rukutadhu!
15
16
17
18Ammas dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,
19?Yaa mucaa namaa! Billaan mootii Baabilon akka irra dhufuuf ati karaa lama argisiisi! Karaan kun biyyuma tokko keessaa ka'uutu irra jira; iddoo inni itti mandarichatti jal'atu irras muka milikkitaa dhaabi!
20Karaa billaan Raabaa isa kan ijoollee Amoonotaatti dhufu tokko, karaa billaan biyya Yihudaa, mandara Yerusaalem ishee dallaa dhagaa qabdu irratti dhufus tokko argisiisi!
21Mootiin Baabilon hooda dubbachuudhaaf mataa wal ga'ii karaa irra in dhaabata, xiyyoolii gad in naqa, waaqayyolii tolfamoo warra mana keessaa in gaafata, tiruu horii qalamees in ilaala.
22Wanti gara mirga isaa bu'u hooda Yerusaalem irratti dubbatamuu dha; innis akka wanta ittiin masaraa jigsan dhaaban, qaluudhaaf akka itti ajajan, iyya lolaas akka itti dhageessisan, akka itti wanta ittiin masaraa jigsan karra dura dhaaban, akka itti wanta marsaadhaaf barbaachisu itti hojjetanii koobii itti hojjetan in hima.
23Kunis warra isaa wajjin ka'uudhaan walii galan duratti hooda sobaa in fakkaata; inni garuu yakka isaanii isaan yaadachiisee isaan in booji'aa?? jedhe*.
24Kanaafis Waaqayyo gooftaan, ?Sababii yakki keessan akka yaadatamu gootaniif, irra-dadarbaan keessan mul'ateefis, wanta hojjettan hundumaan cubbuun keessan in mul'ate; kana wanta gootaniif isaan isin in qabatu.
25Ati yaa guddaa Israa'el isa xuraa'aa fi jal'aa nana! Yaa isa guyyaan kee, guyyaan itti sitti faradamu ga'ee!? jedhe.
26Waaqayyo gooftaan, ?Marata of irraa baasi! Gonfoos of irraa fuudhi! Wanti akka amma jiru kanatti hafu hin jiru; inni gad deebi'aan ol in kaafama; inni ol ka'aan gad in deebifama.
27Badiisa! Badiisa! Badiisa nan fida; kunis hamma abbaan firdii sun dhufee, ani isatti kennutti hin ta'u? jedhe.
28Yaa mucaa namaa!
29
30
31
32