Macaafa Hisqi'el Raajichaa 30:1-26 GAZB1997 - Bible AI

1Ammas dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,

2?Yaa mucaa namaa! Raajii dubbadhu! ?Waaqayyo gooftaan:- Boo'i! Guyyaa sanaaf wayyoo! jedhi!

3Guyyaan sun dhi'aateera, guyyaan Waaqayyoo dhi'aateera, guyyichi guyyaa duumessaa ti, yeroon sun yeroo saba lafa irraatti faradamu in ta'a*;

4biyya Gibxii irratti billaan in dhufa, biyya Kuush irras naasuun in bu'a; yommuu biyya Gibxiitti namoonni rukutamanii kufan, badhaadhummaan ishee yommuu jalaa fudhatamu, hundeen ishees yommuu jalaa jigu,

5biyyi Kuush, biyyi Fux, biyyi Lud, tuuti saba garaa garaas, biyyi Kubii fi ilmaan biyya sanaa warri ani dur isaanii wajjin kakuutti gale biyya Gibxii wajjin billaadhaan in dhumu? jedhe.

6Waaqayyo gooftaan, ?Warri Gibxitti irkatan in kufu, Miigdolii hamma Aswaanitti ishee keessatti billaadhaan in kufu, humni ishee inni isheen ittiin koortus in kufa? jedhe? jedhe. Waaqayyo gooftaan kana dubbateera.[134]

7Itti fufees Waaqayyo, ?Isaan biyya one keessatti in dhumu; mandaroonni isaaniis mandaroota warra diigamanii wajjin in diigaman.

8Yommuu ani biyya Gibxiitti ibidda naqu, warri ishee gargaaran hundinuus yommuu caccaban, yommus ani Waaqayyo akkan ta'e isaan in beeku*.

9Yommus ani ergamaa markabaan nan erga, innis Kuushin dammaqsee in naasisa; guyyaa Gibxitti faradamuuf jiru sanatti naasuun isaan in qabata. Kunoo, guyyichi dhufaa jira!? jedhe*.[135]

10Waaqayyo gooftaan, ?Ani harka Nebukadnezaar mootii Baabiloniin baay'ina warra Gibxii akka hin jirre nan godha*.

11Innii fi sabni isaa warri baay'ee gara-jabeeyyiin biyya sana balleessuudhaaf in dhufu, billaa isaanii warra Gibxii irratti in luqqifatu, biyyichis warra qalamaniin in guuta*.

12Ani bishaanota laga sanaa nan gogsa, biyyichas namoota hamootatti nan gurgura; biyyichaa fi waan isa keessa jiru hundumaa harka warra ormaatiin nan onsa; ani Waaqayyo kana dubbadheera? jedhe*.[136]

13Waaqayyo gooftaan, ?Ani waaqayyolii tolfamoo nan balleessa, bifa fakkeenyaas mandara Memfiis[137] keessaa nan fixa; biyya Gibxii keessatti deebi'ee guddaan biyyaa hin argamu, ani biyya Gibxii keessa sodaa nan buusa.

14Ani Faaxrosiin nan diiga, Zo'aanitti immoo ibidda nan naqa, No'ittis nan farada*.

15Ani, ?Siin? ishee da'oo warra Gibxii taate irratti dheekkamsa koo nan dhangalaasa, baay'ina warra No'iis muree nan balleessa.

16Ani biyya Gibxiitti ibidda nan naqa, ?Siin? baay'ee na'ee in hollata, No'i humnaan in fudhatama, Memfiis immoo guyyaa hundumaa in dhiphata.

17Dargaggoonni mandara Aween keessa jiranii fi mandara Phii-Beset keessa jiran billaadhaan in kufu; warri mandaroota sana keessa jiraatanis booji'amanii in adeemu.

18Yommuu ani waanjoo warra Gibxii caccabsu, Taahafeneetti guyyaan in dukkanaa'a; yommus humni isheen ittiin koortu in dhuma, duumessaanis in haguugamti, intaloonni ishees in booji'amu*.

19Akkasitti ani biyya Gibxiitti nan farada; yommus ani Waaqayyo akkan ta'e isaan in beeku? jedhe.[138]

20Waggaa kudha tokkoffaatti, ji'a tokkoffaatti, ji'icha keessaa guyyaa torbaffaatti dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,

21?Yaa mucaa namaa! Ani irree Fara'oon mootii Gibxii cabseera; inni fayyee jabaatee billaa ittiin qabachuu akka danda'utti, namni sabbataan irree isaa walitti hidhee fayyise hin jiru? jedhe*.

22Kanaafis Waaqayyo gooftaan, ?Kunoo! Ani Fara'oon mootii Gibxii irratti nan ka'a, irree isaa isa cabaadhaa fi isa fayyaa nan caccabsa, billaas isa harkaa nan buusa;

23ani warra Gibxii saba lafa irraa gidduu nan tamsaasa, biyya keessas isaan nan facaasa.

24Ani irree mootii Baabilon nan jabeessa, billaa koos harka isaa keessa nan kaa'a, irree mootii Gibxii immoo nan cabsa, innis mootii Baabilon duratti akka nama madaa'ee du'uuf jedhuu in aada*.

25Ani irree mootii Baabilon nan jabeessa, garuu irreen mootii Gibxii lawwaasa'ee in kufa; yommuu ani billaa koo harka mootii Baabilon keessa kaa'ee, inni immoo warra Gibxiitti isa mirmirsu, yommus ani Waaqayyo akkan ta'e isaan in beeku.

26Ani warra Gibxii saba lafa irraa gidduu nan tamsaasa, biyya keessas isaan nan facaasa; yommus ani Waaqayyo akkan ta'e isaan in beeku? jedhe*.[139]

ter>