Macaafa Hisqi'el Raajichaa 27:1-36 GAZB1997 - Bible AI

1Ammas dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,

2?Yaa mucaa namaa! Ati waa'ee Xiirosiif wawwaadhu!

3Isheedhaanis ati karaa karra galaanaa irra kan jiraattu, biyya daarii bishaanii jiran baay'ee isaaniitiifis naggaadee kan taate, Waaqayyo gooftaan,

3yaa Xiiros ati, ?Ani baay'ee miidhagduu dha? jetta*,

4daariin kee garaa galaanaa keessa, warri si ijaaranis baay'ee si miidhagsan,

5muka birbirsaa isa Siin'aarii dhufuun saanqaa siif hojjetan, muka gaattiraa isa Liibaanonii dhufes utubaa siif dhaaban*.

6Muka qilxuu isa Baashaanii dhufu irraa isa ittiin bishaan mooqan siif hojjetan, saanqaa muka birbirsaa isa Qophrosii dhufu siif afanii, ilka arbaa itti uffisan.

7Wayyaan muka talbaa irraa biyya Gibxiitti miidhagfamee hojjetame, milikkita ati, ittiin beekamtu ture; haarriin bifa waaqaa fakkaatuu fi buburreen, daarii biyya Eliishaahii dhufus uwwisa kee ture*;

8warri markaba kee oofan Sidoonii fi Arwaadii dhufan, yaa Xiiros! Namoota hojii beekan qabda turte, isaan markaba kee oofaa turan.

9Namoonni Gebaal warri hojii irra turan hundinuu, gara kee dhufanii mi'a sitti gurguraa, si irraa bitaas turan*.[118]

10?Namoonni Faares, Lud, Fuxis loltuu ta'anii siif hojjechaa turan, gaachana isaanii fi gonfoo sibiilaa isaanii, sitti fannisanii ittiin si miidhagsanii turan;

11namoonni Arwaadii fi Helek karaa hundumaa dallaa dhagaa keetti naanna'anii jiru; namoonni Gamaadiis mandara kee isa riqaa qabu keessa turan, isaanis gaachana isaanii naannessanii dallaa dhagaa keetti in fannisu, miidhagummaa kees fiixaan baasanii turan.

12?Tarshiish sababii baay'ina qabeenya keetiif sii wajjin nagadaa turte; yommuu waa si irraa bitaa turtes, meetii, sibiila, qorqorroo, dilaliidhaanis mi'a kee bitaa turte.

13Yaawaan, Tubaalii fi Meshek naggaadota kee turan; isaanis garbootaan, mi'a sibiila borrajjii irraa hojjetameenis mi'a kee si irraa bitaa turan*.

14Warri Togaarmaas fardeen ittiin hojii hojjetaniin, fardeen lolaatiin, gaangoliidhaanis mi'a si irraa bitaa turan*.

15Warri Dedaan naggaadota kee turan; warri galaana qarqara jiranis si irraa in bitu, sitti in gurgurus turan; isaan immoo ilka arbaa fi muka harsammeessaa siif kennaa turan.

16Warri Sooriyaa sababii baay'ina mi'a ati qabduuf sii wajjin nagadu; isaan Kaarbunkilin, mi'a bildiimaadhaan, uffata miidhagfamee hodhameen, haarrii gaariidhaan, elellaaniin, callee diimaadhaanis mi'a si irraa bitaa turan.[119]

17Warri Yihudaa fi warri Israa'el sii wajjin nagadu turan; qamadii biyya Miiniit, dhadhaa ejersaa, gagaa, damma, dibataa fi urgooftuudhaan mi'a kee si irraa bitaa turan*.

18Damaasqoon sababii mi'a ati qabduu fi badhaadhummaa kee isa guddaadhaaf jedhee, daadhii waynii isa Helboonii dhufuu fi rifeensa hiddamaa isa Zaahaarii dhufuun sii wajjin nagadaa ture.

19Warri Daanii fi warri Yaawaan sibiila tumamee hojjetameen, qurunfulliidhaan, muka urgooftuutiinis mi'a si irraa bitaa turan.

20Warri Dedaan immoo baladii horii yaabii sitti nagadachaa turan.

21Warri Arabaa fi gurguddoonni warra Qedaar hundinuu, xobbaallaa, korbeeyyii hoolaa fi re'ootaa sitti gurgurachaa turan*.

22Naggaadonni warra Shabaa fi Ra'imaam, urgooftuu hundumaa irra caaluun, dhagaa gati-jabeessaa fi warqeedhaan mi'a si irraa bitaa turan*.

23Warri Haraan, Kanee, Eden, naggaadonni biyya Shabaa Asorii fi Kilmaad sii wajjin nagadaa turan*.

24Isaan kun naggaadota kee turan, uffata miidhagaa, uffata bildiimaa, uffata miidhagfamee hodhamee bifa garaa garaa qabu, funyoo ba'eessa ta'ee micciiramee dha'ames sitti nagadachaa turan.[120]

25?Markaboonni biyya Tarshiish mi'a kee siif in deddeebisu turan, garaa galaanaa keessattis ati mi'a ulfaataadhaan guutamtee turte*;

26warri akka markabaatti si oofan gara galaana guutuutti si geessan; garuu qilleensi gara ba'a-biiftuu garaa galaanaa keessatti si caccabse;

27guyyaa ati itti diigamtutti, badhaadhummaan kee, mi'i kee, mi'i nagadaa kee, hojjetoonni markabaa kee fi warri markaba kee oofan, naggaadonni kee, loltuun kee hundinuu, namoota si keessa jiran hundumaa wajjin, garaa galaanaa keessatti in liqimfamu;

28yommuu namoonni markaba kee keessaa iyyan, warri biyya qarqara galaana sanaa keessa jiran in raafamu.[121]

29?Warri markaba oofan isa irraa gad in bu'u, warri isaan gargaaranii fi warri markabicha keessaa hojjetan immoo daarii galaanaa in dhaabatu;

30isaanis sagalee guddaadhaan iyyanii siif in boo'u, gadda irraa kan ka'es awwaara mataa isaanii irra in firfirsu, daaraa keessas in gangalatu;

31siifis mataa isaanii in haaddatu, uffata gaddaas in uffatu; yaada gaddaatiin siif in boo'u, gadda guddaas siif in gaddu;

32yommuu gaddanis siif boo'anii, ?Akka Xiiros eenyutu galaana keessatti sagaleen isaa badee beeka?? in jedhu;

33mi'i kee galaana irraa yommuu siif dhufaa ture, ati saba baay'ee in quufsita turte, badhaadhummaa kee isa baay'eedhaa fi mi'a nagadaa keetiin, mootota lafa irraa in sooromsita turte;

34amma garuu ati galaana keessatti, bishaan gad fagoo keessattis in caccabde, mi'i nagadaa kee fi hojjetoonni kee sii wajjin in liqimfaman;

35warri biyya galaana qarqaraa keessa jiraatan hundinuu, waa'ee keetiif in na'an, mootonni isaaniis baay'ee in sodaatan, fuulli isaaniis in geddarame;

36naggaadonni saba gidduudhaa sitti in ga'isu, ?Dhumni kee baay'ee nama sodaachisa, bara baraanis deebitee hin jiraattu!? jedhu? jedhe*.[122]

ter>