Macaafa Hisqi'el Raajichaa 24:1-27 GAZB1997 - Bible AI

1Waggaa salgaffaatti, ji'a kurnaffaatti, ji'icha keessaa guyyaa kurnaffaatti dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee*,

2?Yaa mucaa namaa! Guyyaan kun guyyaa itti mootiin Baabilon Yerusaalemin qabate waan ta'eef, maqaa guyyaa har'aa kana caaffadhu!

3Namoota warra didanii ka'anitti fakkeenyaan dubbadhu! Waaqayyo gooftaan,

3?Xuwwee sibiilaa ibidda irra kaa'i, irra kaa'iitii bishaan itti naqi!

4Gumaa fooniis keessa buusi! Foon lukaa fi foon harkaa, isa babba'eessa hundumaas keessa buusi! Lafee babba'eessas itti guuti!

5Foon bushaayee keessaa isa ba'eessa isaa fudhadhu, xuwwicha keessa lafeewwan naqi! Lafichis isa keessatti ba'eessa ta'ee affeelamee akka bilchaatu godhi!? jedha? jedhe*.[104]

6Kanaafis Waaqayyo gooftaan, ?Mandara dhiiga dhangalaaftuuf, xuwwee sibiilaa ligidaa'aa isa ligidaa'aan isaa ittii hin baaneefis wayyoo! Foonichas utuu hin fo'in gumaa gumaadhaan fuutee, xuwwicha keessaa hamma fixutti guuri*!

7Isheen lafa biyyoon itti deebi'uu danda'utti utuu hin ta'in, dhagaa kattaa bakkeetti mul'atu irratti dhiiga dhangalaafte; dhiigni isheen dhangalaafte amma iyyuu ishee keessa jira*.

8Ani aaree ijaa baafachuudhaaf jedhee dhiigni isheen dhangalaafte akka hin dhokfamnetti dhagaa kattaa bakkeetti mul'atu irra nan kaa'e? jedhe*.[105]

9Waaqayyo gooftaan, ?Mandara dhiiga dhangalaaftuuf wayyoo! Ani qoraanicha baay'isee itti nan tuula;

10qoraanicha itti tuuli, ibiddas itti qabsiisi, foonicha ba'eessa godhii affeeli, urgooftuu wajjinis wal fudhachiisi! Lafeenis haa gubatu.

11Xuwwichi sibiilaa akka ho'uuf sibiilli isaa inni borrajjiinis ho'ee akka finiinuuf, xuriin isaas baqee akka irraa ba'utti ligiddi isaas akka irraa ba'ee dhumutti, duwwaa isaa ibidda giimii irra kaa'i!

12Akkasumaan itti dadhaban; ligidi jabaan sun ibidda irratti iyyuu ittii hin baane.

13?Amma xuraa'ummaan kee hammeenya kee ti; ani si qulleessuu yaaleen ture, ati garuu xuraa'ummaa keettii hin qulloofne; dheekkamsi koo hamma qabbanaa'utti ati hin qullooftu*.

14Ani Waaqayyo dubbadheera; innis in ta'a, ani kana nan godha; ani akkasitti hin dhiisu, ani hin hiluuf, garaas hin laafuuf; akka adeemsa kee fi akka hojii keetti sitti in faradama? jedhe; Waaqayyo gooftaan kana dubbateera*.[106]

15Dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,

16?Yaa mucaa namaa! Kunoo, ani nama ati ilaaluu jaallattu rukuttaa tokkoon si duraa nan fuudha; ati garuu hin boo'in, hin wawwaatin, imimmaan kees hin buusin!

17Sagalee gad qabadhu guungumi; warra du'aniif hin gaddin! Marata kee mataatti hidhadhu, kophee kees miilla keetti kaa'adhu, wayyaa afaanitti hin qabatin! Buddeena gaddaas hin nyaatin!? jedhe*.

18Anis bulee namootatti nan dubbadhe, haati manaa koo immoo galgaluma gaafasii duute; borumtaas akkan abboomame nan godhe.[107]

19Namoonnis kana irratti, ?Inni ati akkas gootu kun hiikaan isaa nuuf maal akka ta'e nutti hin himtuu?? jedhanii na gaafatan.

20Anis isaaniif deebisee, ?Dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,

21mana Israa'elitti dubbadhu!? naan jedhe; Waaqayyo gooftaan, ?Kunoo! Ani mana qulqullummaa koo isa of jajuu humna keessanii ta'e, isa isin ilaaluu jaallattan isa lubbuudhaaf hawwitan nan xureessa; ilmaan keessanii fi intaloonni keessan warri isin dhiiftanii adeemtan billaadhaan in dhumu? jedhe*.

22Isinis akkuma ani godhe gootu malee, wayyaa afaanitti hin qabattan, buddeena gaddaas hin nyaattan;

23maranni mataa keessanitti, kopheenis miilla keessanitti haa taa'u! Isin yakka keessaniin mudhuktanii walii wajjin guungumaa malee, hin boo'inaa hin wawwaatinaas*!

24Waaqayyo, ?Hisqi'el milikkita ittiin of eeggattan isiniif haa ta'u; wanta hundumaa akkuma inni hojjetetti hojjedhaa! Wanti kun yommuu dhufu immoo, ani Waaqayyo gooftaa akkan ta'e isin in beektu? jedhe*.[108]

25Yaa mucaa namaa! ?Atis guyyaa ani da'oo isaanii, gammachuu isaanii, ulfina isaanii, isa isaan ilaaluu jaallatan, isa isaan lubbuudhaaf hawwan ilmaan isaanii fi intaloota isaanii isaan duraa fuudhu,

26gaafas namni jalaa baqatee dhufu oduu sana isinitti in hima.

27Guyyaa sana afaan kee in saaqama, namicha jalaa baqatee dhufu sanaa wajjin in haasofta, afaan kees deebi'ee hin hidhamu; atis namootaaf milikkita ittiin of eeggatan in taata; yommus ani Waaqayyo akkan ta'e isaan in beeku? jedhe*.[109]

ter>