1Waggaa kudha tokkoffaatti, ji'a sadaffaatti, ji'icha keessaa guyyaa tokkoffaatti dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,
2
3
4
5
6
7
8
9
10Kanaafis Waaqayyo gooftaan, ?Waan inni ol dheeratee, fiixee isaas mataa mukkeetii gara irraa qabatee, dheerina isaatiinis of jajuuf*,
11ani immoo, isa nan gata, harka isa saba baay'ee mo'utti dabarsee isa nan kenna; innis akka hammeenya isaatti isa irratti in hojjeta;
12sabni ormii fi baay'ee gara-jabeessi muree isa in gata, dameen isaas tulloota irratti dachaa hundumaa keessattis in kufa; baalli isaas laga biyya sanaa hundumaa keessatti in caccaba, sabni lafa irra jiran hundinuus isa dhiisanii gaaddisa isaa jalaa in yaa'u*.
13Muka isa jige sana irra simbirroonni qilleensa keessa balali'an hundinuu in qubatan, bineensonni caakkaa hundinuus damee isaa gidduutti in galan;
14warri akkasii du'aaf kennamanii, boolla iddoo lafa jalaa warra du'an gidduu waan dhaqaniif, mukkeetiin bishaan biraa ol hin dheeratin! Fiixee isaaniis mataa mukkeetii gara irraa hin aansin! Mukti bishaan ba'eessa godhee argatu tokko illee akkas hin dheeratin!? jedhe!
15Ammas Waaqayyo gooftaan, ?Yommuu inni iddoo lafa jalaatti gad bu'u, ani immoo bishaan isa gad fagoo duuchee isa irra nan gara galcha, burqaa isaas nan cufa, bishaan isaa inni baay'eenis in ittifama; kanaafis Liibaanon isaaf akka gadditu nan godha, mukkeetiin caakkaa hundinuus in coollagu.
16Yommuu ani warra boolla keessa buufamanii wajjin gara iddoo lafa jalaatti gad isa darbadhe, sabni lafa irraa sagalee kufaatii isaatii dhaga'anii in hollatan; yommus mukkeetiin Eden, mukkeetiin Liibaanon warri fo'amoonni hundumaa caalan, warri bishaan argatan sun, iddoo lafa jalaatti in gammadan;
17isaan warri gaaddisa isaa jala jiraachaa turan, warri saba keessatti garee isaa turan, isaa wajjin gara iddoo lafa jalaatti gad bu'anii, warra billaadhaan dhuman bira in dhaqan.
18Mukkeetii Eden keessaa ulfinaa fi guddinaan isa kamitti fakkeeffamta? Haa ta'u iyyuu malee, atis mukkeetii Edenii wajjin gara iddoo lafa jalaatti gad in buuta; ati warra billaadhaan dhumanii wajjin warra dhagna hin qabatin gidduu in ciifta; kun Fara'oonii fi macca isaa hundumaa ti? jedhe; Waaqayyo gooftaan kana dubbateera*.