6Kanaafis Waaqayyo gooftaan, ?Ati Waaqayyo isa ogeessa waan of seetuuf,
7ani immoo kunoo, orma, saba isa baay'ee gara-jabeessa billaa isaa miidhagummaa kee fi ogummaa kee irratti luqqifatee, ulfina kee isa calaqqisaa xureessu si irratti nan fida*;
8isaan boolla keessa si buusu, ati garaa galaanaa keessatti du'a gadhee in duuta*;
9ati warra si ajjeesan kana duratti amma iyyuu ?Ani Waaqayyoo dha? in jettaa ree? Ati harka warra si ajjeesanii keessatti namuma malee, Waaqayyo miti.
10Ati harka ormaa keessatti du'a nama dhagna hin qabatinii in duuta? jedhe; Waaqayyo gooftaan kana dubbateera.[125]
13Ati iddoo dhaabaa Waaqayyooisa Eden jiru keessa turte;dhagoonni gati-jabeeyyiin hundinuu,Saardiiyon, Tophaaziyon, Yaasphis, Krisoliixos,Sardoniikis, Beerilos,Safiiros, Kaarbunkil,Simaaragidosis si miidhagsu turan;wanti sitti naqamee fi sitti maxxanfamehundinuu warqee irraa hojjetame;isaanis yommuu ati uumamte qopheeffaman*.
14Ani akka Kiruub eegduuisa dibamaatti sin dhaabe,ati tulluu koo isa qulqullaa'aa irra in teesse,ati dhagaa ibiddaa gidduus in deddeebita turte*;
15ati gaafa uumamtee jalqabdee,hamma jal'inni si irratti argamutti,adeemsa keettimudaa hin qabdu turte.
16Garuu ati sababii nagadi keeguddaa bal'ateef,jal'inni si keessa guute,cubbuus hojjette;kanaaf ani tulluu Waaqayyoo irraaakka wanta xuraa'aattigad si darbadhee si balleesse.Yaa isa akka Kiruub eegdichaa!Dhagaa ibiddaa sana gidduudhaas sin baase.
17Sababii miidhagummaa keetiifgaraan kee in koore,sababii simboo keetiifisogummaa kee in balleessite;kanaaf ani lafatti gad si darbadhee,mootonni akka si ilaalan godhe;
18ati yakka kee isa baay'eedhaan,nagada kee isa jal'aadhaanis,iddoo qulqullaa'aaisa kan keetii in xureessite;kanaafan ibiddi si keessaa ba'ee,akka si fixu godhe,warra si ilaalan durattis,akka ati daaraa taatee lafatti dabalamtu nan godhe.
19Warri si beekan hundinuuwaa'ee keef in gaddu,ati dhuma nama sodaachisubira geesseetta,deebitees hamma bara baraattihin argamtu? jedha? jedhe*.[126]
20Ammas dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,
21?Yaa mucaa namaa! Ati fuula kee gara Sidoonitti gara galchii ishee irratti raajii dubbadhu!
22Waaqayyo gooftaan,?Kunoo! Ani si irratti ka'eera,ani si keessatti ulfina nan argadha yaa Sidoon!Ani ishee irratti firdii raawwadhee,qulqulluu akkan ta'eyommuun mul'isu,ani Waaqayyo akkan ta'enamoonni ishee in beeku.
23Ani dha'icha ishee irratti nan erga,karaa ishee irrattis dhiigniakka dhangala'u nan godha,ishee keessatti billaa isakaraa hundumaanisheetti dhufuunrukutamanii in kufu;yommus ani Waaqayyo akkan ta'e isaan in beeku*.[127]
24? ?Si'achi olloonni warri mana Israa'el jibbanii akka baalaanwaraantee waraananii dhukkubsanii fi akka qoraattii qara qabuu isaan waraanan hin jiran?; yommus ani Waaqayyo gooftaa akkan ta'e isaan in beeku? jedhe.
25Waaqayyo gooftaan, ?Yommuu ani mana Israa'el saba warra isaan keessatti tamsa'anii turan hundumaa keessaa walitti qabee saba lafa irraa duratti akkan qulqulluu ta'e isaanitti argisiisu, isaan immoo biyya isaanii isa ani Yaaqoob garbicha koof kenne keessa in jiraatu*;
26achi keessa nagaatti in jiraatu, mana in ijaaru, wayniis in dhaabbatu; yommuun olloota isaanii warra isaan jibban hundumaa irratti firdii raawwadhu, isaan immoo nagaatti in jiraatu; yommus ani Waaqayyo gooftaa isaanii akkan ta'e isaan in beeku? jedhe*.[128]